Kilaboonni atileetiksii Oromiyaa bakkasaaniitti deebi’an

Waggaa waggaadhaan akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaatiin kan adeemsifamu Shaampiyoonaan Atileetiksii Kilabootaa Oromiyaa Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaatiin xiyyeeffannaa olaanaan kennameefiira.

Dirreewwan shaampiyoonaan kun irratti adeemsifaman marattuu dargaggoonni, ittigaafatamtoonni, komishinaroonni, ispoortessitoonni, pirezidaantonni federeeshinoota atileetiksii godinaalee, murtee kennitoonniifi dura deemtoonni kilabootaa waggaatti al tokko dirree dorgommii kanarratti walarguudhaan muuxannoo qaban waljijjiiru.

Shaampiyoonaan atileetiksii waggaatti al tokko adeemsifamu kun dargaggoota Oromiyaa walbarsiisuu maddiitti cimina ispoortii atileetiksii naannichaaf bu’aa olaanaa qabaata. Kana maddiittis shaampiyoonaawwan gara fuuldurraatti adeemsifamaniif atileetota ciccimoo horachuufis kan gargaaruudha.

Shaampiyoonaan kun baranas yeroo 16ffaaf Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa, Inistitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Daraartuu Tulluutti Bitootessa 16-22 bara 2017 haala miidhagaadhaan gaggeeffameera.

Shaampiyoonicharratti kilaboota 19rraa atileetonni dhiiraa 390, dubaraa 250, waliigalatti atileetonni 640 hirmaataniiru. Akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaatti shaampiyoonaa adeemsifamerratti korniyaawwan lamaaniinuu olaantummaa Kilabii Atileetiksii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatiin xumuramera.

Dorgommiiwwan adeemsifamanitti Kilabni Atileetiksii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa qabxii 462n tokkoffaa ta’uun waancaa dimshaashaa bara 2017 Kilaboota Oromiyaa fudhateera. Kilabni Atileetiksii Magaalaa Shaggar qabxii 281, Kilabni Korporeeshinii Konistiraakshinii Injiinariingii Oromiyaa qabxii 126 akkuma walduraa duuba jiranitti meedaaliyaa meetiifi nahaasa badhaafamaniiru.

Guyyaa shaampiyoonichi itti xumurametti Inistiraaktarri Biyyooleessaafi Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Obbo Shimallis Daawit Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, shaampiyoonichi jalqabaa kaasee hanga xumuraatti karaa milkaa’ina guddaa qabuun kaayyoo dorgommichaa milkeessuun xumurame.

Kaayyoon shaampiyoonaan kun itti adeemsifameef atileetotaaf dorgommii bal’isuudhaan dargaggoota naannoo Oromiyaa bakka bu’uun sadarkaa biyyaaleessaarratti hirmaachuuf carraa hin arganne akka hirmaatan gochuu maddiitti dargaggoota bakka bu’oota abdii egeree baay’inaan horachuuf ta’uus mul’isaniiru.

Akkasumas dorgommicharratti ciminaafi dadhabinni kilaboota atileetiksii Oromiyaa maal akka ta’e adda baafachuun of ilaallee cinaacha dadhabaa jiru duchuudhaan hojjechuuf kan jedhan itti gaafatamtichi, dorgommii kanarraa atileetota ciccimoota filachuudhaan shaampiyoonaa kilaboota atileetiksii Itoophiyaarratti hirmaatan qopheessuuf akka ta’e addeessaniiru.

Shaampiyoonaa baranaa kanas kan adda isa taasisu, kanaan dura sababii faayinaansiitiin walqabate diigamee kan ture Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Walisoo akkaataa haarawaan ijaaramuun gara dorgommiitti deebi’uu, kilaboonni Hoolataa, Poolisii Oromiyaafi Manneen Sireessaa Oromiyaa yeroo jalqabaatiif shaampiyoonaa kilaboota Oromiyaarratti qooda fudhachusaaniiti jedhu.

Akkasumas Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Shaggar yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa atileetiksii kilaboota Oromiyaatti makamuusaafi hirmaannaan Yunivarsitii Salaalee shaampiyoonaa baranaa kana kan adda isa taasisudha jedhaniiru.

Karaa biraatiin Dorgommiin Madaallii Gahumsaa Giddugaloota Leenjii Ispoortii Atileetiksii Oromiyaa marsaa 2ffaan kan baranaa Magaalaa Asallaatti gaggeeffame olaantummaa Giddugala Leenjii Booreetiin xumurame.

Giddugalli Leenjii Booree 1ffaa ba’uu kan danda’e walumaagalatti qabxii 373 galmeessisuudhaani. Qorannaan Leenjii Daraartuu Tulluu ammoo qabxii 335 galmeessisuun 2ffaa, Giddugalli Leenjii Atileetiksii Boqojjii qabxii 202 galmeessisuun 3ffaa ta’uun mo’ataniiru.

Saganticharratti atileetota, leenjistoota, murteessitootaafi gaggeessitoota hojii urjii ta’aniif meedaaliyaan kennameera.

Badhaasa meedaaliyaa kana kan gumaachan Koree Teknikii Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaafi Abbaa Qabeenyaa Maatii Ispoortii kan ta’an Obbo Tamasgeen Nameeti.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, dorgommiin madaallii gahumsaa Giddugaloota Leenjii Ispoortii Atileetiksii Oromiyaa bifa kanaan yoo ittifufe yeroo gabaabaa keessatti bakka bu’oota atileetotaa asiin dura akka biyyaatti olaantummaa qabnu ittifufsiisuun sadarkaa addunyaatti alaabaa biyyaa olkaasuu danda’an ni arganna jedhan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You