
Finfinnee: Magaalaa Finfinneetti ijaarsarra kan jiru istaadiyoomiin ammayyaa Aday Ababaa sadarkaasaa kan eeggateedha jechuun nidanda’ama. Sababnisaas akka Finfinneetti istaadiyoomiin jira jedhamu waan hinjirreefidha.
Ijaarsisaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachaa kan ture istaadiyoomiin Aday Ababaa haala gaariin gaggeeffamaa waan jiruuf seenaa istaadiyoomii magaalaa Finfinnee kanaan dura ture kan jijjiirudha jedhamee abdatamaa jira.
Lafa heektaara 48.8 irratti ijaaramaa kan jiru istaadiyoomiin kun Mudde 29 bara 2008 dhagaan bu’uuraa kaa’amuun diizaayiniin isaa hojjetamee waggoota sagal booda ijaarsi boqonnaa lammaffaa jalqabamuuf sochiin taasifamaa jira.
Ijaarsa istaadiyoomichaaf baasiin qarshii biiliyoonni hedduun ittidhangala’us waggoota lamaaf hojiin isaa addaan citee ture.
Haata’u malee yeroo ammaatti ijaarsi boqonnaa lammaffaa jalqabamuuf qophiin taasifamaa jira.
Boqonnaa hafe kana xumuruuf waggaa tokkoofi walakkaa kan fudhatu yoo ta’u baasii qarshii biiliyoona 19.8 kan gaafatu ta’uus yaadachiisaniiru. Baasiin isaa kan uwwifamus mootummaa Itoophiyaatin akka ta’e ibsameera.
Balbala afur kan qabu istaadiyoomiin ammayyaa kun boqonnaan lammaffaa yoo xumurame teessoo daaw’ataa kuma 60 qabatu kan qabuufi teessoon kuma lamaa hafan ammoo “VIP”fi kanneen miseensota miidiyaalee kan qabataniidha.
Ulaagaa sadarkaa kubbaa miilaa Addunyaa “FIFAfi CAF” guutuun ijaarsarra kan jiru istaadiyoomiin kun hatattamaan xumuramee tajaajila akka kennuuf Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kallattii kennaniin hojiinisaa akka jalqabamu Ministeera Aadaafi Ispoortiifi Kaampaanii Konistiraakshinii Kominikeeshinii Chaayinaa jidduutti waliigalteen mallattoo taasifameera.
Mallattoon kan taasifame gama Itoophiyaatiin Ministira Ministeera Aadaafi Ispoortii Aaddee Shawiit Shaankaafi yoo ta’an gama Chaayinaatiin ammoo Itoophiyaatti Ittigaafatamaa Manaajarii Kaampaanii Kominikeeshinii Konistiraakshinii Mistar Shiin Biin ture.
Aadde Shawiit Shaankaa wayituma kana akka ibsanitti, waggoottan jijjiiramaa torba keessatti sadarkaa biyyaaleessaatti hojiiwwan misooma ispoortii hedduun hojjetamuu dubbataniiru.
Waggoottan kanneen keessatti sadarkaa biyyaaleessaatti istaadiyoomonni haaraa xixinnaafi gidduu galeessaa sadarkaasaanii eeggatan kuma 2fi 500 hojjetamaniiru. Isaan keessaa kumni 1fi 300 kan ta’an magaalaa Finfinneetti ijaaramaniiru.
Akkasumas hojiin istaadiyoomota durii sadarkaasaanii fooyyessuufi suphuu adeemsifamuus yaadachiisaniiru.
Akka ibsasaaniitti mootummaan Itoophiyaa ijaarsa istaadiyoomii Aday Ababaaf Doolaara miiliyoona 57 ramaduun yeroo ammaa hojiinsaa haala gaariin akka adeemsifamu ta’ee jira.
Kaampaanii Korporeeshinii Kominikeeshinii Chaayinaa wajjin ammoo qarshii Biiliyoona 18.6 mallatteessuun hojii hafan xumuruuf waliigalteen taasifamuu kaasaniiru.
Akkaataa waliigaltee kanatti ji’oota 18 keessatti hojiiwwan teknoolojii, baaxiifi dallaa, keessaafi alasaa miidhagsuufi sisirreessuu yeroo qabameef keessatti akka xumuramu hordoffiin taasifamaa jira.
Mistar Siin Biin gamasaaniin akka ibsanitti hojiinisaa yeroo qabameefiitti akka xumuramuuf qophiin gahaan taasifamuu ibsaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017