“Jijjiiramichi siyaas dinagdeefi dippiloomaasiin Itoophiyaa ceessisaa jira” – Obbo Namarraa Bulii

Finfinnee: Bitootessi 24, guyyaa seenaqabeessi mirgi dimokiraasiifi jijjiiramni hundagaleessa Sabootaafi sablammoota hirmaachise ittigalmaa’e ta’uu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa beeksise.

Waajjirichatti Ittigaafatamaan Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii kabaja yaadannoo Bitootessa 24, waggaa 7ffaa ilaalchisee ibsa Roobii darbe addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, jijjiiramichi hawaas dinagdeen, siyaasniifi dippilomaasiin biyyattii cimee akka mul’atu bu’uura addaa kan buusedha jedhaniiru.

Qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaa sirnoota darbanirratti taasifameen guyyaan walabummaa jijjiiramni hundagaleessi ittimirkanaa’e Bitootessi 24, Sabootaafi Sablammoota qarqaratti dhiibamaa turaniif mirga guutuu kan kenne, hidhamtoonni siyaasaa kan itti walaba ba’an guyyaa biiftuun dimokiraasii ittibaate ta’uu ibsaniiru.

Sabootaafi Sablammootni haala kanaan dura hin baratamneen ijaarsa biyyaa keessatti akka hirmaataniif moggaatti dhiibamuurraa gara wiirtuutti dhufuun dhiibbaa akka uuman haalli mijateera.

Dubartoota gara hooggansaatti fiduun ijaarsa biyyaa keessatti qooda fudhachuu qabu imaammata jedhuun kallattii mootummaan jijjiiramaa kaa’een haala Afrikaaf fakkeenya ta’uun hirmaannaansaanii dhibbantaa shantamaan dabaluu danda’uun bu’aa jijjiiramaa ta’uu dubbataniiru.

Injifannoo cululuqaa wareegama qaaliin argame kanaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hawaas dinagdee, siyaasaafi dippilomaasiin xiyyeeffannoo guddaan ittikennamee hojjetamuusaan olka’iinsi Itoophiyaa akka mul’atu godheera jedhaniiru.

Misoomni qonna bonaafi gannaa, inisheetiivonni gara garaa bocamanii gadi bu’uun hojii hojjetameen eeggattummaan seenaa ta’ee wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbee alergiif gahuun seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Gama dippilomaasiin Itoophiyaan miseensa BRICS ta’uun alatti ulaa galaanaa dhuunfachuufis adeemsa gaariirra akka jirtu Obbo Namarraan kaasaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa Doktar Abiyyiin durfamu gara aangootti dhufuu hordofee bu’aan gama dinagdeen galmaa’e alergiin eegalame ga’umsiifi bilchinni dippilomaasii biyyaarratti galmaa’aa jiru Afrikaaf fakkeenyummaan kan ka’udha jedhaniiru.

Hariiroon dippilomaasii biyyattii akka cimuufis biyyoota ollaa waliin miirri obbolummaa, tokkummaafi nageenyarratti waliin hojjechuun akka gabbatu ta’eera. Sabootaafi Sablammootni mirgisaanii akka kabajamu, birmadummaan biyyaa akka kabajamu ciminaan hojjechuun Itoophiyaan badhaate ijaaramaa jiraachuu dubbataniiru.

Dargaggoonni jaalala biyyaa akka qabaataniif seenessa qeenxeefi sobaa keessaa ba’uun murteessaadha kan jedhan Obbo Namarraan; Itoophiyaa har’aa ija kaleessaan ilaaluun sirrii akka hintaane yaadachiisanii; Itoophiyaan akka biyyaatti walabummaanshee kabajamee akka ittifufuuf gaheen Oromoota darbanii olaanaa ta’uus kaasaniiru.

Faallaa kanaa ammoo miirri finxaalessummaa “Itoophiyaaf natu beeka jedhuufi ana malee biyyi nidiigamti” jedhu ilaalcha boodatti hafaa jaarraa kana keessa hinbarbaachisneefi qaramuu qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Namoonni seenaa hinbeekneefi faallessuu barbaadan tokko tokko Itoophiyaan biyya olaantummaa saba tokkoon ijaaramtee as geesse godhanii kan ilaalan jiraachuu eeranii; ilaalchi akkasii tokkummaa, jaalalaafi obbolummaa kan miidhu dimokiraasii kan faallessu waan ta’eef sirrachuu akka qabus dhaamaniiru.

Warraaqsa Itoophiyaa haaraafi badhaate dhalootaaf dabarsuuf mootummaan jijjiiramaa qabatee ka’e milkeessuuf humna guutuun hojjetamaa jiraachuu yaadachiisanii; hunduu gahee isarraa eegamu akka gumaachuu ibsaniiru.

Dimokiraasii dhugaa lafa qabsiisuuf hanga hojjetamaa jirutti qabsoon kamiyyuu caalmaa yaadaan gaggeeffamuu osoo maluu afaan qawween aangoo qabachuuf yaaliin taasifamu tarkaanfachiisaa akka hintaane himanii; jaarraa 21ffaa amma keessa jirru kana keessa caalmaa yaadaan yoo ta’een alatti afaan qawween aangoo qabachuuf sosochiin taasifamu sirrii akka hintaane ibsaniiru.

Humnoonni qabsoo hidhannoo taasisaa jiranis karaa nagaa akka qabsaa’aniif waamichi mootummaan taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsanii; warreen bosonatti hafan akkuma obboleeyyansaanii harka araaraaf diriire kanatti akka fayyadaman dhaamaniiru.

Qabsoo nagaa dhiisanii warreen afaan qawween lammiisaanii dhiigsaa jiraniif ammoo tarkaanfii laalleessaa fudhachuun olaantummaa seeraa kabachiisuun cimee kan ittifufu akka ta’es hubachiisaniiru.

Mootummaan gaaffii mirgaa Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa taasisuuf qabsaa’amaa turerratti cichoominaan hojjechaa jiraachuu kan kaasan Obbo Namarraan; adeemsa seeraan hojiirra oolchuuf xumurarra jiraachuu yaadachiisaniiru.

Warraaqsa dinagdee kutannaan ittigalame yeroo ammaa sadarkaa Afrikaattis ta’e addunyaatti beekamtii gonfachuu ibsanii; misooma qamadii bonaafi gannaa, kuduraafi muduraalee gara garaa alergiif oolchuun cimee kan ittifufu, eeggattummaafi hiyyumni seenaa kan ittita’u akka ta’e ibsaniiru.

Bu’uura kanaan warraaqsa dinagdee kana si’eessuun Oromiyaafi Itoophiyaa badhaate dhaloota boruuf dabarsuuf mootummaa jijjiiramaa waliin dhaabatanii hojjechuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

 

Recommended For You