“Injifannoon galmaa’e imala sirna ijaaruuti” – Aaddee Sa’aadaa Abduramaan

Finfinnee: Injifannoon waggoottan torban darban gama maraan galmaa’e akka salphaatti kan ilaalamu osoo hintaane imala sirna ijaaruu akka ture Afayaa’iin Caffee Oromiyaa ibsan.

Injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun agarsiifni Imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan torban darbanii agarsiisu Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin qophaa’e Bitooteessa 25-27, bara 2017 Giddugala Aadaa Oromootti adeemsifamaa jira.

Sirnicharratti haasawaa baniinsaa kan taasisan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan akka jedhanitti, agarsiisni imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 2ffaa barii injifannoo Bitootessa 24 kabajamu irratti qophaa’uun isaa injifannoo dabalataa kan argamsiisu ta’uu ibsanii, qormaatilee keessaafi alaa qolachuun jireenya ummataa jijjiiruuf waadaan seename gochaan dhugoomaa jiraachuu himaniiru.

Waggoottan torban darban, karoora hiixataafi bilchina qabuun hojiiwwan naannichaa hunda hogganuun, sirnaafi biyya ijaaraamaa jiruuf utubaa ta’uu kaasanii, badhaadhina maatii, humna waloofi bajata xiqqaa jiru fayyadamuun, imala badhaadhinaa eegalame injifannoo gama hundaan galmaa’e tiksaa, qormaatilees gara carraatti jijjiiraa, milkaa’inoonni jajjaboon galmaa’aa dhufuu dubbatu.

Kallattiiwwan gurguddoo akka biyyaatti cabiinsa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa fayyisuuf kaa’aman milkeessuuf, hojiin hundi karoora xiiqiin hogganame, inisheetiivotaan dabaalamee baay’ina, qulqullinaafi ariitiin hojjetamuun, gara badhaadhinaatti biyya ceessisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuus eeraniiru.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Laggasaa Tulluu (PhD) gamasaaniin sosochiin misoomaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru abdii imala badhaadhina biyyaa ta’uu himaniiru.

Hojiin gama barnootaan manneen barnootaa sadarkaa hundaatti babal’isuun daa’imman duraa irratti xiyyeeffachuun hojjetame gaarii ta’uu eeranii, sosochii hawaasummaafi , siyaas diinagdeefi invastimantiin jiru daran abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaas gamasaaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hundeeffama isaa irraa eegalee Oromoo qindeessee dantaa, qabeenyaa, seenaafi sirnasaa tiksuufi akka biyyaattis biyya waloo ijaaruuf aarsaa barbaachisu hunda kaffalaa har’a ga’uu ibsaniiru.

Kanaanis Oromiyaan dhaabbilee mootummaa uummata tajaajilan, aadaa, duudhaa, seenaafi sirnasaa tiksaniifi obbolummaas jabeessan ijaarrachuun naannoo imala jijjiiramaa akka biyyaatti eegale gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaanis bu’uureessaa jirtu ta’uu kaasu.

Barii injifannoo irraa eegalee naannoofi biyyi hoggansa yaadee karoorsee ummatasaa qindeessee hojjetee milkeessu argachuu isheetiin qormaatota qolachaa imalli Badhaadhinaa hadiida isaa qabatee saffisa barbaadamuun fuula duratti akka imalu taasifamuu dubbatu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

Recommended For You