Itoophiyaan Ji’a Adoolessaa keessa yaa’ii Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii niqopheessiti

Finfinnee: Ji’a Adoolessaa keessa Itoophiyaan Yaa’ii Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii (‘UN Food System Summit’) kan qopheessitu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Doktar Girmaa Amantee ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatif Kibxata darbe kennaniin akka jedhanitti, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf Itoophiyaan hojiilee baroota dhiyoo keessa jalqabdeen milkaa’inoota guguddaa argachaa jirti.

Hojiileen Inisheetivii Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa, dhaloota duraa(Early Childhood), Sagantaan nyaata mana barumsaafaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaraniidha jedhanii; hojiileen qonnaa biyyattiitti hojjetaman dhibbantaan 80saanii wabii midhaan Nyaataa mirkaneessuu kan dandeessisaniidha jedhaniiru.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii waggoota Afur dura Yaa’iin Sirna Nyaataa (‘UN Food System Summit’) akka qophaa’uuf murteessee, waggaa lamaa dura Yeroo jalqabaatif Magaala Roomitti kan gaggeesse ta’uu yaadachiisanii; yaa’ii lammaffaan dhaabbatichaa Adoolessa 2017 Itoophiyaatti akka qophaa’uuf murteeffameera jedhan.

Gama Wabii Midhaan Nyaataa mirkaneessuutiin hojiileen Itoophiyaan hojjette, waltajjiiwwan idiladdunyaa qopheessuuf bu’uraaleen misoomaa Itoophiyaan qabduufi haalli mijaa’an biyyattii keessa jiru kan akka Giddugala Walgaa’ii Idiladdunyaa Finfinnee (‘Addis International Convention Center’) yaada keessa galuun biyyattiin yaa’icha qopheessuuf akka filatamtu taasisuu eeraniiru.

Yaa’icha hordofuun Itoophiyaatti agarsiisni garaagaraa nigaggeeffamu, daawwannaafi mariin Paanaalii garaagaraa nigaggeeffama jedhanii; Itoophiyaan yaa’icha akka carraa gaariitti ittifayyadamuun milkaa’inotashee yaa’icharratti addunyaa maratti kan agarsiistu ta’a jedhaniiru.

Itoophiyaatti quucaruun daa’immanii hir’achaa kan jiru ta’uu ragaan Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa nimirkaneessa jedhanii, ta’us ammallee daa’imman biyyattii harki 30 qucaaraa waan jiraniif hojiileen jalqabaman cimanii ittifufuu qabu jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

Recommended For You