
Doktar Hanii Godaanaa Adeeroo barattoota barana (2017) Kolleejii Meedikaalaa Miliniyeemii Qiddus Phaawuloosirraa bor eebbifamuuf jedhan keessaa tokko yoo taatu, turtii barnootaa waggoota torbaatiin qabxii waliigalaa 3.92 fiddeetti.
Shamarreen tun qaxalee qe’ee horsiisee bulaa Godina Booranaa keessaa baatee sadarkaa kana qaqqabdedha. Nutis muuxannooshee qarreefi qeerroof qooduuf jecha Doktar Hanii dubbisneerraa dubbisa gaarii.
Haatiifi abbaanshee ogeessota fayyaati. Sababa hojiitiin gara Diillaa waan deemaniif achitti dhalattee hanga waggaa afur guuttutti achuma turte. Isa booda, gara bakka dhalootaa abbaashee Nageellee Booranaa dhufuun barnootashee hanga kutaa shanaffaatti baratte. Yommuu kutaa ja’affaatti darbitu ammas maatiin waan sababa hojiitiin gara Yaaballootti jijjiiramaniif barnootashee hanga kutaa 12ffaatti achumatti xumurte.
Doktar Haniin ijoollee shan maatiinshee horatan keessaa mucaa lammaffaa yoo taatu; obbolaa dhiiraa lamaafi dubaraa lama qabdi. Yeroo barattu kutaa tokkoffaarraa eegaltee barattuu qaxalee sadarkaa keessa baatu akka turte yaada Gaazexaa Bariisaaf kenniteen ibsiteetti.
Haatishee Narsii, abbaanshee ammoo sadarkaa dippiloomaarraa kaasanii baratanii sadarkaa ‘PhD’ qaqqabanii Yunivarsitii Booranaatti barsiisaa jiru.
Yommuu hawaasa horsiisee bulaa keessaa shamarran qaxaleen akkanaa ba’an baay’inaan kan hinmul’anne ta’us deeggarsi maatiishee keessumaa kan abbaashee olaanaa waan ta’eef xiyyeeffannaadhaan akka barattu ishee gargaareera.
Abbaanshee Doktar Godaanaa Adeeroo ijoollummaasaaniitti barnoota dhorkamanii horii tiksuu didanii ofumaan gara mana barnootaa deeman. Waan barnootaafi jaalala olaanaa qabaniif xiiqiisaanii ijoollummaa ijoolleesaaniirratti ba’achuu barbaadu turan.
Waantota barnootasaaniif barbaachisu hunda haala danda’ameen guutaafii hordofaa barsiisaniin. Yeroo baay’ee naannawa jiranirraa fageessanii guddisanii akka yaadan taasisanii isaan guddisan. Kanarraa kan ka’e obboleessishee hangafaallee fayyaa barachuun Doktara ta’eera. Jireenyashee keessatti namni akka fakkeenyaatti ilaalaa guddatte abbaasheeti.
Naannawa dubartoonni baay’inaan hinbaranne, baratanis bakka guddaa ni ga’u jedhamee hin yaadamnetti maatiishee miirri kun osoo itti hindhaga’amiin inumaayyuu warra dhiiraa caaltee akka jabaattutti ishee guddisaniiru.
Kana malees keessumaa gaafa gara sadarkaa barnoota lammaffaatti siqaa deemu lakkoofsi barattoota shamarranii hir’isaa waan deemuuf deeggarsi barsiisonni ishee taasisaniif qooda mataasaa qaba.
Shamarranuma jiran keessaa ammoo kan sadarkaa tokkoffaa baatu waan hinturreef qabxii waliigalaa 70 fa’iin badhaafamaa turan. Isheen garuu gaafa kutaa saglaffaa seente 99.6 fiduun dhiirotayyuu caaltee tokkoffaa baatee akka waan haaraatti dinqisiifatamaa turte.
Ijoollummaasheetti ariifattuu, tattaphattuufi daftee kan namaan waliigaltu Doktar Haniin qo’annaarratti garuu barattuu hangas mara xiyyeeffannaa kennitu hinturre. Waan barsiisaan barsiisu sirnaan hordofuun yaadannoo qabachuurra darbee amaleeffannaa yeroo dheeraa dubbisuu hinqabdu. Hojii manaa kennamuufillee dareedhuma keessatti xumurtee galti. Yeroo boqonnaa qabdutti gara caalu mana amantiitti dabarsiti.
Yeroo barattu hiriyyoota hedduu kan qabdu Dokar Haniin keessumaa hordoffiifi gorsi maatiishee olaanaa waan tureef hiriyyoota gaarii filachuun osoo amala badaaf hinsaaxilamiin barnootashee sirnaan hordoftee xumurteetti.
Yeroo maatiinshee filannoo hiriyyaarratti ishee hordofan hacuuccaa itti fakkaatus har’arratti daran ittiin isaan galateeffatti. Yommuu hiriyyoonni amala isheef hintolle ishee mudatan daftee hariirooshee adda kutuun barattootuma akka ishee qaxalee ta’an hiriyyoomfachuun hariiroo gaarii qabaachaa barattee xumurte.
Kaayyoonshee jabaattee barattee yunivarsitii seenuu waan tureef homaa tokkoyyuu akka hindanqamneef xiyyeeffannaa addaa kennaa turte.
Haala kanaan barnootashee kutaa 12ffaa qabxii olaanaadhaan xumurtee, waggaa torba dura dorgommiidhaan gara Kolleejii Meedikaalaa Miliniyeemii Qiddus Phaawuloos seente. Yommuu barattu maatiishee ilaaluun hawwii doktara ta’uu qabaattus hanga yeroo muraasaatti garuu gaazexeessituu ta’uu hawwaa turte.
Yommuu barnoota 12ffaa xumurtu waa tokko filachuu waan qabduuf abbaanshee “Doktara taatee gaazexeessituu ta’uu ni dandeessa, gaazexeessituu taatee garuu doktara ta’uu hindandeessu” jennaaniin damee fayyaa barachuuf murteessite.
Erga Kolleejii Meedikaalaa Miliniyeemii Qiddus Phaawuloos seentees haala qo’annaashee fooyyessuun baay’ee dubbisuu jalqabde, yommu dubbistu garuu qabxii olaanaa hunda caalaa galmeessisuuf osoo hintaane barnootichuma xumuruuf hojjetaa turte.
“Barnoonni waggaa jalqabaa waan baay’eedhaan ulfaataadha. Maatiirraa adda ba’anii jiraachuun, biyya ho’aarraa dhufanii qilleensa qorraa Finfinneetti baruun, koorsiifi haala kenniinsa barnootaa haaraatti baruun rakkisaa ture. Qabxiin waggaa jalqabaa garuu kanin yaadee ol gaarii turuun hamilee natti hore” jetti.
Waan qabiyyeen barnoonni fayyaa bal’aa ta’eef wanti dubbifamus akkasuma baay’ata. Qormaati kennamullee daran ulfaataadha. Haalonni kunneen akka cimtee dubbistuufi barnootasheetti akka jabaattu ishee taasise.
Keessumaa barnoota fayyaatti fedhasheetiin waan seenteef jabaattee barachuu malee filannoo akka hinqabne of amansiisuun hojjetaa turte. Barnootichis guyyuu haaraa, jireenya dhala namaa wajjin kan walqabatu ta’uun ammoo itti tolee akka barattuufi dubbistu taasiseeraan.
Adeemsa waggoota torbaa keessatti gidduutti dadhabuufi nuffuun yoo jiraatellee kaayyoo ofii yaadachuun qabxiidhuma olaanaa galmeessisuun barachuu ittifufte. Waggaa tokkoffaafi lammaffaa guutummaatti dubbisanii hojjechuu yoo ta’u; waggaa sadaffaa booda garuu qabatamaadhaan shaakalaa waan baratamuuf hawwiidhaan barataa turte.
Yommuu waggoota torbaaf barnootarra turtetti wantoonni isheetti ulfaataniifi danqaa itti ta’an jiraatanis hundaa ol waan barattu beekuunshee, ittaansuun ammoo kaayyoo qabaachuunshee boodatti ishee hinhambisne.
Dorgommiin achitti taasifamu kan barattoota qaxalee filatamanii dhufan waliin taasifamu waan ta’eef jabaatanii barachuu akka dirqamasheetti of amansiistee baratte.
Haalota kanneen keessatti yerooshee sirnaan fayyadamuu dandeesseetti. Kun immoo jalqabaa hanga dhumaatti cimtee akka ittifuftu gargaareeraan. Waggoota torbatti koorsiiwwan hedduu amma lakkoofsasaanii hin yaadanne kan fudhatte yoo ta’u; harka caalaasaanii ‘A’ fiduun xumurte. Qabxii waliigalaa 3.92 galmeessistes barattoota maraa keessaa tokkoffaa ishee taasiseera.
Namni yoo kaayyoo qabaateefi yeroosaa sirnaan yoo fayyadame wanti hindanda’amneefi bira hinga’amne akka hinjirre jireenyishee shamarran hedduuf muuxannoo akka ta’u barbaaddi. Keessumaa namni waan barbaadu beekuu qaba; waan barataa cimaa ta’eef qofa fayyaa baratee milkaa’a jechuun hindanda’amu. Dubartoonnis maalumaanuu waan dhiiraa gadi ta’aniin hinqaban. Wantooti isaan gufachiisuu danda’an hedduun jiraatanis kaayyoo ofiitti cichuun barbaachisaadha.
Fuuldurattis maatii, biyyi keessumaa dubartoonni horsiisee bulaa waan baay’ee irraa eegu. Doktara meedikaalaa ta’uun manii isa dhumaashee miti. Kana booda caalaatti barachuun wal’aansa baqaqsanii wal’aanuu daa’immanii ispeeshaalaayiz gootee barachuuf yaada qabdi. Ogummaa argatteenis maatii, hawaasa naannawaasheefi biyyashee beekumsa fooyya’aan tajaajiluu hawwiiti.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017