
Sulultaa: Shaampiyoonaan atileetiksii kilaboota guutuu Oromiyaa kan bara 2017 Bulchinsa magaalaa Sulultaa, Inistitiyuutii Daraartuu Tulluutti adeemsifamaa jiru boru xumurama jedhamee eegama.
Yeroo 16ffaaf kan qophaa’ee shaampiyoonaan kun Bitootessa 16 bara 2017 irraa kaasee akaakuuwwan ispoortii Atileetiksii adda addaatiin koorniyaa lameeniinuu haala gaariidhaan adeemsifamaa jira.
Shaampiyoonaa baranaa kanatti akaakuuwwan ispoortii hedduun kan xumuraman yoo ta’u fiigicha meetira kuma shanii dubartoota jidduutti adeemsifametti Tigisti Tasammaa, Hawwii Abarraafi Boontuu Daani’eel tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahun meedaaliyaa warqii, meetifi nahaasaa badhaafamaniiru.
Fiigicha meetira 800 dubartoota jidduutti gageeffameen Shuree Jaarsoo, Bashaatuu Toliinaafi Taarraqaany Ololaa, medaaliyaa warqii meetifi nahaasaa fudhataniiru. Haaluma walfakkaatuun dhiiraan Jeneraal Birhaanuu, Galataa Darrasaafi Birhaanuu Gaarumsaa akkuma wal duraa duba jiraniin 1ffaa-3ffaa ba’an warqii, meetifi nahaasa badhaafamaniiru.
Akkasumas fiigicha meetira 100 dubartoota jidduutti taasifameen Maskaram Gazzuu, Fooziyaa Hammisoofi Naaziibaa Kadiir akkuma walduraa duba jiranitti mo’achuudhaan meedaaliyaa warqii, meetifi nahaasa badhaafamaniiru.
Fiigicha gufachiisaa meetira 110 dhiiraan adeemsifameetti Geetaahuun Taaddasaa,Taarikuu Guutaafi Saamson Beekumaa mo’achuudhaan badhaasa warqii, meetifi nahaasaa argataniiru.
Qabxiin isaanii maxxansaaf nu dhaqabuu baatus fiigichi meetira kuma shanii dhiirota jidduutti adeemsifame xumura agateera. Akaakuuwwan ispoortiiwwan hafaniin ammoo dorgommiin gulaalaa maahessaa kaleessa ittifufuudhaan xumurri shaampiyoonichaa boru ta’uu ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii atileetiksii Oromiyaa Obbo Shimallis Daawwit ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017