
Finfinnee: Jijjiirama siyaasaa waggoottan torbaa as biyyattii keessatti dhufeen dameewwan jijjiirama kanarraa fayyadaman keessaa dameen Aadaafi Turiizimii isa tokko yemmuu ta’u, bu’aawwan gama kanaan argaman keessaa ammoo hundeeffama Mana Murtii Aadaa akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda’ama. Guyyaa injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun Sagantaan Waarii aartii bakka Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa, Artiistoonni, Abbootiin Gadaafi Hawaasni Dayaasporaa akkasumas keessummoonni garaagaraa argamanitti tibbana gaggeeffameera. “Bitootessi 24 aadaafi aartii Oromootiif guyyaa bilisummaan ittilabsameedha” – Doktar Mangistuu Baqqalaa Saganticharratti argamuudhaan haasaa kan taasisan Itti Gaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa, sirni Oromoon ittiwareegamaafi qabsoo obsa fixachiisaa taasisee biyya kana keessatti ummanni Oromoofi sabaafi sablammoonni walqixxummaan akka jiraatan taasisaa jiru kun mataansaa duudhaa Oromoo keessaa kan maddu ta’uu ibsaniiru. Kunis Mootummaa yaadama Paartii Badhaadhinaan hogganamuun qabatamaan mirkanaa’aa jiraachuu kaasaniiru. Aartiifi Aadaan Oromoo moggaatti dhiibamee tureefi dhiibbaan garagaraa taasifamaa ture injifannoo Bitootessa 24n aartiifi aadaan Oromoo haala gaarii ta’een akka dagaaguuf bu’uura ta’eera. Badhaadhinni kan dhugoomu badhaadhinni maatii yoo mirkanaa’e ta’uu kaasanii, kanaafis mootummaan xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Sirni kun akka ititu yoo barbaachise diinagdeedhaan ofdanda’uun murteessaa ta’uu kan kaasan Doktar Mangistuun kana milkeessuufis naamusa hojii cimaa horachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru. “Guyyaa injifannoo Bitootessa 24 kan kabajnu qabsoo obsa fixachiisaa taasifameen falaasama ida’amuutiin biyya keenya daandii badhaadhinaa kan itti eegalle yaadachuufiidha” kan jedhan immoo Hoggantuu Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Aaddee Jamiilaa Sinbirruuti. Sagantaa waarii aartii injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun qophaa’e kanarratti hojiiwwaan aartii garagaraa dhiyeessuudhaan imala aadaafi aartii naannichaa keessatti guyyaan injifannoo kun boqonnaa addaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017