
Finfinnee: Bitooteessi 24 guyyaa addaa biiftuun obbolummaa itti baate, guyyaa walqixxummaaf daandiin itti eegalame, guyyaa seena qabeessaafi imalli jijjiiramaa itti ifoome, akka waliigalaatti ummataafi biyya Itoophiyaaf guyyaa seena qabeessa ta’uu Kantiibaan Magaalaa Adaamaa ibsan.
Kantiibaan magaalitti Obbo Haayiluu Jaldee gaafdeebii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin Adaamaan magaalaa imala jijjiiramaarraa caalaatti fayyadamtuu taate ta’uu himanii, magaalaa saboonniifi sablammoonni walqixxummaan keessa jiraatan, guddinni hundagaleessa ta’e keessatti dhugoomaa dhufe, adeemsi misoomaa kan keessatti mul’ate, xiyyeeffannaa mootummaan misoomawwan addaddaaf kenne qabatamaan keessatti kan mul’ate ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalootaaf xiyyeeffannaa kennuun maniiwwan gurguddoo afur qabatee hojjetaa jiraachuu kaasanii, bulchiinsi magaalichaas sana ka’umsa godhatee milkaa’inasaaf hojjetaa kan jiru yoo ta’u, inni jalqabaa yaadama haaraa Bitooteessi 24 qabatee dhufe wabii nyaataa mirkaneessuu ta’uu himu.Inni lammaffaan kalaqaafi ogummaa yoo ta’u, hawaasa ogummaa qabu, hojjetee nyaachuufi jiraachuu danda’u, ogummaasaa baasee fayyadamuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jira. Gama kanaanis wantoonni abdii namaa kennan dhufaa jiru.
Inni sadaffaan intarpirinaroota haaraa uumuufi kanneen jiran jajjabeessuu yoo ta’u, kunis dargaggootaafi qonnaan bulaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Inni arfaffaafi murteessaan, maniiwwan sadeeniifis bu’uura ta’e mootummaa cimaa ijaaruu, ‘E-governance’ dhugoomsuu yoo ta’u gama kanaan akka waliigalaatti yoo ilaalame bu’uura kaa’uun eegalameera” jedhu.
Magaalaan Adaamaa magaalaan kana dura bitattee nyaachuu qofarratti xiyyeeffattee turte amma giddugala omishaa ta’uu eegaluu himanii, yeroo ammaa aannan, lukkuu, killee, fooniifi kanneen biroo baay’inaan dhiheessuun danda’amuu dubbatu.
Sochiin hawaas dinagdeefi invastimantii magaalitti irra caalaa dammaqaa dhufuu kan himan Obbo Haayiluun Adaamaan jijjiiramte jechuun jiraataan magaalittii fayyadamaa ta’aa jira jechuu ta’uufi carraan hojii bal’inaan uumamuu, Adaamaan nagaa ta’uusheetiin carraa kanaan dura magaalittiin qabdu caalaatti milka’aa dhufuu, magaalicha keessatti konfiransiiwwan gurguddaan ittifufiinsaan gaggeeffamaa jiraachuu, kanaanis daldalaan, abbootiin qabeenyaa fayyadamoo ta’aa jiraachuu addeessu.
Gama siyaasaatiinis waliin jireenyi ummataa irra caalaatti cimee obbolummaan dagaagaa dhufuusaatiin, gaaffileeniifi fedhiin siyaasaa karaa dimokraatawaatiin dhihaachuu eegaluusaatiin nagaafi tasgabbiin magaalicha keessatti uumamuus nikaasu.
Akka waliigalaatti ummanni jijjiirama kana dhandhamachuufi irraa fayyadamuu akka eegaluuf yaaliin taasifame cimee yoo hojjetame hiyyummaa, hirkattummaa dinagdee keessaa ba’uun akka danda’amu yeroo ittibaratame ta’uu ibsanii, carraan misoomuu magaalittii ammas kanaa ol akka ta’e, rakkoo gama kenna tajaajilaatiin jiru hiikuufis yeroo yaaliin taasifamee bu’aan itti argamaa dhufe ta’uu eeru.
“Ummataaf tajaajila fooyya’aa kennuun, manneen hojii mootummaa balfa keessa taa’anii ummata tajaajiluurra, ofii qulqullaa’anii haala magaalaa qulqulleessuufi bareechuu danda’aniin hojjetamaniiru. Gamoo guddicha ‘city complex’ jedhuun magaalicha keessatti ijaarame fakkii jijjiiramaati. Keessattis tajaajilli walgitaa, qindaa’aafi kan iddoo tokkoo maqaa Gaaddisa Odaa jedhuun manneen hojii magaalichaa hundi jechuunis, seektaroonni 28 bakka tokkotti dhufanii tajaajila kennaa jiru” jedhu.
Akka waliigalaatti gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin bu’aalee jajjabeessoon haaromsaan booda mul’achuufi kunis fuulduratti cimee ittifufuu akka qabu hubachiisanii, miirri gaabbii yoo hojjetame rakkoolee hedduu dhabamsiisuun akka danda’amu ittimul’ate ta’uus nikaasu.
Ammas gaaffiin hiyyummaa, boodatti hafummaa, hojii dhabdummaafi kkf xiyyeeffannaa waan barbaadaniif akka waliigalaatti carraa banametti fayyadamuufi isa of harkaa qaban kununsuun hundarraa akka eegamu dhaamu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 27 Bara 2017