
Harar: Mootummaa jijjiiramaatii as pirojektoota yeroo qabameef keessatti qulqullina barbaachisuun xumuruurratti fooyya’iinsi guddaan mul’achuu Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad ibsan.
Mootummaa jijjiiramaatiin dura ijaarsa pirojektootaaf dhagaa bu’uuraa kaa’uu malee hojiin ijaarsaa utuu hinjalqabin hafaa turuu himanii, pirojektoonni hojjetamanii xumuraman baay’een hanqina qulqullinaa waan qabaniif waggaa tokko ykn lama erga tajaajilanii booda tajaajilaan ala ta’aa turaniiru. Jijjiiramaa as garuu hojiin ijaarsa pirojektoota qulqullinaafi ariitii barbaachisuun xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Pirojektoota buleeyyiifi haaraa godinichatti hojjetamaa jiran keessaa nibulu jedhamanii kan qabaman kan hinjirre ta’uu himanii; mootummaa jijjiiramaatii as pirojektoonni gangalatanii bulan baay’ee xiqqaachaa dhufuufi pirojektoonni baay’een yeroo qabameef keessatti xumuramanii tajaajilaaf oolaa jiraachuu dubbataniiru.
Godinichatti koreen teknikaa Bulchaa ittaanaan hogganamu hundaa’ee raawwii hojii pirojektootaa hordofaa, to’achaa, kallattii kaa’aafi bakka hanqinni mul’atetti ammoo sirreeffamni kennamaa jiraachuu eeranii; pirojektoonni godinichatti hojjetamaa jiran rakkoolee bu’uuraa hawaasaa furuurratti kan xiyyeeffatan ta’uufi dargaggoota yunivarsitiiwwan garagaraa irraa eebbifamanii hojii malee taa’aniifis carraa hojii bal’aa kan uuman ta’uu himaniiru.
Ijaarsi pirojektoota daandii asfaaltii mootummaa federaalaatiin Kombolchaafi Bombaas, Baabbileefi Fiiq, Geerawaafi Xaddee gidduutti hojjetamaa jiran kan harkifatan ta’uu himanii; mootummaa federaalaa waliin dubbachuun ijaarsi pirojektoota kunneenii dafanii akka xumuramaniif tattaaffii guddaa taasisaa jiraachuus ibsaniiru.
Ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Baddennoofi Magaalaa Dadaritti hojjetamaa jiranis lafarra kan harkifatan ta’uu qeeqanii; ijaarsi pirojektoota lamaanii barana xumuramanii tajaajilaaf akka oolaniif ariitiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Gurmaa’insi caasaa gandaa haaraan gandoota godinichaa hunda (583) keessatti hojiirra oolaa jiruun bu’aawwan gurguddoon galmaa’aa jiraachuu kaasanii; gurmaa’insichi rakkoolee tajaajilootaan walqabatan furuudhaan hawaasni tajaajila si’ataafi qulqullina qabu akka argatu taasisuudhaan ittiquufiinsa ummata, nageenya naannawaa mirkaneessuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jira. Gurmaa’iinsa caasaa gandaa kanaan gandoonni gara magaalaa xiqqootti jijjiiramaafi haalli mijaa’aan uumamaa jiraachuus eeraniiru.bilisa ba’uufi kanneen biyyaa baqatanis qabsoo karaa nagaaf akka biyyatti deebi’an taasifamuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, namootni yaada siyaasaa garaagaraa qaban dirree siyaasaa bal’ate kanaan qixa sirriin fayyadamuu dhiisuun olola jibbiinsaa, shakkiifi maqaballeessii walirratti banuu bira darbee hanga qabsoo hidhannoofi walwaraanuutti ce’uusaaniin dirreen siyaasaa bal’ate qisaasa’uu dubbataniiru. Namoota olaantummaan dhiitanii biyya bulchuu baran biratti diimokiraasiin dhugaa akka gadaantummaatti ilaalamuun biyyi rakkoo keessa akka buutu taasisuus dabalataan ibsaniiru.
Shirri siyaasaa biyya kanaa bara ‘Zamana Masaafintis’ ta’e bara mootii Lij Iyyaasuu gaaga’ama guddaa buuse. Gartuun olaantummaan biyya bulchaa ture milkaa’ina mootummaa faara tolaan ilaalurra akkuma bara mootii Lij Iyyaasuu gufachiisuutti xiyyeeffate jedhanii; mootummaan jijjiiramaa kaazinaa duwwaan simatame garuu kaayyoo biyyaarratti xiyyeeffachuun gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaan injifannowwan Afriikaafuu fakkeenya ta’an galmeessaa waggoota torba lakkoofsisuu himaniiru.
Bara mootummaa Hayilasillaasee paartii morkataa hundeessuu miti waldaa dhaabuunuu seeraan dhorkamee hoggansi Waldaa Maccaafi Tuulamaa du’aafi darara hamaaf saaxilamaniiru. Bara Dargii sirna paartii tokkoo qofti hojiirra waan tureef paartii morkataa hundeessuun waan yaadamu hin turre jedhanii; bara mootummaa ADWUIs diimokraatawaa of fakkeessuuf sirni federaalizimii diriirus ukkaamsaafi gidiraa hamaa ummatarraan ga’een ummataan darbamuu yaadachiisaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017