
Babal’inni giddugaloota aadaafi aartii sadarkaa godinaaleefi magaalota garaa garaa keessatti bifa hinbaramneen kan itti ijaaraman, gaaddisni ragaa sobaatiin haqa dabarsee hinkennine manni murtii aadaa kan itti deebi’ee hojiirra ooleefi guutuu Oromiyaatti walgahe, seerotniifi qajeelfamtootni dhaloota gara duudhaa isa ganamaatti deebisuuf gargaaran hedduu kan itti diriirfamaniifi hojirra itti ooluu jalqaban waggoota jijjiiramaa torban darban keessatti.
Guyyaa injifannoo Bitooteessa 24 sababeeffachuun sagantaan waaree aartii bakka hoggantoonni olaanaan naannoo, artistoonni, abbootiin Gadaafi diyaaspooraa akkasumas keessummoonni garaa garaa argamanitti Kibxata darbe Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti geggeeffameera.
Saganticharratti haasaa kan taasisan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Ittigaafatamaan Ijaarsaa Doktar Mangistuu Baqqalaa, sirni Oromoon itti wareegamaafi qabsoo obsa fixachiisaa taasisee biyya kana keessatti ummanni Oromoofi sabaafi sablammoonni walqixxummaan akka jiraatan taasisaa jiru mataansaa duudhaa Oromoo keessaa kan maddu ta’uu ibsaniiru. Kunis mootummaa yaadama Paartii Badhaadhinaan hogganamuun qabatamaan mirkana’aa jiraachuu kaasaniiru.
Aartiifi aadaan Oromoo moggaatti dhiibamee tureefi dhiibbaan garaa garaarratti qaqqabaa ture injifannoo Bitooteessa 24n bilisummaadhaan aartiifi aadaan Oromoo haala gaarii ta’een akka dagaaguuf bu’uura ta’eera.
Badhaadhinni kan dhugoomu yoo badhaadhinni maatii mirkanaa’e ta’uus kaasanii, kanaafis mootummaan xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Sirni kun akka ititu yoo barbaachise dinagdeedhaan of danda’uun murteessaa ta’uu kan kaasan Doktar Mangistuun; kana milkeessuufis naamusa hojii cimaa horachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
“Guyyaa injifannoo, Bitootessa 24 kan kabajnu qabsoo obsa fixachiisaa taasifameen falaasama ida’amuutiin biyyi keenya daandii badhaadhinaa kan itti eegalte yaadachuufi” kan jedhan immoo Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruuti.
Sagantaa waaree aartii injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun qophaa’e kanarratti hojiiwwaan aartii garaa garaa dhiheessuudhaan imala aadaafi aartii naannichaa keessatti guyyaan injifannoo kun boqonnaa addaa kan qabu ta’uu dubbatu.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahamaanis Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ergama akka mootummaatti kennameef sirnaan hubatee manneen hojii dhimmi ilaalu qindeessuun agarsiisa imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 2ffaa barii injifannoo Bitootessa 24 kabajne irratti qophaa’e kun injifannoo dabalataa kan argamsiisuudha jechuun ibsaniiru.
Mootummaan Paartii Badhaadhinaan hundeeffame, qormaatilee keessaafi alaa qolachuun seenaa hiyyummaafi boodatti hafummaa kaleessaa jijjiiruun, jiruufi jireenya hawaasummaa, guddina dinagdeefi aadaa siyaasaan biyya gara badhaadhinaatti ceete ijaaruuf waadaa gale gochaan dhugoomsaa jiraachuus himaniiru.
Waggoottan torba darban, karoora hiixataafi bilchina qabuun hojiiwwan naannichaa hunda hogganuun, sirnaafi biyya ijaaraa jirruuf utubaa ta’uun, badhaadhina maatii, humna waloofi bajata xiqqaa fayyadamuun, imala badhaadhinaa eegalame injifannoo gama hundaan galmaa’e tiksaa, qormaatilees gara carraatti jijjiiraa, milkaa’inoonni jajjaboon galmaa’aa dhufuu dubbataniiru.
Kallattiiwwan guguddoo akka biyyaatti cabiinsa hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa fayyisuuf kaa’aman milkeessuuf, hojiileen hundi karoora xiiqiin hogganamuun, inisheetiivotaan dabaalamanii baay’ina, qulqullinaafi saffisaan hojjetamuun, biyya gara badhaadhinaatti ceessisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa turuu kaasaniiru.
Waggoota torba darbanitti duudhaalee jajjaboo, hambaalee seenaa, aadaafi safuu ummataa sirnoomsuun, akkasumas, kuufama qabeenya umamaa qabnu misoomsuun naannichatti dinagdee damee turizimiirratti jijjiirama fiduuf hojiin hojjetameefi bu’aan argame olaanaa ta’uu himaniiru.
Akka yaadasaaniitti; qabeenyi albuudaa riifoormii haaraa dinagdee damdaneessaa hojiirra ooleen, alseerummaan daldala albuudaa keessa ture sirnaan hogganamee, dinagdee biyyaa utubuu keessatti gaheesaa akka bahatu taasisuu himuun, Oromiyaa keessatti qabeenya bishaanii qabnutti fayyadamuun, qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun, ittifayyadama makaanaayizeeshinii qonnaan deeggaruun, jijjiirama bu’aa irratti xiyyeeffate fiduun danda’ameera.
Injifannoon misooma qamadii bonaa sagantaa wabii nyaataa mirkaneessuun olitti, birmadummaa biyyaa tiksuun kabajni biyyi keenya addunyaa irratti qabdu akka dabalu kan taasise ta’uu kaasuun, dameen industirii ogummaa hawaasaaf beekamtii kenne, industirii manufaakchariingii jajjabeessuun guddina biyyaa utubee, carraa hojii bal’inaan uumuun shoora dinagdee biyyaa keessatti qabu bahachuu irratti kan argamuudha.
Damee Teknolojiifi Qunnamtii Odeeffannoon walqabatees, sirna, hojimaataafi qabeenya akka biyyaaf naannootti jiru dijitaalessuun, tajaajila keenya teknolojiin deeggaruun, addunyaa dijitaalaa keessatti dorgomnee mo’achuuf, imala ijaarsa Dijitaal Oromia dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himuun, kun immoo, egeree badhaadhina naannoofi biyya keenyaa murteessuu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha.
Haaluma kanaan, warraaqsa dinagdee Oromoo eegalame fiixaan baasuuf, imala dinagdee damdaneessaa gama hundaan tumsuun moggaa dhaabbatanii ilaaluufi taajjabuurra itti seenanii gumaata ofii ba’achuun gahee hunda keenyaa ta’uu akka qabu eeruun, imala badhaadhinaa waggoota torban darbe eegalameen injifannoowwan galmaa’an hedduu keessaa tokko ijaarsa mootummaa gandaa bu’uuressuu ta’uu kaasaniiru.
Sirnoota darban keessatti, tajaajila ummata giddugala godhateefi itti quufiinsa lammiileen mirkanaa’e kennuun walqabatee hanqinoota turan qorachuun, ummanni dhiyeenyatti tajaajila akka argatu taasisuun kan danda’ame ta’uu dubbachuun, mootummaan keenya, uumama isaan ummata keessaa, ummataan ummataaf kan dhalate ta’uu waan beekuuf tajaajilasaa hunda karaa sirnaawaafi caasawaa ta’een ummata keessatti bu’uureessee jiraachuu ibsaniiru.
Injifannoon kun akka salphaatti kan ilaalamu osoo hintaane, imala sirna ijaaruu akka ta’e himuun, tarkaanfiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa tajaajila hawaasatti dhiyeessuuf taasisaa jiru, hoggansiifi ogeessi ummata keessa bulee akka tajaajiluuf gurmaa’iinsi gandaa bu’uuresse kun ilaalama haaraa mootummaa ummataa ta’uu isaa mirkaneesse ta’uu hubachiisaniiru.
Kanaaf, qormaatilee imala kana gufachiisuuf carraaqan karaa irraa maksaa, injifannoowwan argaman bu’uuressaa kan ittifufamu ta’uu himuun, imalli ijaarsa sirnaa eegalame bifa gurmaa’eefi qindaa’een, ummanni iftoominaafi hubannoo argatee hojiiwwan misoomaa mootummaan dameewwan hunda keessatti hojjetu tumsuufi deeggaruun gaheesaa akka bahatu dhaamaniiru.
Hojiin mootummaa naannichaa karaa qindaa’een akka beeksifamuuf, odeeffannoon sirnaan akka buluuf, maqaan gaarii naannoofi biyyaa akka ijaaramuuf, Caffeen Oromiyaa aangoo Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaaf kennee jiraachuu himuun biirichi ergama kana lafa qabsiisuun, odeeffannoo naannoo keenyaa bulchuufi waaltessuuf hojii milkaa’aa hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Oromiyaan ijaarru, Itoophiyaan utubnuufi Gaanfi Afrikaa tasgabbeessinu imala keenya darbe madaaluun injifannoo arganne tiksaa, ragaa mootummaa naannoo Oromiyaa kuusaafi dijitaalessaa, hojii hojjennerrattis iftoomina uumaa imala badhaadhinaarraa osoo ija keenya hinbuqqifatiin, milkaa’inoota keenya ittifufsiisuuf, ummanni mootummaasaa cinaa dhaabbatee hirmaannaa taasisaa jiru cimsee ittifufuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
Injifannoo Bitootessa 24tiin bu’aawwan damee aadaafi aartii keessatti galmaa’aniif galateeffachaa gaaffiilee dhimmoota kanaan walqabatanii ka’an biroo immoo yeroo ittaanu keessatti deebii akka argataniif jecha injifannoo argame qofatti boonanii hojmanee hafe dagachuun rakkoo uuma.
Walumaagalatti, waggoottan torba darban damee aadaafi aartii keessatti bu’aawwan maqaa dhahuun danda’amu galmeessisus, hanqinootni hanga ammaatti hinfuramnes akka jiran baramanii yeroo ittaanutti kabaja guyyaa injifannoo bara ittaanuutiif deebii argatanii eeguu qabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017