
Finfinnee: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Qonnaan Bulaa Ammaarootti gurmaa’iinsa caasaa gandaa haaraa lafa qabsiisuun jiraattota rakkoo nageenyaatiin dararfamaa turan boqachiisuun kan danda’ame ta’uu Waajjirri Bulchiinsa gandichaa beeksise.
Bulchaan gandichaa Obbo Mokonnin Dandanaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin tajaajila qaqqabaa ta’e jiraattota gandichaaf kennuuf dhuma bara 2016rraa eegalee caasaa haaraa gandaa lafa qabsiisuun hojiilee misooma garaagaraa hojjechuun danda’ameera.
Caasichi osoo lafa hin qabatiin dura jiraattonni gandichaa dararamaafi saamichaan baay’ee rakkachaa kan turan ta’uu himanii; ummata hirmaachisuudhaan qaamota nageenya gandichaa jeeqaa turan seeratti dhiyeessuufi tarkaanfii seeraa fudhachuun gandicha guutumaa guututti bilisa baasuun kan danda’ame ta’uu dubbataniiru.
Nageenyi waaraan amma jiru deebi’ee akka hin boorofneef jirattonni gandichaa nagaasaanii akka eeggatan gochuuf garee misoomaatiin, milishaafi Gaachana Sirnaatiin gurmeessuudhaan hojiin nageenya eegsisuu hojjetamaa jira jedhanii; milishaa 150fi Gaachana Sirnaa 300 leenjisuudhaan gara hojiitti akka galan taasifameera jedhaniiru.
Gandicha keessa gurmaa’iinsa caasaa gandaa dura kan turan seeliiwwan farra nageenyaa dadhabsiisuudhaan seeliiwwan kunneen mootummaadhaaf harka laatanii leenjii haaromsaa fidhatanii uummata dhiifama gaafatanii deebi’anii ummatatti akka makamanis taasifameera jedhaniiru.
Gama hawaasummaatiinis jiraattoonni waldhabdee dhuunfaa karaa Mana Murtii Aadaa akka furatan gochuun hojiin milkaa’ina gurguddaa of keessaa qabu hojjetamaa jira jedhaniiru.
Gandichi rakkoo nageenyaa waan hinqabneef hojiileen misooma qonnaa, barnootaafi eegumsa fayyaa hawaasaa akkaataa karoora baheen hojjetamaa jira jedhanii; gama misooma qonnaatiin bara oomishaa 2016/2017 lafa hektaara 1500 sanyii midhaan garaagaraatiin uwwisuun kuntaala kuma 55 argachuuf karoorfamee, lafa hektaara 1732 sanyiiwwan midhaanii akaakuu garaagaraatiin uwwisuun kuntaala kuma 58fi 888 argachuun danda’ameera jedhaniiru.
Omisha qonnaa bara 2017/2018tif qophiin taasifamaa jira jedhanii; bara omishichaatti xaa’oo kuntaala 2100 qonnaan bulaadhaaf dhiyeessuuf hanga fedhii qonnaan bulaa adda baasuudhaan bulchiinsa aanaatif kennameera jedhaniiru.
Caasichi akkuma gurmaa’een bulchiinsaaf akka tolu haala qabatamaa gandichaarratti ragaalee barbaachisan funaanuun qindessuu eegale jedhanii; dhimmoota akka baay’ina jiraattota gandichaa saalaafi umriidhaan, hanga bal’ina lafa gandichaa, beeyiladoota akaakuudhaan, akaakuu biyyee, bal’ina bosonaafi baay’ina bineensa bosonaa gandichaafaa irratti ragaalee guutuun qindeeffamaniiru.
Hirmaannaa uummataatiin waajjirri gandaas haala yeroo madaaluun kan ijaarame akka ta’eefi hoggantoota akka hawaasa tajaajilaniif gandichatti ramadamanif manni jireenyaa ijaarameera jedhanii, yeroo ammaa bulchiinsi gandichaa humnasaa guutuudhaan hawaasa tajaajilaa jira jedhaniiru.
Caasaan haarofti kun seeraan lafa qabachuurraan kan ka’e kanaan dura dhimmootni haawaasaa waggaa tokkottuu furmaata argachuu hin dandeenye yeroo ammaa turtii torbee tokko hin caalle keessatti furmaata argachaa kan jiran ta’uu xinxallii ittiquufiinsa maamiltootaa hojjetamerraa baruun danda’ameera jedhaniiru.
Gandichi hojii hojjeteenis akka Naannoo Ortomiyaatti beekamtii argachuu kan danda’e ta’uu Obbo Mokonnin yaadachiisaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gamasaanitiin daaw’annaa torbee darbe gandichatti taasisaniin haalli gandichi ragaaalee ittiqindeeffate gandoota biraatiif fakkeenya guddaa ta’uu kan danda’u akka ta’e dubbaachuunsaanii niyaadatama.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017