
Finfinnee: ummatni Itoophiyaa gabaasa sobaatiin miira keessa galuu akka hin qabne Hayyuun Gaazexeessummaafi Qunnamtii beeksisan.
Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaan Gaazexeessummaafi Qunnamtii Obbo Nutimaan Dodolaa yaada Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf ibsanitti, bara kana keessa akkuma baay’inni miidiyaalee dabalaa jiru ololli miidiyaaleedhaan gaggeeffamus dabalaa jira. Ololaafi oduu sobaa gurguddoo addunyaa kanarratti uumameef sababa ta’uunsaa beekamaadha.
Waraana Addunyaa Tokkoffaa kan lubbuu namoota hedduu galaafateefi Addunyaa kana Bahaafi Lixa jechuun iddoo lamatti qoode yoo fudhanne waraanichi olola Awurooppaanotni keessattuu Jarmanootni Yihuudotarratti taasisaniin kan uumameedha.
Raashiyaa dabalatee hanga har’aatti biyyootni Gamtaa Sooviyeetii duriitirraa foxxoqan nagaa kan hin qabne ta’uu yaadachiisanii; jaarraa 20ffaa keessa olola karaa miidiyaa afarfamaa turerraan kan ka’e gidduu biyyoota kanaatti jibbi lafa qabate har’a biyyootni kunneen walfixaa jiru jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun lola Filisxeemiifi Israa’eelis yoommuu ilaallu Israa’elootni siyaasa gaggeessan yoo Hamaas lafarraa bade malee Israa’el nagaaa hin argattu olola jedhu irra deddeebiidhaan gaggeessaa jiru, Filisxeemonni gaafa Israa’el badde nagaa arganna olola jedhu gaggeessuusaanitiin gidduutti Gaazaan daaraa taate”
Haala qabatamaa Itoophiyaatiinis namoota siyaasa daldalataniin ololli gabaasa sobaafi haasofti jibbiinsaa babal’achaa jira jedhanii, diraamaa miidiyaa EBS irratti karaa Burtukaan Tamasgeeniin tibbana hojjetame akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Miidiyicharratti Burtukaan Abbaafi Haadha akka hin qabneetti, akka nama gaa’ila hindhaabnettifi Yunivarsiitii Dambi Doollootti barattuu taatee osoo jirtuu qaama ta’een butamuun dirqisiifamtee gudeedamtee akka deesseetti dhiyaate. Waa’eenshee garuu dhugaadhaan yoommuu qoratamu wantootni jedhaman hunduu sobaadha.
Warri diraamicha hojjetan akka ummatni miira keessa galu gochuuf seenessa miira namaa qabu fayyadamuudhaan kan hojjetan ta’uu yaadachiisanii, seenessi akkanaa kun seenessa hawaasni tokko hawaasa isa biraa akka fixu taasisuudha jedhaniiru. Qaamotni kunneen balaa hamaa qaqqabsiisuuf karoorfatanis karroorrisaanii milkaa’uu hin dandeenye.
Qaamotni diraamicha hojjetan yeroo dheeraa fudhatanii waan hojjetaniif humni Tika Biyyaalessaa diraamichi miidiyaarratti osoo hin dhiyaatiin dursee bira gahuun tamsa’inasaa osoo hambisee gaarii ture jedhanii; erga diraamichi ummata bira gaheen booda ummataaf ibsa kennuunifi qaamota gochicha keessatti hirmaataan seeratti dhiyeessuun hojiin mootummaadhaan hojjetame gaariidha jedhaniiru.
Dhiibbaa olola akkasiitiin dhufuu danda’u hambisuuf yoomiyyuu taanan hawaasni miira keessa galuu dhiisuun ergama qaamota akkasii fashaleessuu qaba jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017