
Baatiin Bitootessaa ji’a injifannoo dachaadhaan badhaadheedha; ji’a jijjiiramni siyaasaafi dhagaan bu’uuraa hidha Abbayyaa ittikaa’ame. Ji’a Itoophiyaan seenaashee keessatti dameewwan siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi dippiloomaasiin daandii haaraa itti eegalte.
Itoophiyaan yaadama ida’amuufi siyaasaa giddugaleessaatiin hogganamaa taateewwan darbanirraa wantoota gaggaarii fudhachuun dhaloota egereef har’a ashaaraa kaa’uun Bitootessi 24 guyyaa boqonnaan guddinaa haaraan itti eegalameedha. Guyyaa heddummina akka faayaatti fayyadamuun tokkummaa sabdaneessummaashee daran cimsuu ittijalqabdeedha.
Itoophiyaan waggoota jijjiiramaa keessa rakkoolee ishee mudatan hunda qolachuun dameewwan industirii omishaa, albuudaa, turizimii, ijaarsa bu’uuraalee misooma magaalaa akkasumas dinagdee dijitaalawaan jijjiiramaafi guddina si’aayaa galmeessisaa jirti.
Nageenya lammiilee mirkaneessuufis sirna siyaasaa ammayyaafi olaantummaa yaadaan hogganamu diriirsuuf tattaaffiin taasifame bu’aa argamsiisaa jira.
Imala waggoota torbaatiin paartii jabaafi mootummaa cimaa ijaaruu, nagaa waaressuu, sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaarratti bu’uureessuu, dinagdee damdaneessa caasessuufi yaadawwan haaraa maddisiisuun qormaatota injifachaa waadaan ji’a Bitootessaa irraa jalaan gochaan dhugoomaa ittifufeera.
Akka Oromiyaattis mootummaan naannichaa duudhaa ganamaatti deebi’uun ergama Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi gaanfa Afrikaa tasgabbeessuu kudhaammatee harka tokkoon aggaammii diinotaa qolachaa; harka kaaniin hojiilee misoomaa magaalaafi baadiyyaatti badhaadhina maatii, humnoota waloofi bajata mootummaa xiqqaa jiru fayyadamee baay’ina, qulqullinaafi saffisaan hojjechuun injifannoo raajii galmeessisaa cabiinsa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaarraa bayyanachuun danda’ameera.
Gama hawaasummaatiinis akka Oromoon duudhaasaa ganamaatti deebi’uuf labsii humnoota waloo qindeessuuf ba’een rakkoo hawaasummaa waloof Buusaa Gonofaan, misooma waloof Tajaajilli Lammummaa, haqa waloof Manni Murtii Aadaafi nageenya waloof Gaachanni Sirnaa caaseffaman wabii ummataa ta’uu mirkaneessaniiru. Kanaanis Oromoon buusee waliif gonofee, tajaajila lammummaatiin misoomawwan bu’uuraa diriirsee, haqas abbaa haqaaf galchuun wabii nagaas ta’uu mirkaneesseera.
Mootummaan naannichaa ummata amma jedhe ga’uufi jijjiirama bu’uuressaa jiru bifa tarsiimawaan qindeessee riifoormii gandaa hojiirra oolchuun tajaajilasaas guutummaatti hawaasatti siqseera. Kanaanis seenaa haaraa dalaguun danda’ameera.
Riifoormii dinagdee gaggeeffameen Qonna, Turizimii, Albuuda, Industirii, Manufakchariingiifi Tajaajilli Qunnamtii Odeeffannoo utubaawwan guguddoo dinagdee damdaneessaa milkaa’ina argamsiisanidha. Omisha alaa galu biyyuma keessatti omishuun alergii guddisaa imalli wabii nyaataa mirkaneessuu milkaa’aa jira.
Tibbawwan hunda gabaafi haala addunyaa beekanii omishuun imalli gargaaramtummaarraa gara omishtummaatti taasifamaa jirus abdachiisaadha. Kanaanis guddinni waliigalaa dinagdee Oromiyaa qormaata namtolcheefi uumamaa dandamachuun bara 2016tti %8.2tti guddachuu danda’eera.
Gama siyaasaatiin injifannoon waloon akka biyyaatti galmaa’e akkuma jirutti ta’ee, sabboonummaa Oromoo sirnaan ijaaruu, dinagdeedhaan cimsuufi barnootaafi teknolojiin humneessuun waadaan gochaan dhugoomee siyaasa sabichaas moggaarraa gara giddugaleessaatti siqsuun injifannoon galmaa’aa jira. Kanaanis Oromoon siyaasa boo’ichaa keessaa ba’ee akka sabaatti gara ajandaa tarsiimessee diriirsuufi hojjetee milkeessuutti ce’aa jira.
Gama hawaasummaatiinis dameewwan barnootaafi fayyaarratti jijjiiramoonni abdachiisoon galmaa’aniiru. Hojii tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu’uura boruu kumaatamaan ijaaruun dhalootni bu’uura cimaa akka qabaatu taasifameera.
Damee fayyaatiinis waggoota muraasa darban imaammata dhibee dursanii ittisuufi humna yaaluu olguddisuun lammiilee fayyabuleessa horachuuf kutannoon hojjetamaa jira. Kellaa fayyaa dhaloota lammaffaa babal’isuufi tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa guddisuunis milkaa’inni argameera.
Walumaagalatti injifannoowwan galmaa’an waaressaa, babal’isaafi xiyyeeffannoon tiksaa hudhaalee akka qaala’iinsa jireenyaa, nageenya ittifufiinsa qabuufi kenna tajaajilaafaa maqsuun kutannoon hojjechuun daran barbaachisaadha.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017