“Angafootarraa weelluu dhaga’aa gaala tiksaa waanin guddadheef aartiin keessa kootti hafe” Weellisaa Waaqoo Calloo

Aadaan calaqqee haala jiruufi jireenyaa, maalummaafi falaasama jireenyaa saba tokkooti. Kanaaf, sabni aadaa hinqabne waa’ee eenyummaafi dhimmoota biroo ibsuun isa rakkisa. Malli aadaa saba tokkoo itti calaqqisiisan keessaa aartiin isa tokko.

Sirboota godinaalee Oromiyaa garagaraa gurratti tolan hedduus ummata biraan ga’eera. “Namootni tokko tokko aartiitu na waame” jedhu. Namootni akkasii yeroo baay’ee walaloofi yeedaloo hawwataa uumamaa qabaachuu cinatti waan dhiyeessan sirriitti kan beekaniidha. Nutis waa malee kana hinkaafne, haala guddinaafi hojii aartii Weellisaa Waaqoo Calloo isinii dhiyeessuuf jenneeti.

Waaqoo Calloo weellistoota aadaa qaxalee keessaa tokko yoo ta’u, dhalatee kan guddate Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleetti. Akka aadaa ummata naannawichaatti umuriirratti hundaa’ee ilmoollee gaalaafi re’ee akkasumas jabbilee tiksuurraa gara tiksee idileetti ce’ama. Weellisaa Waaqoonis adeemsuma kanaan akka ilma tikfatee bulaa tokkootti guguddootarraa sirbaa, ragadaa, dhiichisaafi gubaala barachaafi shaakalaa guddate.

Wanti umurii ijoolummaatti sammuutti qabatan muraasa ta’us fedhiin waan hubatan battalatti hojiitti hiikuufi shaakaluu olaanaadha jedha weellisaan kun. Boodarras waan aadaa dhaga’aa guddataniifi qalbii ijoolummaan hubatan bara dargaggummaasaa sammuu keessatti gabbachuun gara aartiitti akka goru isa dirqisiisuu dubbata.

Akkamiin gara Finfinnee dhufe?

Osoo Aanaa Fantaallee jiraataa jiruu gaafa tokko Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksisa dorgommii weelluu baasuu namni isatti himnaan dorgommiif gara Finfinnee dhufe. Inni weelluu qofa weellisanii gara bakka dhalootasaatti akka deebi’u itti fakkaatee dhufus Giddugala Aadaa Oromoo dhaabbataan akka tajaajilu itti himamuu dubbata.

Bakkaafi aadaan hinbeekne nama kamiifuu rakkisaa akkuma ta’u jireenyaafi aadaan Finfinnee gara jalqabaatti daran isatti ulfaatee ture. Wanta inni argu baay’eensaas akka keessa turuuf kan isa onnachiisu hinturre. Haa ta’u malee, dhiibbaawwan turan hunda dandamachuun hundatti madaquun hanga har’aatti sagaleessaa miidhagaa sanaan ummatasaa tajaajiluu ittifufeera.

Weellisaa Waaqoof aadaan maali?

Akka inni jedhutti, aadaan eenyummaa saba tokkoo qofa osoo hintaane jireenyasaati. Namni aadaa hinqabne jireenya hinqabu. Maal akka ta’e, eessa akka jiruufi garamitti akka deemu hinbeeku. Dhala namaa miti allaattiiwwan bakkeeyyuu aadaa waliin jireenyaa kan mataasaanii qabu. Bineensi bosonaa haala soorannaa, bakka jireenyaafi haala jireenyaa mataasaanii qabu. Aadaan kunis bineensa bosonaa tokko isa kaanirraa adda baasanii hubachuuf nama gargaara.

Kabajaafi jaalala aadaa ofiif malu

Aadaan calaqqee saba tokkoo waan ta’eef guddaafi xiqqaa, qaroomaafi doofaa hin qabu jedha weellisaa Waaqoon. Namni aadaa qabuun addunyaatti gad ba’a; yoo akkas ta’es bareeda. Haa ta’u malee, “Finfinnee dabalatee bakkoota adda addaatti namni hiikkoo aadaa hinbeekne tokko tokko qaroomina fakkeessuun aadaa ofii bareedaa dhiisanii kan Ormaa ofitti fe’anii argamu. Kun ammoo qaroomina osoo hintaane doofummaadha,” jedha.

‘Finfinneetti nama uffata ‘jiinsii’ yookiin ‘suufii’ uffatee adeemu arguun baratamaa waan ta’eef namuu xiyyeeffannoo itti hinkennu. Nuti garuu gaafa uffata aadaa keenyaan taateewwan garaagaraarratti hirmaannu namuu akka ajaa’ibaatti nu daawwata” jechuun kabaja aadaa Oromoof saboonni biroollee qaban ibseera.

Oromoon saba bal’aa aadaa boonsaa qabuudha. Godinaalee Oromiyaa hunda yoo deeman aadaa boonsaa hammaaramee hindhumnetu jira. Afoollisaas ergaa gadifagoofi falaasama jireenyaan kan yayyabameedha. Aadaa bal’aa kana saboota biroof darbees addunyaaf mul’isuurratti wanti hojjetame muraasa. Osoo kan godinaalee biraatti hindarbiin aadaan ummata Aanaa Fantaallee sadarkaa barbaadameen hinibsamne. Kanaafuu, hojii bal’aan akka hafe hubatanii fuulduratti arreeduun barbaachisaadha jedha.

Weellisaa Waaqoon sirboota hangamii gurra ummataan ga’e?

Aadaa godinaalee Oromiyaa hundi dhiiga koo keessa jira, baay’eenis jaaladha kan jedhu weellisaan kun; hanga ammaatti sirbaa Karrayyuu kiliippiiwwan sadii, sirba Ituu kiliippii afur, sirba Arsii, sirba Booranaafi sirba Shawaa hojjeteera. Sirba Gujii hojjetee gariinsaa jalaa bade/ format ta’us, ammaan tana sirreessee hojjechuusaa hubachiiseera. Sirboota godinaalee hafaniis yeroo ittaanuutti hojjechuuf qophiirra jiraachuus himeera. Yeroo ammaas waliigalaan kiliippota sirbaa 10 ol akka qabuufi yeroo dhiyoottis kan eebbisiisu ta’a.

Hudhaalee guddina aartii Oromoo

Akka inni jedhutti, hudhaaleen guddina aartii Oromoo tirachiisan gama tokkoon osoo aadaa sirriitti hin hubatiin aartiin hubachiisuu yaaluu yommuu ta’u, gama kaaniin ammoo deggersi taasifamu hanga ammaattuu laafaa ta’uudha. Yeroo tokko qorataan tokko waa’ee aadaa qorachuuf gara aanaasaa deemnaan, ummatni “Ati ilma eenyuuti?Gosti kee hoo?” wayita jedhu, qorataan kun akaakayyuusaarra darbee himachuu hin dandeenye, gosasaas himachuu dadhabe. Ummatnis” Kan of hin beekne akkamitti waa’ee keenya qorataa mitii, dura dhaqii of qoradhuu koottu” jechuun isa deebiseera.

Ilmi Oromoo tokko yoo xiqqaate hanga akaakayyuu torbaatti ofiisaa ibsuu danda’uu qaba jedhee; namni eenyummaasaafi aadaasaa sirriitti beeku, aadaa Oromoo ibsuun akka isa hin rakkisne yaadachiiseera. Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko waan ofiiyyuu hin beekne aartiin ibsuu yaaluurratti rakkoon akka jiru qeeqeera. Aadaa godina tokkoo ibsuun dura gad fageenyaan hubachuufi qayyabachuun barbaachisaadhas jedheera.

Gama biroon mootummaan artistoota leenjisuun cinatti deggersa tokko tokko taasisus sadarkaa barbaadameen dhiibbaa uumeera jechuun hindanda’amne. Rakkoo guddaan maallaqa ittiin kiliippii hojjetanidha. Abbootiin qabeenyaa Oromoos akka saboota biroo artistoota deggeruufi jajjabeessuurratti hanqina qabu.

Maallaqa malee aartii Oromoo sadarkaa barbaadamuun guddisuun waan hindanda’amneef ittiyaadamuu qaba. Artistoonni nama hunda caalaa faayidaa aartiifi dhamaatii inni gaafatu nihubatu. Garuu ammoo baay’eensaanii harkaqal’eeyyii waan ta’aniif waldeggeruuf humna gahaa waan hinqabneef qaamni dhimmi ilaallatu itti yaaduu gaafata.

Akka ibsa Weellisaa kanaatti, bara Oromoon biyya bulchu kanatti guddinnii aartiifi artistootaa daran abdatamee ture. Mootummaan xiyyeeffannoo kennus qondaaltonni tokko tokko kallattii mootummaan kaa’een aartii Oromoo guddisaa hinjiran. Sababa kanaaf guddinni aartiifi artistoota Oromoo sadarkaa abdatamerraa hin jiru. Kana jechuun artistoonni muraasni hin guddatne jechuu miti. Wanti nama gammachiisu garuu aartiin Oromoo hudhaa kam keessattuu danqamuu yoo ta’e malee boodatti jedhee hinbeeku. Oromoon saba bal’aa dhiibbaa kamuu keessatti aartiisaa qabatee baraa baratti ce’e waan ta’eef abdiin kana boodaa imalaafi guddinni aartii Oromoo gara fuulduraatti.

Kanaafuu, abbootiin qabeenyaafi mootummaan artistootaafi aartii Oromoo deggeruu qabu. Artistoonni Oromoos waan ummataaf dhiyeessan sirriitti hubachuufi qayyabachuu qabu. Innis dirqama isarraa eegamu ba’achuuf tattaaffii walirraa hincitne kan taasisu ta’uu dhaameera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You