“Konkolaataa Waan Ofii akaakuuwwan sadiifi bidiruu namoota 12 fe’u kalaqee tajaajilaaf oolchuun maqaakoos kan Matahaaraas beeksiseera” – Dargaggoo Naafyaad Mokonnon

Dachee biiftuun itti hindhiine Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Matahaaraatti dhalatee guddate. Matahaaraan sa’aatii 24:00 keessummaa anaa dhufu jettee simachuun kan fedhu fuduraan kaan qurxummii dhandhama mi’aawaa qabuufi bu’aa hara Basaqaa ta’een simattee aara galfachiisti.

Akkuma harki taa’u deega labsa jedhamu harkasaa maratee taa’uurra olii gadi warraaquun barnoota qalamaa hordofuu cinatti kutaa 7ffaarraa kaasee gumii saayinsii keessa waan tureef kalaqasaa har’aaf bu’uura kan buuseef isa ta’uu dargaggoon kun kaasa.

Kutaa 7ffaarraa kaasee kalaqa istoovii, maashina daabboo tolchu, maashina biddeenaa hojjechuurra darbees sibiilota naannoosaarraa argateen saayikilii kalaquun barnootasaa kutaa 7ffaa ittiin deddeebi’ee barachaa maqaa horachuu eegale.

Akkuma biiftuu jirtu suksuku jedhamu umriin dargaggummaa yeroo itti olii gadi fiiganii hojjechuun of, maatii ofiifi biyya ofii itti beeksisan umrii dinagdeen itti of humneessan waqtii qophaa’ummaa, beekamtiifi duuniyaa itti horataniifi yeroo murteessaadha.

Umrii dargaggummaa kanatti harki hinwarraaqne yoo jiraate kan hiyyummaaf harka kennate yoo ta’u; dargaggoo Naafyaad Mokonnon miira kutannoo keessasaa buleen abbaa kalaqaa ta’ee fayyadamummaasaa mirkaneessuurra darbee dargaggoota biroof carraa hojii uumuu kaasa.

Dargaggoo Naafyaad dhalatee kan guddate Godina Shawaa Bahaa, magaalaa aduun itti hindhiine giddugala daldalaa qarqara hara Basaqaatti argamtu Magaalaa Matahaaraatti.

Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Matahaaraatti, sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Daandii Guddinaa Matahaaraatti hanga kutaa 12tti barachuun duubarra gara Kolleejii Poolii Teknikii Aanaa Fantaallee Martiitti argamutti barachuuf fuula naanneffachuu dubbata.

Barnootasaa awutoomakaanikiin achitti eegalee gara Poolii Teknikii Adaamaatti jijjiirrachuun ga’umasaafi fedhii ogummaa teknikii isa keessa bule cimsachuu eegaluu kaasa.

Barnoota teknikii achitti hordofu cinatti hojii kalaqaarratti xiyyeeffatee ga’umsa kalaqaasaa olkaasaa dhufeera. Kolleejicharraas barnoota awutoomekaaniksiin dippiloomaan eebbifamee yeroo jalqabaaf konkolaataa Waan Ofii lakkoofsa 1 jedhamtu kalaquun sadarkaa Oromiyaattis sadarkaa biyyaattis badhaafamaa ta’eera.

Maqaa konkolaataasaa jalqabaa Waan Ofii Lakkoofsa 1 jedhee moggaase kun namoota sadii kan feetu yoo taatu; tajaajila geejibaa Magaalaa Matahaaraatti kennaa turte.

Moggaasni maqaashii Waan Ofii Lakkoofsa 1 kan jedheefis dandeettii ofiitti fayyadamee kalaquusaaf Waan Ofii jechuu Lakkoofsa 1 kan jedhummoo ittifufiiinsaan hojjechuuf fedhii isa keessa jiru agarsiisuuf kaayyeeffatee hojjechuuf fedhiin keessasaa akka jiru agarsiisuuf moggaasuu dubbata.

Duubarra abjuu isa keessa bule kana milkeessuuf konkolaataa Waan Ofii lakkoofsa 2 kan namoota jaha baattu dabalataan kalaquun rakkoo tajaajila geejibaa magaalaa keessaa furaa jiraachuu himeera.

Abjuun koo kanaan hindhaabatu kan jedhe dargaggoo Naafyaad bifa addaan konkolaataa Waan Ofii Lakkoofsa 3 kalaquun sanuu kan namoota saddeet feetu tajaajilaaf oolchuurra darbee madda galii godhachuu dandaheera.

Hojii kalaqaa konkolaataa hojjechaa jiru kanaan sadarkaa naannoorraa hanga biyyaatti badhaasa argachaa kan ture yoo ta’u; sirna badhaasaa Baankiin Awaash qopheesserraa 1ffaa bahuun dargaggoo qarshii kuma 700 dhuunfachuu dandahedha.

Duuba kanaa Magaalaa Matahaaraa giddugala hawwata tuuristii taasisuuf sosochii mootummaan taasisaa ture xiyyeeffannoon ilaalaa turuu dargaggoon kun nikaasa.

Harri Basaqaa barootaaf akka bishaan abaarsaatti ilaalamaa ture xiyyeeffannoo argatee madda qurxummii hirbaanni guyyuufi madda dinagdee dhalootaa ta’ee tajaajiluun ala haala kanaan dura hinbeekamneen naacha keessatti horsiisuun wiirtuu hawwata tuurisitii taasifamuun daran isa dinqisiisaa dhufuu dubbata.

Mul’ata hara Basaqaa misoomsuun madda dinagdee gochuuf mootummaan qabatee ka’e ijaarsa Loojii Beenuunaan miidhagee badhaadhee kumaatama simachuun noorsisee bashannansiisee Magaalaa Matahaaraa fuduraafi muduraan badhaate hawaas dinagdeeniifi gama maraan guddisuuf jalqabe kanaan masakamee animmoo maal hojjechuun qaba yoon maal hojjedhe magaalaakoos ta’e ofis fayyaduu dandaha mul’anni jedhu isa keessa buluu eegala.

Bu’uuruma kanaan namoonni bakka bashannanaa Loojii Beenuunaa dhufan hara basaqaa kanarra kan itti bashannanan bidiruu hojjechuuf hojiitti seenuu dandaheera.

Mul’atasaa kana dhugoomsuuf of kennee hojjechuun bidiruu nama 12 fe’u kalaquun dinagdeesaa fooyyessuun alatti amma humnasaa miidhagina Magaalaa Matahaaraaf sinboo ta’uu dandaheera.

Kaleessa dheengadda bidiruun hara basaqaarratti tajaajila bashannanaa kennu akka hinjirre kan kaase dargaggoo Naafyaad; bidiruu aadaa dargaggoonni qurxummii kiyyeessuuf itti fayyadaman qofatu ture jedha.

Amma garuu dandeettii kalaqaa isa keessa buleen bidiruu nama 12 fe’u kalaquun tajaajila bashannanaa haroorraa kennuun dinagdeesaa guddisaa hara Basaqaaf sinboo ta’aa jira.

Bidiruu inni kalaqe kun bifa ammayyaan miidhagsee kan hojjete yoo ta’u; motora doqdoqqee tajaajilaa ala ta’e suphuun hawwataa godhee hojjetee Basaqaa dur fagootti dheessamu giddugala bashannanaa taasisuu dandaheera. Bidiruu kana hojjechuuf waliigala qarshii kuma 300 baasii kan itti godhe yoo ta’u; guyyaa hojiitti seenee kaasee galii madaalawaa irraa argachaa jiraachuu dargaggoo Naafyaad nidubbata.

Sosochii kalaqaa inni gama kanaan taasiseen Bulchiinsi Magaalaa Matahaaraas qarqara hara Basaqaarraa bakka hojii isaaf kennuu kan kaase dargaggoon kun; giddugala bashannanaa banuun keessummoota achi dhufan kan Magaalaan Matahaaraa horteen keessummeessaa hara Basaqaarra bidiruu bashannansiisaa guddina dachee biiftuun itti hindhiine Magaalaa Matahaaraa olkaasaa ofis biyyasaas maqaa waamsisaa tuuristoota hawwachaa jira.

Miirri kutannaa jiraannaan hojii hojjetanii ofis ta’e biyya ofii jijjiiruun salphaadha kan jedhe dargaggoo Naafyaad; mul’ata ganama keessasaa bule ogummaafi teknikaan of ijaaree dinagdeesaa fooyyessaa jiraachuu dubbata.

Akka ibsasaatti konkolaattotasaa sadan Waan Ofii tokko, lama, sadi kalaqeen ishee jalqabaa konkolaataa ittiin deddeebihu taasisuun isaan hafan lamaan ammoo tajaajila geejibaa kennuun galii argataa jira. Galii ofiin argatuun alatti dargaggoota lamaaf carraa hojii banuun dinagdeen isaan humneessuu dandaheera.

Gama biraanis bakka hojii qarqara laga hara Basaqaatti Bulchiinsi Magaalaa Matahaaraa isa onnachiisuuf kenneef sanarrattis bakka bashannanaa banuun waliigala dargaggoota hedduu mindessuun carraa hojii baneefii ofis biyyasaas fayyadaa jira.

Fuldurattis kalaqoota adda ta’an qabatee as bahuuf kan jiru dargaggoo Naafyaad miirri kutannaa jiraannaan waanti ulfaataa jedhame akka hinjirre kaasa.

Dargaggoonni tokko tokko kutannaan hojiitti seenuu dhabuun eeggattummaafi araada gara garaa jalatti kan kufan akka jiran yoo kaasu biiftuu jirtu suksuku akkuma jedhamu hojii osoo hinfilatiin ofkennanii hojjechuun dirqamadha jedha.

Miirri kutannaa amma hinjirretti hawaas dinagdeen of jijjiiruun akka hindanda’amne kan kaase dargaggoo Naafyaad dargaggoonni dhaabbilee barnoota gara garaarraa eebbifamanii taa’an yeroon itti hojjetan amma ta’uu kaasa.

Sosochii of jijjiiruuf inni taasisaa ture isa fayyaduu yoo kaasu yeroo ammaatti konkolaattotasaa lamaan bidiruufi bakka bashannanaa banatesanarraa galii gahaa ta’e argachaa ofis dargaggoota biroos fayyadaa taasisaa jira.

Walumaagalatti dargaggoonni madda rakkoo osoo hintaane madda furmaataa ta’uu qaba kan jedhe dargaggoo Naafyaad of jijjiiruuf jecha miirri kutannaafi cichoominaan hojjechuu jiraannaan kanaa ol hojjechuun akka danda’amu kaasa.

Warraaqsa inni eegale kana cimsuuf deeggarsa gama mootummaan isaaf taasifamaa jiru daran hojiif isa kakaasuu kan ibse dargaggoon kun kalaqoota biroon bahee mul’achuuf ammallee tattaaffii guddaarra jira. Dargaggoonni keenyas fakkeenyummaasaa hordofnee eeggattummaafi hiyyummaa seenaa gochuuf biiftuu jirtu suksukuun nurraa eegama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You