Imala milkaa’aa waggaa 7ffaafi 14ffaa dhagaa bu’uuraa

Itoophiyaan biyya afdaneettiifi sabdaneettii taatus waggoota 27n jijjiiramoota duraatti gaaffii ummataaf deebii ga’aa kennuun hindanda’amne ture. Qabsoo qeerroofi qarreen saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii waliin ta’uun taasisaniin injifannoon Bitootessa 24 galmaa’uu danda’eera. Guyyaan kun guyyaa seenaqabeessa ta’ee hubannoo waloo uumuuf sagantaalee garagaraatiin waggaa waggaan yaadatamaa jira.

Guyyichis guyyaa ijaarsa hidha laga Abbayyaaf dhagaan bu’uuraa itti kaa’ame waliin walirraa ooluudhaan guyyaa seenaqabeessa ta’uun milkaa’inootaan dabaalameera.

Guyyaan injifannoowwan dachaadhaan badhaadhe kun sadarkaa Oromiyaatti Bitootessa 20 bara 2017 qophiilee adda addaatiin yaadatamee ooleera. Waltajjiiwwan Bitootessa 24 ilaalchisuun qophaa’an milkaa’inoota jijjiiramaa as mul’atanirratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jiru.

Isaan keessaa kan sadarkaa Magaalaa Shaggar Bitootessa 20 Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti dorgommii atileetiksiin dabaalamee bakka hoggantootni federaalaafi naannoo Oromiyaa argamanitti gaggeeffameera.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan. milkaa’inoota Bitootessa 24n booda mul’atanirratti xiyyeeffachuun yaada bal’aa kaasaniiru. Bitootessi 24 utubaa milkaa’inaafi imala boqonnaa haaraa erga ta’ee waggoonni torba lakkaa’amaniiru.

Injifannoo abdiifi mul’ata haaraan guutummaa biyyaatti gama hawaasummaa, dimokraasiifi dippilomaasiin eegalame injifannoowwan qaqqaalii galmeessuun ittifufeera. Qabsoo bara dheeraaf taasifamaa tureen wareegama qaalii kaffalle yaadachuudhaan bu’aa jijjiirama boodaan argamerratti hubannoo walfakkaataa qabaachuuf Bitootessi 24 waggaa waggaan yaadatamaa jira.

Bu’uuruma kanaan barii jijjiiramaarraa eegalee lammiileen Itoophiyaa gara badhaadhina hundagaleessaatti ce’uuf abdii guutuudhaan riifoormii jijjiiramni siyaasaa fiduun horataaleen bu’aa biyyaaf oolan nikunuunsa. Hanqinoota sirnoota darban keessatti mul’ataniifi waantota imala badhaadhinaaf gufuu ta’an sirreessaa deemuu giddugala godhachuun imala gaggeeffamuudha.

Kanaafis, looreetii addunyaafi injiinara jijjiirama Itoophiyaaf bu’uura kan kaa’an Doktar Abiyyi Ahmad saamichaafi hojmaata badaa hidha laga Abbayyaatiin walqabatu hiikuudhaan hidhichi yeroo ammaa sadarkaa xumuraa akka ga’u ta’eera.

Injifannoon galmaa’aa jiru injifannoo salphaa utuu hintaane injfannoo seenessi qeenxee hafee seenessi waloominaa sirna ijaaruu ta’eera. Waadaan barii jijjiiramaa galame qabatamaatti hojiitti jijjiiramaa jiraachuun misooma hundagaleessa insheetiiviwwan jiruufi jireenya hawaasaa sadarkaa baadiyyaafi magaalaatti hojiirraa oolaa jiru. Keessumaa yeroo dhiyoo as magaalota biyyattiitti misoomni koriidarii gaggeeffamaa jiru kutannoo hogganoota biyyattii kan agarsiisuudha.

Sagantaa wabii midhaan nyaata mirkaneessuuf omisha qamadii bonaa sadarkaa biyyaatti gaggeeffameen aadaan qonnaa eeggattummaa roobaa jalaa ba’uudhaan marsaawwan sadii waggaatti akka omishamu ta’eera. Keessumaa omisha qamadii bonaan omishni dabaluudhaan sadarkaa alergiif ga’uun bu’aa jijjiiramaa as mul’ate ta’uun ifaadha.

Haaluma kanaan warraaqsa dinagdee damdaneessaa gama hundaan milkeessuuf Bitootessi 24 guyyaa itti yaadatamuufi waadaan ittifufsiisuu itti haareffamu waan ta’eef cimee ittifufuu qaba.

Daariktarri Olaanaan Waajjira Qindeessa hidha laga Abbayyaa Doktar Aragaawii Barihee Bitootessi 24 guyyaa milkaa’inni Itoophiyaa bifa haaraan itti eegaleedha. Yeroo ammaa kana hidha laga abbayyaa dhibbantaa 98 irra ga’eera. Guyyaa itti dhagaan bu’uura milkaa’inaa taa’e waan ta’eef ummata Itoophiyaaf guyyaa yaadatamu ta’eera.

Milkaa’inni hidhichaas hidha biroofi hojiilee misoomaa biroo milkeessuun akka danda’amu ummattoota Itoophiyaa hundaaf ergaa kan dabarseeradha. Hundumtuu ashaaraa isaa kaa’uudhaan qabeenya egeree dhalootaan dhaalamu ijaaruun akka danda’amu dhugoomeera. Humna tokkoommeen ilaalcha nita’a jedhu dhalootni akka hubatu taasisuun sadarkaa guddina addunyaan irra geesse bira ga’uuf dhaloota onnachiiseera. Bu’uura tokkummaa kan ta’e injifannoo Adwaan dhaloota fakkeenya ta’uun barii jijjiiramaa asii hojii hoggantootni jijjiiramaa asii hidha laga Abbayyaarratti hojjetaniin seenessa waloo ijaaruun danda’ameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa magaalaan Shaggar bu’aa Bitooteessi 24 akka taate ibsu. Bitootessi 24 guyyaa injifannoo qofaa utuu hin taanee guyyaa injifannoo bulchuun bu’a qabeessa taasisfnee ittimul’achuu eegaleedha. Haaromsi siyaasaa sadarkaa biyyaarraa darbee sadarkaa addunyaatti mul’achuu guyyaa itti eegale ta’uu agarsiisa.

Itoophiyaan utuu siyaasa ammayyaa hinqabaatiin turtus Bitootessa 24 guyyaa siyaasni ammayyaa hojiirra ooluun tokkummaafi dinagdee cimaa ijaaruun itti eegalameedha. Hidhi laga Abbayyaa hanga Bitootessi 24tti utuu jijjiirama qabatamaa hinfidiin waggaa torbaaf tureera.

Erga sadarkaa biyyaatti injifannoon galmaa’ee booda mootummaan biyya bulchaa jiru rakkoo hidhichaa qoratee adda baasuun bara 2012fi 2013tti bishaan marsaa tokkoffaafi lammaaffaa qabuun danda’ameera. Yeroo ammaa kana bu’a qabeessa taasisuun sadarkaa ammaarra ga’eera.

Ijaarsi hidhichaa milkaa’ee dinagdee guddisuu qofa utuu hintaane Paan Afrikaanizimii cimsa. Afrikaanotni qabeenyasaanii fayyadamuun akka danda’amu mirkaneesseera.

Guyyicha sadarkaa addunyaatti olkaafnee yoo ilaalle ilaalcha koloneeffattummaa Afirikaanotni qabeenya qabanitti akka hinfayyadamne cabsee fayyadamuu akka danda’aniif ergaa guutuu dabarseera. Akka biyyaattis gaggeessaa kutannoo qabu argachuun gara siyaasa ammayyaattii ce’uudhaan biyya cimtuu ijaaruun akka danda’amu hundaaf hubannoo kan kenneedha.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

 

Recommended For You