
Finfinnee: Ji’oottan arfaasaa lamaan ittaananitti roobni salphaan hanga giddugaleessaatti roobuu akka danda’u Inistitiyuutiin Metiworoloojii Biyyaalessaa beeksise.
Daarektara Ittaanaa damee raagaa haala qilleensaa institiyutichaa Doktar Asaamminoo Tashoomaa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka himanitti, kutaalee biyyaa rooba arfaasaa qofa argataniifi waqtii arfaasaa lammaffaaf argatan baay’eensaanii rooba salphaa hanga giddugaleessaa argachuu danda’u.
Akka ibsa isaaniitti, Waqtiin arfaasaa ji’a Guraandhalaa, Bitootessaa, Eebilaafi Caamsaa kan hammateedha. Naannoo Sumaalee, Itoophiyaa Kibbaa, Godinaalee Gujiifi Booranaa, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibba Dhiyaaf waqtii roobaa isa ijoodha. Akka biyyaattis, rooba giddugaleessaan argamu keessaa %55 rooba waqtii arfaasaa irraa argamu ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan godinaalee Tigraay Kibbaafi Bahaa, godinaalee Amaaraa Bahaa, Godinaalee Affaar, Oromiyaa giddugaleessaa, Shawaa Kaabaaf waqtiin arfaasaa waqtii roobaa lammaffaati. Inistitiyuutichis haalota kanneen bu’uura godhachuudhaan waqtiilee jiranitti hanga rooba roobuufi haala qilleensaa uumamuu danda’u adda baasuudhaan ji’a tokko dursee raaga kenneera.
Bu’uura kanaan kutaalee arfaasaan waqtii roobaa isaanii ijoo ta’etti rooba idileefi idileen olii akka qabaatan raagamuu ibsaniiru. Walakkaa kutaalee Itoophiyaa Dhiyaa Naannoo Beenishaangul Gumuzi, Godinaalee Oromiyaa Dhiyaa, Gaambeellaafi Itoophiyaa Kibba Dhiyaa rooba idileen ol argachuu akka danda’an raagameera.
Seensaan walqabatee kutaalee Itoophiyaa Dhiyaafi Kibba Dhiyaatti dursee eegaluu akka danda’u raagamuu himanii; kutaalee biyyattii rooba arfaasaatti omishan yeroosaa idilee eeggatee akka eegalu raagameera. Guyyoota 15n darban keessatti waqtii arfaasaatti rooba uumuuf taateen haalawwan qilleensaa babal’achaa deemuun walqabatee kutaalee biyyattii baay’eetti roobni salphaa hanga giddugaleessaatti galmaa’eera.
Akk waliigalaatti, taateewwan rooba uumaniifi roobni argame hojii qonnaa waqtii arfaasaa keessa gaggeeffamuuf faayidaa olaana qaba jedhaniiru. Nyaataafi bishaan beeyladootaa waan gabbisuuf horsiifatee bulaafi qonnaaf akka carraa addaatti ilaalama. Laggeen 12n jiran bishaan ga’aa akka qabaatan kan taasisu ta’uu himanii; kutaalee biyyaa jal’isiin bal’inaan itti adeemsifamutti roobni hanga ammaatti roobe faayidaa olaanaa qaba.
Qaamoleen dhimmi kun ilaallatu qonnaan bulaan qophii barbaachisaa akka taasisu gorsuu qabu jedhanii; seenaa raagaa rooba arfaasaa Itoophiyaa waggoottan ja’an darban keessaati hiri’achaa dhufe bu’uura godhachuudhaan qonnaan bulaan rooba arfaasaa argamu hundaa sirnaan fayyadamuu akka qabu dhaamaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017