Shaggaritti abbootiin qabeenyaa kaappitaala qarshii biliyoona 600 galmeessisan simatamaa jiru

Kaayyoon hundeeffama Magaalaa Shaggar saamicha lafaa maqsuun sirna bulchiinsa lafaa ammayyaawaa guddina hawaasa naannoofi badhaadhina biyyaaf akka oolu taasisuudha.

Magaalaan kun qabeenya uumamaa qabduufi magaalaa guddoo biyyattiirraa fageenya gabaabaarratti argamuunshee filannoo abbootii qabeenyaa hedduu akka taatu ishee gargaareera.

Sosochii daawwannaa invastimantii miidiyaaleefi qaamoleen hawaasaa biroo Kibxata darbe taasisanirratti ibsa kan kennan Kantiibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa akka jedhanitti, magaalaan kun wayita Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee turtetti hanniifi saamichi lafaa hamaa waan tureef abbootiin qabeenyaas saamicha kana keessatti qooda fudhachuurraa darbee hojii misoomaa bu’aqabeessa hojjechuurratti qaawwaa guddaatu ture. Sirni bulchiinsa lafaa ammayyaawaan waan hinturreef abbootiin qabeenyaa lafa kennameefiin alatti lafa dabalataa barbaacha qonnaan bulaa buqqisaa turan.

Waggaa 10 dura lafa duwwaa turerratti weerarri lafaa banamuun yeroo gabaabaa keessatti ijaarsa seeraan alaan dhuunfatame. Ijaarsi manaa taasifame kun sochii invastimantiitti karra cufuu qofa osoo hintaane pilaaanii kan hin qabneefi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ilaalcha keessa kan hin galchine ture.

Haa ta’u malee, hundeeffama Shaggariin walqabatee alseerummaa ittisuufi sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa diriireen injifannowwan boonsaan galmaa’aniiru. Shaggar tarkaanfii ijaarsa seeraan alaarratti fudhateen lafa misooma garaa garaaf ooluu danda’u hektaara 3,800 gara baankii lafaatti deebisuu danda’eera.

Ammaan tana lafti magaalattii eessattiifi eenyu harkatti akka argamu sirriitti adda ba’ee jira. Bu’uuruma kanaan cittuun lafaa magaalattii kuma 660 ta’u galmaa’ee siistama keessa galuufi qabiyyee lafaa kuma 142f kaartaan kennamuu Doktar Tashoomaan hubachiisaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Shaggar hojii invastimantii magaalattii bu’aqabeessa taasisuuf jalqabatti invantarii adeemsisuun abbootii qabeenyaa lafa fudhachuun yeroo dheeraaf dalleessanii tursan gara ijaarsaatti akka galan, kanneen humnaa gad omishaniif deeggarsa barbaachisu taasisuun gara toora sirriitti akka deebi’an taasifameera. Kanneen lafa fudhachuun qaama biroof dabarsan akkasuma gurguran irratti ammoo tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ta’eera.

Waggaa lamaaf hojimaata sirreessuufi sochii abbootii qabeenyaa qulqulleessuurra turuu yaadachiisanii; ammaan tana ulaagaaleen simannaa tarreeffamee abbootiin qabeenyaa karaa hannaafi tuttuqaarraa bilisa ta’een onlaayinii simatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ammaan tana pirojektoonni invastimantii 4,300 ta’an Shaggar keessa kan jiran yommuu ta’u; lafti hektaarri 3,525 hojii invastimantiif qophaa’eera. Bu’aqabeessummaa invastimantii magaalattii dhibbantaa 54 irra jiru gara dhibbantaa 65tti ol guddisuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa hojii invastimantii si’eessan kanneen sadarkaasaanii eeggatan bu’uura pilaanii magaalattiin hojjetamaa jiru. Qonnaan bulaan qe’eesaarratti abbaa qabeenyaa haala itti ta’uufi omishtummaa qonnaa itti guddisurratti leenjiin hubannoo uumuu bal’inaan kennameera, ammas kennamaa jira.

Barana lafa magaalattii hektaarri kuma 81 qotame keessaa lafti qamadii jallisii bonaa isa olaanaadha. Lafti Shaggar omishaalee akaakuuwwan hundaaf mijataa waan ta’eef kuduraaleefi muduraaleenis bal’inaan omishamaa jiru.

Shaggaritti karoorri wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu yeroo gabaabaa keessatti firii waan godhateef ammaan tana yaaddoon jiru hanqina omishaa osoo hintaane waan omishameef gatii madaalawaa dhabuudha. Killeen duraan Shaggar keessatti daran qaala’aa ture yeroo gabaabaa keessatti lukkuu miliyoonaan omishuun waan danda’ameef gatiin killee daran gad bu’aa ta’uu kaantiibichi ibsaniiru.

Abbaan qabeenyaa Riizoortii Kurriftuufi Ispaa Obbo Taadiyoos Ballaxaa gamasaaniin, Shaggar biyyarra darbee Afrikaafuu hojiilee fakkeenya ta’an hedduu xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa akka jiru dubbatu. Obbo Taadiyoos deeggarsa barbaachisaa Bulchiinsi Magaalaa Shaggar isaaniif taasiseen riizoortii bashannaanaafi dhimmoota hawaasummaa garaagaraaf oolu ijaaruun hawaasa tajaajiluurratti argamu. Riizoortiin kun meeshaalee aadaa biyyoota Afrikaa garagaraa calaqqisiisan walittiqabuun haala qalbii nama hawwatuun keenyan seensa galma riizoortichaarratti faayeera.

Hojii misooma invastimantii taasisan keessatti hoggansi magaalattii sadarkaan jiru tumsa barbaachisaa gochuufii dubbatanii; fuuldurattis hojii misooma hoteelaa babal’isuuf karoora qabu.

Wayita riizoortiin kun ijaaramu namoota 500 oliif carraan hojii kan baname yommuu ta’u ammaan tanas tajaajilawwan garagaraarratti hojjettoota 250 ta’aniif carraa hojii uumuu eeraniiru. Namootni carraan hojii uumameef kunneenis abbaan qabeenyaa kun leenjii bal’aa akka argatan erga taasisee booda riizoortichatti isaan mindeessuusaatti gammachuu guddaa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Akka Obbo Taadiyoos jedhanitti, qabeenyaafi beekumsa qabaniin hawaasa ofii tajaajiluun bu’uura hundarra caaludha. Bakkawwan hoteelaafi riizoortii ijaaran hundatti hojii dhabdoota homaa hin qabne lafaa kaasanii leenjiin ga’oomsanii hoteelota guguddoo sadarkaa idiladdunyaatti akka tajaajila kennan taasisuu cinatti jireenya baay’otaa jijjiiraniiru. Riizoortiin kun calaqqee Afrikaan waan yayyabameef embaasiiwwan biyyoota garagaraa aadaasaanii keessatti akka calaqqisiifatan taasifamaa jira.

Durbee Mirat Waaqgaarii riizoortii kana keessatti wayita tajaajiltu arginee dubbisne. Akka isheen jettutti, duraan hojii konistiraakishiniirratti hojii guyyaan jireenyashee gaggeeffataa turte. Hojiin kun keessattuu dubartootaaf hojii ulfaataa yommuu ta’u; qarshiin argataa turtes gadaanaadha. Amma garuu abbaan qabeenyaa kun leenjii tajaajila hoteelaafi turizimii akka argatan erga taasisee booda riizoortii kana keessatti qarshii gaariin isaan mindeesse.

Abbaan qabeenyaa ilaalcha hawaasummaa qabu osoo baay’atee rakkoon hoji dhabdummaa salphaatti furama. Dargaggoon humna misoomaa carraa argatu hundaan of kennee hojjechuun guddina biyyaa ariifachiisa jechuun carraa argatte kanatti gammaduushee ibsiteetti.

Haaluma walfakkaatuun dawwaannaa sochii invastimantii Magaalaa Shaggaritti taasifame keessaa inni tokko warshaa tiraansfoormarii omishu ‘Advantage industry’ jedhamudha. Industiriin kun hojii omisha daddabarsa humna ibsaa/tiraansformarii waggoota 13f hojjetaa ture. Yeroo ammaa kana Kutaa Magaalaa Gafarsaa Noonnootti tiraanisformarii omishaa kan jiru yommuu ta’u; namoota 266 olii carraa hojii uumeera.

Industiriin kun tiraanfoormaroota dullooman deebisee haaressuu cinatti tiraansformaroota haaraa sadarkaasaanii eeggatan omishuurratti argama. Industirichi waggoota kudhanii asitti omishtummaasaa dabaluun ammaantana tiraanformarii dabalataa meeshaalee humna ibsaa dabarsuu keessatti hojiirra oolan garagaraa omishuurratti argama.

Kanaan dura tiraansformariin sharafa alaatiin biyya alaa galaa ture rakkoon sharafa alaa akkuma jirutti ta’ee qulqullina tiraansformaroota kanneenii meeshaan qoratu hinjiru ture. Amma garuu Humni Ibsaa Itoophiyaa meeshaa qulqullina tiraansformarii mirkaneessuu horachuu cinatti baasii sharafa alaa hanbisuuf tiraansformaroota sadarkaasaanii eeggatan biyyuma keessatti omishuun danda’ameera.

Itoophiyaan hidhaa haaromsaa dabalatee hanga humna ibsaashee olkaasuuf maddoota anniisaa garagaraa gabbisaa jirti. Injiinarummaa elektiriikiin barattootni dhaabbilee barnoota olaanaa garagaraarraa eebbifamaa jiranis industirii kana keessatti shaakala ba’uun dabalata boodarras carraa mindeeffamanii hojjechuu akka argatan hubachuun danda’ameera.

Odeeffannoon Industiricharraa argame akka ibsutti, hanga ammaatti Itoophiyaa keessa tiraansformaroota kuma 65 qofatu jira. Kun ammoo baay’ina ummata biyyattiifi fedhii jiruun yommuu walbira qabamu daran xiqqaadha. Kanaafuu, carraan gabaa omisha tiraanisformariif jiru olaanaadha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017

 

Recommended For You