“Haaressi aadaa tokkummaafi waloomina saboota ollaa cimsaa jira” – Abbootii Gadaa Burjii

Finfinnee: Haaressi aadaa barii jijjiiramaa as hojjetamaa jiru tokkummaafi waloomina saba Burjiifi Booranaa cimsaa jiraachuu Abbootiin Gadaa Burjii beeksisan.

Abbaan Gadaa Burjii Mahaammad Walee tibbana sirna Baallii walharkaa fuudhiinsa 72ffaa irratti Booranarratti argaman Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Booranaafi Burjiin sirna Gadaa qabaachuun walfakkaachuu qofa utuu hintaane saba yeroo dheeraaf waliin jiraateedha. Guyyaa Baallii walharkaa fuudhiinsa Booranaa saba Burjiifis guyyaa gammachuu waan ta’eef gammachuu ardaa jilaa Areeroo Badhaasootti akka argaman ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, yeroo rakkinaa keessumaa bara hongee Booranaaf dursee kan ummata Booranaaf dhaqqabe Burjiidha. Tokkummaafi waloominni keenya kan duriiti malee kan har’aa miti.

Sirna Gadaa qabaachuun addaa addummaa akka hinqabne himanii; Gadaan Booranaa shanan waggoota saddeetiin maruu, bokkuu qabachuu, taateewwan keessootti gaggeeffaman hundaan walfakkaanna. Ija seenaan yoo ilaalles hanga Gadaa 38ffaatti Gadaan Booranaafi Burjii walfaana deemaa ture. Yeroo ammaa sirni Gadaa Burjii laafus sochii haaromsa aadaa Booranaa mootummaa naannichaan gaggeeffamaa jiru muuxannoo irraa qooddachuuf akka isaan gargaaru ibsaniiru.

Sirni Gadaa Booranaa cimaa deemuun waliinjireenya Burjiifi Booranaa akka cimsu himanii; gumaachi mootummaan naannichaa haaressa aadaan walqabatee taasisaa jiru Gadaa Burjii bakkatti deebisuuf shoora olaanaa qaba.

Gadaan Burjii bakka ittidhaabbate maaliif akka dhaabbate waan beeknuuf bakkatti deebisuuf sochii eegalleerra. Kanaaf, gorsaafi deeggarsi Abbootii Gadaa Booranaa waan isaan barbaachisuuf akka qoodaniif gaafataniiru.

Abbaa Gadaa Waldee Wanjalaa gamasaaniin obbolaan Booranaa sirna Baallii walharkaa fuudhiinsaa gaggeessan waliin sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii hirmaachuuf saba Burjii bakka bu’anii akka saganticharratti hirmaatan ibsaniiru. Sirni Gadaa obbolummaa, tokkummaafi waliin jiraachuu ofkeessaa waan qabuuf Burjiifis guyyaa ayyaanaati.

Dhalooti boodaan dhufu walittidhufeenya har’a Booranaafi Burjii gidduu jiru qabatanii akka ittifufan taasisuuf duudhaan sirna Gadaa Booranaafi Burjii cimaa akka deemuuf argamuun Abbootii Gadaa Burjii gumaacha olaanaa qaba.

Hojiin Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Abbootiin Gadaa sirna Gadaa iddootti deebisuuf hojjetaa jiran sirna Gadaa Burjii iddootti deebisuuf gumaacha olaanaa waan qabuuf Abbootiin Gadaa deeggarsa barbaachisaa akka taasisaniif gaafataniiru. Abbaa Gadaa Guyyoo Boruu waliin hojjechuufis qophii ta’uu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

Recommended For You