“Dubartoonni ogummaafi dandeettii qabaniin %50 hoggansa keessatti hirmaachuun biyya jijjiireera”- Injiinar Miiliyoon Baqqalaa

Finfinnee: Mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufuu hordofee hirmaannaan hoggansa keessatti dubartoonni qaban waan dabaleef jijjiiramni biyya keenya fayyadamaa taasisu galmaa’aa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa beeksisan.

Hoggantuun biirichaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa turtii addatti Gaazexaa Bariisaa waliin Roobii darbe waajjirasaaniitti taasisaniin jijjiiramichi rakkoo ilaalchaa dubartootarra ture cabsuun dubartoonni daandeettiifi ga’umsa qabaniin gara aangootti akka dhufan taasisuu himu.

Dubartoonni dameelee misoomaa gara garaa keessatti qooda fudhachuun jijjiirama addaa galmeessisuun danda’amuu kaasu.

Tarkaanfii mootummaan jijjiiramaa gama kanaan fudhateen hirmaannaa dubartoonni hoggansarratti qaban dhibbantaa 50n dabaluun hojii hojjetameen hawaas dinagdeefi siyaasa biyyaa keessatti milkaa’inoonni nama onnachiisan akka galmaa’an ta’aniiru.

Yeroo ammaatti dubartoonni barnoota ammayyaanis, ga’umsaafi bilchina siyaasaan ijaaramanii sadarkaa ministeeraa, pirezidaantii biyyaa, kan naannoo hoggantoota biiroo hanga caasaa gadiitti jirurratti bobba’uun ijaarsa biyyaa keessatti bu’aa guddaa buusaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Kutannoo siyaasaa gama kanaan mootummaan jijjiiramaa fudhate akka biyyaatti bu’aa galmeessisuurra darbee biyyoota Afrikaa biraaf fakkeenyummaan ka’aa akka jiru Injiinar Miiliyoon nihimu.

Aadaan dubartoota hoggansatti fiduu kun kanaan dura kan baratame miti jedhanii; tarkaanfiin kutannoo siyaasaa mootummaa jijjiiramaan fudhatame kun dubartoota kan onnachiisu miirri jaalala biyyaa keessasaaniitti akka cimu taasisuu eeraniiru.

Dubartoonni dameewwan barnootaa mara keessatti qooda fudhachuun Injiinara, doktrara, paayleetii, barsiistuu taa’uun ala dirree waraanaa keessattis misooma qonnaan daldalaafi hoggansa gara garaarratti amanamummaafi qaxalummaan hirmaachuun bu’aa cululuqaa galmeessisaa jiru.

Yeroo ammaatti akka biyyatti milkaa’inoota gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaaasaatiin galmaa’aa jiran mara keessatti qoodni dubartootaa gahee leencaa taphataa kan jiru yoo ta’u; tarkaanfichi daran kan nama onnachiisuudha jedhanaiiru.

Dubartoonni dirree irratti bobba’an maratti bu’aa kan buusan ta’uu qabatamaan lafarratti mul’ataa jiraachuu ibsanii; kanaafis tarkaanfii mootummaan jijjiiramaa fudhate kan isa galateeffachiisu ta’uu himaniiru.

Dhaloonni duuba jirus cimee hojjechuun ogummaa maraan ijaaramee bahuu akka qabu kan dhaaman Injiinar Miiliyoon shamarranis nuun fakkeenya godhachuun ofkennanii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Yeroo ammaatti haalli kenniinsa barnootaallee fooyya’aa jiraachuu eeranii; shamarran cimanii barachuun qabxii olaanaa galmeessisanii damee hawaas dinagdeefi siyaasa biyyaa keessatti hirmaachuun ijaarsa biyyasaanii saffisiisuu akka qaban dhaamaniiru.

Hanga biyya badhaate ijaaruuf ka’ametti hirmaannaa dhiirotaa qofaan milkaa’inni galmaa’u hinjiru jedhanii; dubartoonnis humnaafi dandeettii qabaniin dameelee hunda keessatti hirmaachuun biyyasaanii jijjiiruuf kutannaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

 

Recommended For You