“Maallaqni irraa hinargamu jedhamee dhaloota ijaaruurraa duubatti hinjedhamu” Obbo Masaafinti Tafarraa

Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa (DhPI) dhaabbata maxxansaa mootummaa tokkicha waggoota 84n darban odeeffannoo amanamaa dubbistootasaa biraan saffisaan ga’aa tureefi jiruudha.

Bu’aalee maxxansaa dhaabbatichaas Gaazexaa Bariisaa, Addis Zaman, ‘The Ethiopian Herald’, Wagaahitaa, Bakkalchoo yoo ta’an gama baruuleetiinis Barruu Zaman Ikkonomiifi Bilaateenaat maxxansiisuun dubbistoota biraan ga’aa jira. Akkasumas karaa onlaayiniidhaan Afaanota Somaaleefi Affaariin tajaajilaa kan jiru yoo ta’u, miidiyaa dijitaalaaf haala adda ta’een ‘Gazette Plus’dhaan odeeffannoo ummata biraan ga’aa jira.

Ji’a Guraandhalaa darberraa eegalee ammoo barruulee daa’immanii Naa’ota jedhamu Afaan Oromootiin maxxansiisuun daa’imman irratti xiyyeeffatee hojjechuu jira. Carraadhuma kanaan waa’ee moggaasa Naa’otaa ibsuuf jechi Naa’otaa jedhamu bu’uurrisaa Afaan Oromoo jecha naa’oo jedhamurraa kan argameedha.

Jechi naa’oo jedhamu kun oggaa baay’atu naa’ota ta’a. Akka galmeewwan adda addaa, hayyoota aadaafi afaaniirraa odeeffannetti Naa’oon ijoollee, gurbaa yookaan intala bakka bu’a. Barruun Afaan Amaaraas moggaasa ‘Bilaateenaat’ jedhamuun ji’oota dura eegalameera.

Abbaan mul’ata kanaafi Raawwachiisaan Hojii DhPI Obbo Masaafinti Tafarraa yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, barruuleen daa’immanii akka eegalamuuf ka’umsa kan ta’eef nama maxxansatti dhihoofi waan argatan dubbisan ta’uurra darbee hawaasa biyya alaarraa yeroo baay’ee waan isaan hawwatu qabaachuu himu.

Warri biyya alaa akka daa’immaniif ta’utti yaadrimeewwan ulfaatoo fakkaatan akka hubachuu danda’anitti maxxansa qopheessaniif yeroo dheeraaf qalbiisaanii akka isaan hawwataa ture himu, Obbo Masaafinti.

Fakkeenyaaf akaakuu barnootaa fiiziksii keessatti Awuutoo Makaaniksiin yaadrimee walxaxaafi namoonni guguddoonillee hubachuuf rakkatan ta’uu kaasanii, isaan garuu haala daa’immaniif ta’uun addatti bifa salphaan umuriisaaniin qoodanii qopheessanii akka dhiheessan dubbatu.

“Wantoonni akkasii dhaloota egere biyya dhaaluuf hojjetamuu qaba jedheen amana. Wayita biyyoonni addunyaa beekumsa ummataa qaban gabaaf dhiheessan kanatti dhaloota akkanaa omishuun dirqama.

Yoo daa’imman irratti hinhojjetamne dhaloota bor biyya dhaalee ceesisu argachuun rakkisaadha. Ani akka nama dhuunfaatti beekumsa barnoota idileedhaan argadherra wantoonni akka beekumsasaanii gabbifataniif dhihaatanii nicaalu jedheen amana” jedhu.

Gama kanaan Itoophiyaa keessatti wanti hojjetame baay’ee muraasa ta’uu himanii, waan barnoota idileen alaa dubbisan baay’inaan qabaachuu mitii innumti kan idileeyyuu kitaabni barataa tokko nama saddeetiin yeroon ittifayyadaman jiraachuu kaasu. Daa’imni tokko osoo kitaabota oduu duriillee hinilaaliin yeroon barnoota sadarkaa olaanaa ittiqaqqabu jiraachuufi kun ammoo akka biyyaatti cabiinsa guddaa ta’uu ibsu.

Kanarraa ka’uun miidiyaa maxxansaa umurii dheeraa qabu kana keessatti barruuleen daa’imman qofarratti xiyyeeffatte ji’oota muraasa dura Amaariffaan maxxanfamuu eegaluu eeranii, Guraandhalarraa eegalee ammoo Afaan Oromootiin Naa’otaan maxxanfamuu jalqabuu dubbatu.

Daa’imman afaansaanii Amaariffaan hiikkatan gahaa tahu baatus amma tokko waan dubbisan muraasa kan qaban ta’uu kaasanii, kanuma ga’eessotaas asoosamawwan garagaraa dubbisuuf carraa akka qaban himu. Afaan Oromoorratti garuu akkuma waliigalaattuu guddinni hogbarruu sadarkaa barbaadamurra ga’ee waan hinjirreef daa’imman waan dubbisan kan rakkatan ta’uu himu.

DhPIn miidiyaa maxxansaa waggoota 84 lakkoofsise yoo ta’u; akka hangafummaasaatti dhimmi kun eenyuyyuu caala kan ilaallatu dhaabbatichuma waan ta’eef jalqabuu kan qabus isuma ta’uu kaasanii, ta’us waggoota dheeraaf bu’aalee gaazexaa maxxansiisu keessatti fuula ykn bo’oo muraasa kennuufiin torbanitti si’a tokko qofa dhimma daa’immanii qabatee ba’aa turuu yaadachiisaniiru.

Kunis waa’een daa’immanii qabiyyee ga’eessotaa wajjin dhihaachuun kan jajjabeeffamu miti. Dhimmoonni siyaasaa, yakkaafi kan sammuusaanii hingitne biraanis waan irratti keessummaa’uuf isaaniif rakkisaa ta’uu himu.

Akka ibsa Obbo Masaafintitti, biyya daa’imman gara dhibbantaa 46 qabdutti waa’een daa’immanii sadarkaa kanaan dagatamuu isaa quuqqaa uumuu qaba. Kanammoo miidiyaan maxxansaarratti hojjechuu waan qabuudha.

Daa’imman waan dubbisan haala isaaniif ta’uun argatanii kunuunfamanii guddachuu qabu. Kanarraa ka’uun DhPIn kaka’umsasaa fudhatee yeroo waggaa tokko hinguunne keessatti barruulee lama, afaanota lamaan daa’immaniif dhiheesseera; afaanota birootiinis kan ittifufu ta’a.

“Aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaan saba tokko kan iti calaqqasiifamu afaan ta’uu kaasanii, afaaniin garuu wanti naannawaa tokkotti himamu isa kaan irraa adda taanaan yaadamni adda ba’e ni uumama.

Yaadamni waloos hinuumamu. Akka biyyaatti Itoophiyaan kan hundaa akka taatu barbaadama. Kana jechuun waan bakka tokkorraa maddu guutuu biyyaatti akka tamsa’u osoo hintaane, wanti bakka tokko jiru bakka biraas akka ga’u ta’uu qaba. Aadaa, duudhaa, barsiifanniifi wantoonni gaarii biroon bakka afaanichi dubbatamu qofatti osoo hintaane bakka biraa afaanichi hindubbatamnettis beekamuu qaba” jedhu.

Daa’imman waa’ee biyyasaanii beekuuf dirqama afaanoota hunda beekuu hinqaban. Kallattii hundarraa, biyya keessaas ta’u addunyaarraa waan jiru afaanumsaaniitiin dhihaachuufii akka qabu hubachiisu.

Akka raawwachiisaan hojii kun jedhaniitti, gama kanaan barruuleen naa’otaas daa’imman afaansaanii Afaan Oromootiin hiikkatan waa’ee biyyasaanii beekumsaafi odeeffannoo ga’aa qabaachuu qabu.

Biyyasaanii jechuun naannawasaanii qofa jechuu miti. Waa’ee guutuu Itoophiyaa darbees waa’ee addunyaa hubannoo ga’aa akka qabaataniif nigargaara. Fakkeenyaaf waa’ee addunyaa beekuuf dirqama Ingiliffa beekuun osoo irra hinjiraatiin afaanumsaaniitiin hubachuu isaan dandeesisa. Odeeffannoofi beekumsi afaan biraatiin jiru daa’immaniif nifayyada jennee yommuu yaadnutti afaansaaniitiin dhiheessuufii danda’uu qabna.

Gama biraatiinis duudhaafi safuu ummataa dagatamaa deeman deebisuu keessatti gahee mataasaa akka qabu himanii, akka fakkeenyaattis yeroo miidiyaan dijitaalaa baay’atee namni hundi xiyyeeffannaansaa isaa gara sana ta’ee, hariiroon maatummaa, ollummaa, firummaafi hiriyyummaa laafaa dhufe kanatti daa’imman umuriisaanii jalaarraa kaasee waa’ee aadaafi duudhaasaanii yoo dubbisaa guddatan hariiroo hawaasummaa isa duriitti akka deebi’an isaan gargaara jedhu.

Oduu durii, hibboofi taphiwwan addaddaa ijoollee dagatamaa dhufanis yaadatamuun caalaatti yeroo akka waliin dabarsaniif akka fayyadu kaasu.

Keessumaa yeroo ammaa wayita wantoonni miidiyaa dijitaalaarratti ijoolleef hinmalle gadhiifaman baay’atan kanatti filannoo akkanaatiin dhufuun faayidaa olaanaa akka qabu kaasanii, kana malees aadaa dubbisuu akka biyyaattuu cabe deebisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu himu.

Egaa barruulee haala kanaan ittiyaadameefi karoorfamee daa’immaniif dhihaachuu kaasanii, barruu kana DhPIn ittigaafatamaan haa maxxansu malee daa’imman bira ga’uu kan danda’u hirmaannaa qaamolee hundaan ta’u himu.

Barruuleen kun akka miidiyaa birodkaastii saatalaayitiirratti gadi lakkifamee abbaa qaqqabe haa qaqqabu kan jedhamu akka hintaane kaasanii, maxxansa waan ta’eef qabatamaadhaan daa’imman bira ga’uu akka qabu dubbatu.

“Isa kanaaf ammoo wantoonni danqaa ta’an baay’een jiru. Raabsitoonni, ejentoonniifi gurgurtoonni kitaabaa lakkoofsisaanii hir’iseera. Isaan kanneen qofa abadannee ammoo qaqqabuu hindandeenyu. Mana hunda ga’uu dadhabnu illee manneen barnoota hunda akka ga’uuf garuu hojjetamuu qaba. Kanaaf manneen barnootaa maamila dhaabbii ta’anii fudhatanii mana kitaabaa keessa kaa’uun ijoollee bira akka ga’u taasisuu qabu” jedhu.

Biirooleen barnootaa qulqullina barnootaa ittiin mirkaneessuu keessatti itti fayyadamuu akka qaban himanii, qabiyyee isaa ilaalanii faayidaasaa hubatanii irratti hojjechu qabu. Akkuma daa’imman sababa hanqina nyaataatiin mana barumsaa irraa hinhafneef soorri barattootaa eegalame, dhaloonni beekumsa madaalawaa akka argatuufis hojjetamuu akka qabuufi haala kanaan hunduu ittigaafatamummaasaa ba’achuu akka qabu gaafatu.

Barruuleen daa’immanii yommuu maxxanfamu beeksisawwan akka irratti hinmaxxanfamne seerri birodkaastii akka dhorku kaasanii, DhPInis barruulee kana baasii olaanaadhaan kan maxxansiiseef bu’aa ittiin argachuuf osoo hintaane ittigaafatamumma hawaasummaasaa ba’achuuf yoo ta’u, qarshiin ittiin hinargamu jedhamee ammoo dhaloota hinijaariin waan hinhafamneef itti seenuu kaasu.

Kanaaf abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa, kanneen dhuunfaa akkasumas lammileen biyya alaa jiran barruu Naa’ota kana tumsuun kaayyoo jedhamee biraan akka ga’aan waamicha dhiheessu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You