Bara 2040tti Itoophiyaa fakkeenya badhaadhina addunyaa taasisuuf hojjetamaa jira

Barii jijjiiramaa arguuf lubbuu hedduutu wareegame, dhiiga danuutu dhangala’e, lafee cabes manni lakkaa’ee hin fixu. Itoophiyaan biyya warra adiin hin koloneeffatamne taatus kolaasaafi koloneeffannaan murna gita bittaan saboota cunqurfamoorra ga’e waliifi ofitti akka qaaneffatan nama taasisa. Biyya dhiigaafi lafee waloon ijaaramte keessatti lammii tokkoffaafi lammaffaa jedhamuun godaannisa seenaa yoomuu hindagatamneedha.

Keessattuu sabni dinagdee, siyaasaafi hawaasummaan ijaarsa biyyaa keessatti gahee leencaa qabu Oromoon gumaata taasise mitii abbaan biyyummaasaa haalamee mirgaafi qabeenyasaa sarbame. Sabni guddaan kun olaantummaaf osoo hintaane walqixxummaaf qabsoo hadhaa’aa adeemsisaa ture. Fincilli sabichaa roorroon dhalate suuta guddachaa sirna sabicha nyaate liqimsaa dhufuun bara 2010tti as ba’uu mootummaa jijjiiramaaf sababa ta’e. Hoggansi tarkaanfataan sirna ADWUI keessa ba’e kunis gaaffii barootaa ummattoota biyyattii tokko lama jedhee adda baasee furmaata itti kennuu eegale.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa Kibxata darbee waggoottan torba darbanitti injifannowwan akka biyyaatti argaman ibsa miidiyaaleef kennaniin tarreessaniiru.

Akka isaan jedhanitti, biyya kana keessa ummatni gariin abbaa dhimmaafi abbaa biyyaa wayita ta’u, gariin ammoo deeggaraafi murtoo kenname simachuuf akka ta’utti ijaaramee ture. Sirnootni darban nama dhimma biyyasaarratti murtoo kennuuf mirga guutuu qabu mirgasaa sarbuun deeggaraa taasisuun tooftaa qoqqoodanii bituu fayyadamuun umurii bittaa dheereffachaa turan.

Hunda dura biyya sabdaneettii obbolummaafi walqixxummaan keessatti mirkanaa’eefi ummatashee fakkaatu ijaarutu eegalame. Biyyi olaantummaa murna tokkoon dhaalamtee ummatashee fakkaachuu dhabuun maraammartoo siyaasaa keessa biyya tursuu bira darbee ummatni biyyasaarraa amantaa akka dhabu taasiseera. Bu’uuruma kanaan ofiin of bulchuufi afaan ofiin barachuun hundeen lafa qabatee namuu akka fedhetti aadaafi seenaasaa akka calaqqisiifatu taasifameera.

Hundaa ol, gaaffiin naannoo ta’uu akka yakkaatti ilaalamaa tureefi ummatni aarsaa hinmalle itti kaffalaa ture mootummaa jijjiiramaan xiyyeeffannaa addaa argatee yeroo gabaabaa keessatti naannoleen afur dabalataan akka hundaa’u taasifameera. Siyaasa moggaa gara gidduutti fiduun hunduu dhimma biyyasaarratti akka murteessu taasifameera.

Aadaan siyaasaa walxaxuufi walsakaaluu maqsuuf maqaa paartilee mormitootaa jedhamaa ture gara paartilee morkattootaatti jijjiruu qofa osoo hintaane warra ilaalcha siyaasaa qabaniin biyyaa baafaman biyyatti deebisuun waliin hojjechuun danda’ameera.

Angoon kan argamu olaantummaa yaadaan malee afaan qawween akka hintaane filannoo dimokiraatawaa adeemsisuun agarsiisuun danda’ameera. Paartiileen morkattootaa dhimma waloorratti mootummaa waliin hojjechuu akka danda’aniifi garaagarummaa yaadaa jiru ammoo ummatni akka murteessuu taasisu waliin tarkaanfachuun danda’ameera.

Aadaan siyaasaa waldhaadhessuufi walballeessuu sirna dimokiraasii quucarsuun dabalata guddina biyyaa boodatti harkisaa tureera. Jibbiinsa sanyiifi amantaa lubbuu horatee saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii gidduutti walshakkiin akka babal’atu taasiseera. Ilaalchi waloomaafi biyyummaa hafee naannummaafi sanyummaan akka goobanuuf sababa guddaa ta’eera.

Ummatni gaaddisa heeraa tokko jalatti bulu sababa babal’achuu aadaa siyaasaa diinummaarratti hundaa’een barii jijjiiramaa illee dabalate ‘nuufi isin” ilaalcha jedhuun walitti bu’iinsaafi buqqaatii hamaa fideera. Badii lubbuufi mancaatii qabeenyaa seenaa keessatti fokkataa ta’ee uumuus danda’eera.

Haa ta’u malee, jijjiiramaan walqabatee ummatni biyyattii miiraa obbolummaafi walqixxummaan walitti dhiyaatanii akka hojjetaniif tokkummaa biyyaarratti hojii bal’aan hojjetameen obbolummaan lalisuu danda’eera.

Aadaa dimokraasii dagaaguufis seerri dhaabbileen dimokiraasii kanneen akka boordii filannoo, koomishinii mirga namoomaafi dhaabbileen siivikii garagaraa daran akka fooyya’uu taasifameera. Haaluma kanaan, mirgi gurmaa’uu, odeeffannoo argachuufi yaada ofii bilisaan ibsachuun mirkanaa’eera.

Babal’ina sirna dimokiraasii keessatti qoodni miidiyaa olaanaa ta’uun hubatamee miidiyaalee haaraan 150 dabalataan akka hundaa’an taasifameera. Ammaan tana waliigalaan dhaabbilee miidiyaa 272tu biyyattii keessatti odeeffannoo ummataaf kennaa jira.

Injifannoon Bitootessa 24, siyaasaan qofa osoo hintaane gama dinagdeefi hawaasummaatiinis daran olaanaadha. Mootummaa jijjiiramaa harka tokkoon aggaammii biyyarratti yeroowwan garagaraa taasifame qolachaa harka tokkoon ammoo misooma finiinsuun guddina dinagdee Afrikaafuu fakkeenya ta’u galmeessuu danda’eera. Wayita mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufu saanduqaa duwwaa ta’uu qofa osoo hintaane liqiin biyyattii hanga omisha waliigalaa/GDP/ keessaa %31 qabatee turuu Obbo Kaffaaloon yaadachiisaniiru.

Pirojektonni guguddoon guddina biyyattiif abdataman hedduun kufaatii guddaa keessa turuu yaadachiisanii; hoji dhabdummaan akka malee dagaaguun dargaggootni biyyattii rakkoo dinagdee-hawaasummaaf saaxilamaniiru. Ta’us mootummaan jijjiiramaa karoora yeroo dheeraafi gabaabaa baasuun biyya kufaatii rogawwan maraarraa baraaruu danda’eera jedhan.

Itoophiyaa eegee hiyyummarraa gara guddina ajaa’ibsiisaatti fiduun danda’ameera. Ammaan tana Itoophiyaan guddina dinagdeen Gaanfa Afrikaarraa sadarkaa tokkoffaa Afrikaarraa ammoo sadarkaa shanaffaa qabachuu himanii; qormaata walxaxaa keessatti bara kana waliigalaan guddinni dinagdee biyyattii %8.2n akka eegamu ibsaniiru. Guddina dinagdee eegamaa jiru kana keessatti shoorri seektaroota qonnaa, manufaakchariingiifi tajaajilaa olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun galiin biyyattiin waggaatti sassaabdu daran dabalaa dhufeera. Bara 2010 galiin naannoo Oromiyaa qarshii biliyoona 17.26 ture bara 2016tti gara qarshii biliyoona 123tti ol guddisuun danda’amera.

Bajatni dhimmoota garagaraaf ramadamus sochiilee misoomaa babal’achaa jiraniin walqabatee waggaadhaa gara waggaatti dabalaa dhufeera. Bara 2010 bajatni naannichaa qarshii biliyoona 59.1 ture bara 2017 qarshii biliyoona 285.19tti ol guddisuun danda’ameera.

Naannoon Oromiyaa qabeenya qabutti waan sirnaan fayyadameef bajanni mootummaa federaalaarraa fedhu xiqqaachaa dhufeera. Bara 2010 bajatni naannichaa %75.51 ture bara 2017 gara %27.94tti gad xiqqeessuun danda’ameera.

Hojiin tajaajila lammummaan hojjetame bara 2010tti qarshii biliyoona 13 ture bara bara 2016tti qarshii biliyoona 113.2 ga’uun danda’ameera. Walumaagalatti, humna waloon hojiin misoomaa bal’aan hojjetamuu danda’eera jedhu Obbo Kaffaaloon.

Kana malees, aadaan qusannaa yeroodhaa gara yerootti akka dabalu taasisuun sochiin invastimantii finiinsuun danda’ameera. Aadaa baratameen hojjetanii hiyyummaa keessaa ba’uun waan hin danda’amneef inisheetiiviiwwan 28 bocamanii hojiirra oolaa jiru. Bu’uuruma kanaan omishni midhaanii bara 2010 kuntaala miliyoona 179.02 ture bara 2016 gara kuntaala miliyoona 411.81tti ol guddisuun danda’ameera.

Hirkattummaa roobaa jalaa ba’uuf misooma jallisiin waggaatti lamaafi sanaa ol omishuun danda’ameera. Haaluma kanaan bara 2010 qamadii jallisii bonaa callaa kuntaala miliyoona 43 ture bara 2016 gara kuntaala miliyoona 193.49tti ol guddisuun danda’ameera jedhanii; sochii jallisiin qamadii omishuun kun taatee hin baratamneefi mul’ata mootummaa jijjiiramaa akka ta’es eeraniiru.

Omishtummaa dabaluu keessatti gaheen makaanaayizeeshinii olaanaa ta’uun hubatamee akka naannoo Oromiyaatti bara 2010 dura tiraaktarootni 2000 hin caalle bara 2016tti gara 6700 oliitti ol guddisuun danda’ameera. Loon sanyii fooyya’oon omishtummaa aannaniifi bu’aasaa guddisuuf bara 2010 jabbilee dhalatan kuma 72 fi 843 tura bara 2016tti gara kuma 300fi 973 irraan ga’uun danda’ameera.

Kana malees, bara 2010 cuuciin guyyaa tokkoo miliyoona 8.01 ture bara 2016 gara miliyoona 53.31tti guddisuun danda’ameera. Sookkeen lukkuu bara 2010 miliyoona 7.3 ture bara 2 016 gara miliyoona 37.7 ol guddateera.

Bara 2010 killeen waggaatti omishamu miliyoona 40 qofa ture bara 2016tti gara biliyoona 2.7 irraan ga’uun danda’ameera. Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifameen walqabatee Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Sagantaa Nyaata Addunyaarraa badhaasa argachuu danda’aniiru.

Pirezidaantiin naannichaa akkuma jalqaba waadaa galanitti bara 2012 Oromiyaa keessatti pirojektota 4,584 xumursiisuun wayita eebbisiisan, bara 2016tti baay’ina pirojektota naannichatti ijaarsisaanii xumuramee eebbisiifama gara 76,231 ol guddisuun danda’ameera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017

Recommended For You