Dorgommiiwwan ispoortii Bitootessa 24 sababeeffachuun adeemsifaman

Finfinnee: Itoophiyaan mirga qabeenya bishaan Abbayaarratti qabdu haala haqa qabeessa ta’een ittifayyadamuuf sochiin taasifamaa jiru akka filannootti kan fudhatamu osoo hin taane, akka hiree jiraachuufi jiraachuu dhabuutti kan ilaalamuudha.

Lammiileen biyyattii miiliyoonota ta’an hanqina bishaan dhugaatii qulqulluu, elektirikiifi injinariingiif dararfamaa waan jiraniifi waggoota dheeraaf hiyyummaa keessa akka jiraataniif sababa ta’eera.

Kanaafuu jiruufi jireenya hawaasichaa bu’uurarraa jijjiiruufi ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsaa carraa misoomaafi guddinasaanii kan murteessu ta’uunsaa ni beekkama.

Bitooteessi 24 kaka’umsa ijaarsa hidha guddichaatiifis guyyaa murteessaa yemmuu ta’u, guyyaa seena qabeessa waan ta’eef biyyattiitti hawwii olaanaadhaan sagantaa adda addaatiin yaadatamee oole. Naannoo Oromiyaattis guyyaa kana sababeeffachuun festivaalli ispoortii hojjettoota naannichaan kabajameera.

Guyyicha, keesumattuu Magaaloota Oromiyaa gurguddoota adda addaatti sochiin ispoortii waloo, fiigichi atileetiksii akaakuuwwan adda addaa, dorgommiin haada harkisuu, walmorkiiwwan kubbaa miilaa, agarsiisni Maarshaal Artiifi Tekuwaandoo adeemsifamaniiru.

Magaalaa Finfinneetti dirree ispoortii Waajjira Hojjattoota Oromiyaatti dorgommii haada harkisuu waajjiroota hojjattoota Oromiyaa jidduutti adeemsifameen dubaraan Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa Biiroo Lojistikii Daandii, dhiiraan Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Tiraanispoortii Oromiyaa haaluma walfakkaatuun 2-0n mo’ataniiru.

Sagantaan kun akka caasaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortiitti Orimiyaatti haala adda addaatiin kabajameera. Saganticharratti hoggantoonni olaanoo naannoo Oromiyaa kan argaman yoo ta’u, Itti Aanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaalany Xilaawun guyyicha ilaalchisuudhaan akka ibsanitti, Ispoortiin jaalalaafi nageenya waan ta’eef ispoortii hojjechaa Bitootessa 24 nikabajna. Sochii ispoortii qaamaa sadarkaa godinaa, magaalaafi aanaatti taasisaa turre har’as bifa ho’aa ta’een iddoowwan hundatti kabajaa jirra jedhaniiru.

Keessummaa guyyichaa kan turan, Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti Ittigaafatamaan Ijaarsaa Doktar Mangistuu Baqqalaa gamasaaniitiin, “Bitootessi 24 siidaan namummaa ilma namaa kan ittimirkanaa’edha” jedhan.

Akkasumas seenaa dogoggoraa kan “Oromoon biyya hogganuu hindanda’u” jedhamaa ture hoggansa Doktar Abiyyi Ahmadiin soba ta’uunsaa ifoomee jira. Dirreen ispoortii akkanatti har’a miidhage kun iddoo balfi ittigatamaa tureedha.

Haa ta’u malee, Doktar Abiyyi Ahmad, mul’ata ijaarsa biyyaatiif qaban irraa ka’uun iddoo kosii, xuriifi balfi ittikuufamu qulqulleessun sadarkaa amma argamu kanatti jijjiiruun isaanii kan namatti mul’isuufi biyya ijaaruu kan eegalan ta’uu dubbataniiru.

Pirojektoonni gurguddoon yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu kan jalqaban bu’aa Bitootessa 24ti kan jedhan ittigaafatamtichi, hojiileen hidha haaromaas xumura irra kan gahaniifi misoomni koriidariis hoggansummaa firii Bitooteessa 24 ta’uu kaasu.

Akkasumas akka biyyaattis ta’ee naannoo keenyaatti pirojektoota gurguddoota misooma ispoortiif xiyyeeffannaan kennamuudhaan waggoottan torban kanneen keessatti magaalota xixiqqoo dabalatee magaalota gurguddoo godinaalee keessatti dirreewwan ispoortii oolmaa dargaggootaa baldhinaan ijaaramaa jiraachuus ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

Recommended For You