
Ayyaanni Id Alfaxirii kan bara 1446ffaa hordoftoota amantii Islaamaa biratti bor ykn iftaan kabajama. Nutis ayyaana kana sababeeffachuun Pirezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheeh Hajii Ibraahim Tufaa keessummaa keenya taasifanneerra; dubbisa gaarii!
Bariisaa: Hordoftoonni Amantii Islaamaa ji’a tokkoof soomarra turan. Jiini Ramadaanaa baranaa keessumaa duudhaaleesaa eeggatee raawwachuudhaan akkamiin darbe mee?
Sheeh Hajii: Bismillaahi Raahaman Nir Raahaamii Wasallaam Wasallaa La Alamiin Alhaamdulullaahi. Egaa Ramadaanni baranaa Ramadaana duriitiin walbira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaa hedduu qaba. Galanni Rabbii haa ga’uu waggoota walduraa duuba dhufan hundatti wanta dabalataa argaa deemaa jirra. Gammachuufi barakaasaa argaa jirra galanni Rabbi haa ga’u! Kan baranaa ammoo nagaafi nageenyaan kan haguugameedha. Hawaasa musliimaa keessatti yoomiyyuu caalaa nageenyi kan itti argameedha. Ummanni Islaamaa gammachuu argame kanatti fayyadamuun Ramadaana Rabbii waliin baasan jechuudha.
Namni hundi Masgiidatti galee Rabbisaatti dhihaatee, namni baay’een ammoo biyyaayyuu bahee kaabaa Rabbii jalatti galee gatii guddaa baasee deemellee nijira. Ulaamonni, jaarsoleen, hayyoonni Masgiidatti galanii Rabbiin kadhataa jiru. Inni akka keenya hojii ummataatiin rakkate yoo jiraates, tajaajila ummataa kennuunis Yuwaadaa keessaa isa olaanaa waan ta’eef Rasuud Wassallaallaa Wasallam, Masgida haramaa sana keessa baatii lama taa’uu caalaa hajaa nama tokkoo fixuutu caala waan jedhaniif ummataaf tajaajila kennaa walcinaa soomana keenya soomaa kadhaa Rabbii taasisaa gammachuun dabarsine.
Bariisaa: Yeroo baatii Ramadaanaa kanatti keessumaa yeroo dhihoo as Ministira Muummeerraa eegalee hogantoonni, namoonni dhuunfaafi dhaabbileen garagaraa sirna Afxiraa (Lulluuqqachiisaa) yommuu taasisan ni mul’ata. Gama kanaan kan baranaa akkamiin ilaaltan? Hiika akkamimmoo qaba jettu?
Sheeh Hajii: “Amanni kuun hindhufaa kuun hinluufaa akka dhufuun jala jabaata cufaa” jedha amanaan. Ramadaanni baranaa qofa osoo hintaane erga mootummaan jijjiiramaa kan Paartii Badhaadhinaatiin hogganamuu dhufee, amantiin osoo adda walhinbaasiin nu gargaaraa jiru. Sagantaan Ifxaaraa kan kabajamoofi jaalatamoo Ministira Muummeetiin masaraa mootummaa keessatti eegale soomana qofa osoo hinta’iin mirga Musliimaa kan eege, eenyummaa Musliimaa kan kabachiiseedha.
Duraan Musliimaafi Islaamummaan lammii lammataa turte biyya kanatti. Islaamummaa lammii biyyanaa kan godhe Musliimallee lammii biyyanaa ta’uu seeraan kan mirkaneesse, simannaan Ramadaanaa kan seektarri mootummaa sadarkaa sadarkaa jiru hanga gandaatti hojii kiyya jedhee akka hojii mootummaatti itti hojjetaa jirudha jechuun ni danda’ama.
Kun amantichallee lammoomsee jira. Hordoftoota amantichaallee lammoomse jira. Amantiin Islaamaa erga biyya kana seenee, waggoota kuma tokkoofi 452 yoo ta’es (Ramadaanni 1446 kan jedhamuuf inni Hijiraadha) biyya kanatti akka hinbeekamne ta’ee tareera. Amantii akka lammii lammataatti ture kanas kan deebisee haaromsa Ministira Muummichaati. Soomana baranaa Musliimas ta’e kan Musliimaa hinta’iin waliin kabajaa dabarsine.
Kun kan ibsu Ramadaanni baatii tokkummaa, jaalalaa, gamtaa’inaafi hammatummaa akka ta’e afaaniin osoo hintaane hojiidhaan mul’ateera. Osoo amantiin adda walhinbaasiin, ministirootarraa eegalee hanga dakaatti uffata Musliimaa uffatanii Ifxaaraaf hojii keenya jedhanii baatii guutuu nu waliin dhama’aa turuun ummata Islaamaa biratti gammachuufi galata qofa osoo hintaane seenaa yoomillee hindagatamnee ta’eera. Jaalala biyyaa kan cimsu, biyyi kun kiyya kan isa jechisiisu, biyya kanaaf jecha lubbuu ofillee dabarsee akka kennu, biyya kiyya jedhee naannoosaa kabajichiisuufi kabajuu akka danda’u kan isa taasisudha jedheen yaada.
Bariisaa: Haala gaaffiileen hawaasa Musliimaa itti deebi’aa jiran akkamiin ilaaltu? Tajaajiloonni baankii hawaasa Islaamaa jiddugaleeffatan ykn dhalaan alaa kennamaa jiru. Baankonni Islaamaas babal’ataa jiruutii kanarratti maal jettu?
Sheeh Hajii: Akkuman dura tuquuf yaale rakkoon Musliimootaa baay’ee ture, kan miila gadifageeffatedha. Biyya kanatti Musliimni baay’ina osoo qabuu eenyummaansaa dhokatee, mirgisaafi kan amantiisaarraa muluqamee ture. Mootummaan waggoota 100n lakkaa’amuun dhufaa darbaa ture, sirnoonni darban gaaffiileen Musliimaa baay’inaan awwaalaa turan. Egaa kanaaf gaaffiileen Musliimaa yeroo dheeraaf awwaalamaa turan guyyaa ykn waggaa tokko lamaa keessatti deebi’anii dhumu jedhanii yaaduun sirrii miti.
Haa ta’u malee kan hanga yoonaatti deebi’e waan salphaa miti. Kan hafe ammoo tartiibasaa eeggatee adeemsaan ni deebi’aa jedhamee abdiin akka horatamu kan taasisuudha. Biyya kana keessatti Musliimni jiraachuufiyyuu wabii hinqabnu jechaa ture. Mirga jiraachuuyyuu hinqabu.
Musliimni musliima taanee taa’uuf wabii seeraan walqabate hinqabnu jechaa ture. Biyyi kun odola kiristaanaati jedhamtee barootaaf jiraataa turte. Musliimni egaa achii ka’eetu har’a labsiidhaan beekamtii argatee, seeraan tumameefii dhaabbanni musliima hogganu kan akka Dhaabbata Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhaabatee, dhaabbanni Musliimaaf tajaajila kallattiidhaan kennu, akka ministeera tokkotti hundaa’ee dhiibbaa, cunqursaa siyaasaafi tuffiirraa bilisa ta’ee har’a of bulchaa jira.
Kun waan salphaa miti. Hawaasni Musliimaa yeroo dheeraaf baankii dhabee ture. Kun gaaffii yeroo dheeraa ture. Kennamuuf kalaa’ee deebi’ee cufamaas ture. Amma garuu “hoodhaa” jedhamnee harkarratti nuu deebi’eera.
Akka waliigalaatti isa keessa seenee kana sana jechuu barbaadeen miti. Gaaffiin deebi’e salphaa miti; haa ta’u ammoo kan hafes dhawaatasaatiin ni deebi’a jennee abdii guddaa qabna.
Bariisaa: Duudhaaleen tokkummaa, jaalalaafi waldanda’uu yeroo sooma Ramadaanaa mul’atan kunneen fuulduratti cimanii akka ittifufaniif akka abbaa amantii tokkootti maal dhaamtu?
Sheeh Hajii: Kanarratti Rasula Allaah Sallallahu Alaahi Wasallaam, dogooggorri Ramadaana tokkoo hamma Ramadaana tokkootti jidduu jiru ni haqama jedhu. Jumaa’an tokkos akkasumas hanga Juma’aa birootti dogoggora jidduu jiru ni haqa. Dogoggorri hajii tokkoorraa hanga hajii biraa gidduutti jirtullee ni haqa jedhu.
Ramadaanni amma dhufe isa Ramadaana darbeerraa dhufe haqeera jechuudha; hamma Ramadaan dhufuuttis kanumatu darba. Kanaaf tajaajilli ykn gaheen hamma yoonaa Ramadaana keessatti waliin jireenya, waljaalachuu har’a galmaa’e, osoo hinmoofa’iin Ramadaanni waggaa dhufuu dhufee haaromsa.
Cimaa deema malee ammaa booda biyyattii kana keessatti of duuba deebi’a jedhamee hin yaadamu. Haalli itti kaa’amellee haala of duuba hindeebineeni. Har’a osoo seerrillee kan jijjiiramu taate kun kan jijjiiramuu hindandeenyedha. Sababnisaa aadaa, barnoota ta’ee jira. Namni waan kana aadeeffateera. Waliin nyaachuu, dhuguu, uffachuu, jiraachuu aadeeffatee jira. Aadaan kun ittifufa malee gonkummaa boodatti deebi’uu hindanda’u.
Bariisaa: Tokkummaan amantii Islaammummaa akkasumas amantiiwwan gidduu jiru cimee akka ittifufuf abbootiin amantii haala kamiin barsiisuu qabu, maalis hojjechuu qabu jettu?
Sheeh Hajii: Isa kana ittuma jirra; hojiidhaanis mul’isaa jirra. Ifxaara waliin walqabatee kan amma ministiroonniifi hoggantoonni itti jiran yoo ilaalle, uffanni uffatan walfakkaataadha.
Hunduu koofiyyaa, jalaabiyaa uffatu. Kanatu sheeka sanatu sheeka jettee adda baastee beekuullee hindandeessu. Kun kan agarsiisu amantii walii jaalachuu, kabajuu, amantiin kun kiyya, kan biyya kiyyaati, anaafillee ni ta’a jedhanii, amantichatti seenanii amananii osoo hintaane, amantii biyyakootiiti, kan hiriyyaa, obboleessa, obboleettii, abbaa, haadha kooti jedhanii akka itti boonu, gochaa jira.
Abbootiin amantii ammoo kanarratti ijaaraa, cimsaa jiru. Dhaaba mataa ofii danda’e kan abbootii amantii garagaraa tokkoomse qabna. Tokkummaa Gamtaa Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa ijaarrannee qabna. Waliin mari’anna, waliin hojjenna, rakkoo jirtu waliin dubbannee furra.
Amantii tokko isa biraarratti waan hintaane yommuu godhu ykn dubbatu waliin balaaleeffanna. Wal kabajaa, waldeeggaraa waliin jiraanna. Waldanda’u isa jedhu sana gannee amma waldeeggaru kan jedhutti jijjiirreerra. Waldanda’uun kan ture rakkoorratti amantiin tokko jala aanee, danda’ee; tokkommoo irra aanee danda’amee ture. Amma sun hinjiru. Mirgi amantii qixa waan ta’eef isa kana hubatee, amantiileenn hundi walqixxummaa, walkabajuu, waljaalalan, waldeeggaruun amantii keenya deemsisaa jirra jechuudha.
Bariisaa: Kanaan walqabatee, gaggeessitoonni amantii, amantiin tokko amantii isa biraa akka hintuqneef barsiifatasaaniitiin akka irratti xiyyeeffatanii barsiisaniif maaltu hojjetamaa jira? Isinoo kanarratti maal gorsitu?
Sheeh Hajii: Egaa uumamumti amantii kaayyoonsaa Rabbi biraa bu’e. Amantoonnis Rabbi biraa dhufan. Amantoonni Rabbi biraa dhufan ammoo burqaansaanii tokko; hundeensaanis tokko. Afaan afaaniin dubbachuun, waan garii keessatti garaagarummaan akka jirutti ta’ee, amantiin hundi kan Rabbiiti jechuudha. Amantii kam keessattuu kan kaa’ame, amantiin hunduu walkabajee waljaalatee akka jiraatuudha.
Amantiin tokko isa tokko akka hintuqne taa’eera; yoo tuqe garuu amantii isa sana osoo hintaane kan ofii tuqe. Amantii ofii kabajuun amantii biraa kabajuudha. Yoo kan ofii kabajne kan biraa kabajuu dandeenya jedhamee kitaabilee keessatti waan kaa’ameef kan irratti hojjetaa, gorsaa, barsiisaa jirru kanuma.
Seenaa biyya Itoophiyaa keessatti of duuba deebitee yoo ilaalte yoo amantiilee gidduutti garaagarummaa ykn walfalmii ykn lolli uumamu hinargamu. Isa kana kan taasise aadaadhuma keenya. Fakkeenyaaf Islaamummaan gaafa waggaa 1452 dura biyya kana galu waraanaan hingalle.
Jaalalaan, dippilomaasiin, fedhaan gale. Jaalalanis qubsiisan. Gaafa Nabii Mohaammad Itoophiyaa biyya haqaa jedhanii, lafti sun biyyi sun biyya dhugaati, biyya dhugaa dubbattu, biyya namni wal jaalalaan wajjiin jiraatu, achi deemaa baqadhaa jedhanii ergan, mootummaan yeroos jiru baqattoota jedhee hinilaalle.
Namoota jedhee mirgasaanii kabajee, amantiidha jedhee amantiisaanii akka barbaadan akka gaggeessan haala mijeesseef. Qubsiisee lafa kenneefii, akka barbaaddanitti jiraadhaa jedhee biyya kenneef. Achiirraa babal’achuu jalqabe. Jalqabumayyuu nagaan kan biyya seene waan ta’eef waan inni labsullee nagaadhuma. Aadaadhuma dura barame sanatu babal’ataa as dhufe malee waan haaraa dhufe tokkollee hinjiru.
Kanaan walqabatee yeroo tokko tokko wanti soshaal miidiyaa ykn feesbuuka irratti ba’ee mul’atu amantii bakka bu’ee miti. Kan Nabii Mohaammad, kabajamaa Isaa, kan hoggantoota amantii kan tareefi kan jiru arrabsu, saaxiluufi adaba itti dhabu amantiiwwan bakka bu’ee miti. Amantii kamiyyuu bakka bu’ee osoo hintaane daldalaadha kun. Haalli badaan amma biyya keenya qofa osoo hintaane addunyaa mararratti uumame yoo jiraate, namni duraan waan gaarii yoo dalage beekama. Har’a garuu akka beekamtuuf mormi jechuun mormu.
Akka hordoftoonni feesbuukiisaa ol ka’uuf nama arrabsa. Inni kun isaaf daldala. Namoonni garuu waan hinhubatiiniif deebii itti kennuuf halkanii guyyaa irratti hirmaatu. Innis kan barbaadu kana. Oromoon kanarratti maal jedha seete, “Dubbataa salphisuun jalumaa callisuun” jedha.
Silaa isa akkas feesbuukarratti ba’u sana jalaa callisanii gabaansaa achumatti kasaarti. Kan biraallee dhufee daldala kanaaf hindeemu ture. Kunneen daldaltoota feesbukaati malee arrabsitoota amantiiti jennee miti kan ilaallu. Ta’us daldaltoota feesbukaati akka barbaadan maqaa nabiyyoota guguddaa haa xiqqeessan, amantiis haa arrabsan jechuu miti. Seeraaf dhihaachuu qabu; olaantummaan seeraa kabajamuu akkasumas seeraan adabamuu qabu. Kanarraa kan hafe amantii, dhaabbilee amantii kamuu bakka bu’ee amantii keenya tuqaa jira jennee hinhubannu.
Bariisaa: Addatti dargaggoonni keenya kanaan miidhamoo akka hintaaneef maal gochuu qabu? Dhimmichi dhimma abbootii amantii qofaas waan hintaaneef eenyurraa maaltu eegama jettu?
Sheeh Hajii: Hunda dura nama ergaa badaa dabarsu iddoosaa kennuu, isaaf babal’isuu dhiisuun barbaachisaadha. Dargaggoonni isa jalaa fuudhanii gabaansaa akka babal’atu, beekamtiinsaa akka dabalu, addunyaarratti akka baramu gochuu hinqaban. Waliifis daddabarsuu hinqaban.
Inni biraa ammoo qaamoleen seeraa nama akkanaa hordofanii akka dharri hinbabal’anne seeratti dhiheessuun irraa eegama. Abbootiin amantiifi dhaabbileen amantii guguddoon ammoo dhimmichi nan ilaallatu jedhanii dhiisuu qofa osoo hintaane qaama maqaa amantiitiin daldalu, wayyaa amantii uffatee nagaa booressuuf, farra nageenyummaa babal’isuuf ergaa farraafi dharaa fudhatee, faayidaa keessaa argachuuf deemu kana hordofanii seeratti akka dhihaatu mootummaa, qaama seeraa gargaaruu barbaachisa. Yoo argatan ammoo bakka arganitti gorsa olaanaa itti kennuu, maqaa keenyaan hindaldaliin jedhanii dhowwuufi gorsuutu isaanirra jira jedheen ilaala.
Bariisaa: Waan hundaaf bu’uura kan ta’e nageenya. Nageenyi kunis ittifufiinsa qabaatee ummattoonni waggoota dheeraa akka waliin jiraataniif, biyyis akka yaadametti akka guddatuuf eenyu maal hojjechuu qaba? akka gaggeessaa amantiitti maal dhaamtu?
Sheeh Hajii: Nageenyi kan nama hundaati. Nageenyi kan walooti. Nageenyi wabii jireenyaati. Namni erga nagaan jiraatee booda waa hunda yaada. Uffachuu, dubbachuu, guddachuu, daldalachuu, ijaarrachuu, daa’ima godhachuufi hojjechuu yoo jiraate yaada. Jiruuf wabiin nageenya. Nagaan ba’ee galuuf wabiin nageenya jechuudha. Gatiin nageenyaa himamee dhuma jechuu miti.
Nageenyi kan amantiin walqabatu miti. Uumamni jiru marti nagaa barbaada; mixiin lafarra yaatu utuu hinhafiin nagaa baarbaaddi. Kana fakkeenya qabatamaan yoo sii himu, yeroo tokko Nabiyyi Allaah Suleemaan akka malee itti caamee jennaan rooba kadhachuuf ummataan ba’aa jedhanii dirree diriirtuutti ba’uuf yoo deeman mixiin “Girriisaan Suleemaan kan rooba kadhachuuf ba’u, isinirra akka hinejjennee, isin xixiqqoo waan taataniif isaan isin hinargan, isin marroo mana keessanitti gala” jettee walii labsite.
Isa kana Suleemaan dandeettii afaan bineensoota, beeladoota, ilbisootaafi uumama maraa dhaga’uuf Rabbii isaanii kenneen dhaga’an. Kun fakkeenya nagaa barbaaduuti. Waa xiqqoodha jennee yaadnu keessaa mixiin tokko. Garuu isheenillee nagaa barbaaddi. Ka achii olii atuu hingaafatiin.
Kanaaf nageenyi waa hundaaf murteessaadha. Waan uumama hundaaf murteessaa ta’e kanammoo hundi keenya walii galuudhaan itti dalaguu qabna. Namaaf osoo hintaane ofii jiraachuuf jecha nagaa kabajuufi kabachiisuu qabna. Abbootiin amantii ammoo nagaa irratti hojjechuu qabu. Nagaafi amantii walbira deemsisuuf yaamicha isaanii, lallabasaanii taasifachuu qabu.
Bariisaa: Misoomawwan guguddoo biyyi kun itti jirtu argaa jirtu. Kanneen keessaa hidha guddicharratti isin akka dhunfaattiyyuu hojii guguddaa hojjetaa turtan. Hidhi kun sadarkaa dhumaarra qaqqabee ji’oota muraasa boodas kan eebbifamu ta’a. Kanarratti miira keessan osoo nuu ibsitanii?
Sheeh Hajii: Misooma biyya keessa jiruun walqabatee, biyyi keenya jijjiirama fidde keessaa misooma magaalaati. Misoomni koriidarii amma dhufe kun jijjiirama magaalaaf bu’uura ta’eera. Ani waggoota 20 dura biyya alaa deemee baatii tokko qofa taa’ee gaafa deebi’ee biyyatti galu xiyyaararra gadi yommuun magaalaa keenya kana gadi ilaalu, imimmaan hinbuufne malee garaa keessatti booye.
Ani yeroo muraasa turee yoo dhufu magaalaa duudiin gurraatti gubattuu fakkaattee natti mul’atte. Finfinneen gaafa ani asii deemu nagaa qabdu yoom gubatte jedhee yaade. Inni waan gubataa fakkaatu qorqoorroo moofaa, dhumaa mul’atu malee gubateetii miti.
Magaalaa guutuun ishee cilee taatee ija kiyyaan argee, amma waggaa 20 booda yoon xiyyaararraa gadi ilaalu magaalaan illee isii miti; biyyi illeen isii miti. Yoom biyya ambaatti jijjiiramne namaan jetti qalbiin. Kun qabatamaan waan agarre.
Kun jiraachuuf hiriyyaadhaan walfakkaachuu akka nama barbaachisu nutti agarsiisa. Kun dorgommii jireenyaati. Bifa amma jalqabe kanaan fixa ba’e taanaan biyya ambaatti mataa ol qabannee dubbachuuf kan ittiin boonnudha jechuu dandeenya.
Kun nuu osoo hintaane dhaloota dhufuuf murteessaadha.
Yeroo keenya pilaanii hinqabnu, kaartaa hinqabnu, manni keenya walirratti ijaarame, karaan keenya bal’atuu hindanda’u. Konkolaataan alaa galuu wanti itti jabaate karaa irra deemsifnu hinqabnu. Ilmi namaafi konkolaataan waldhiibaa deemaa turan. Inni kun biyya keenya malee waan jiru miti.
Har’a inni nurraa deemee, bilisoomnee konkolaataan karaa isaaf malu argate. Dhalli namaa bilisummaan dunuufkatee yoo deemellee har’a konkolaataan na dhaha jedhee hin yaadda’u. Kun cimee itti fufuu qaba. Nuti deeggarsa gochaa turre ammallee kan ittifufu ta’a.
Waa’ee hidha guddichaatti yoo deebite, hidha guddichaa bismillaahi jennee eegalle alhaamdulillaahi jennee riivanii muruu malee maaltu nurraa hafe! Hidha guddicha dhiiga keenyaan ijaarre. Itti hinkadhanne, itti hinsalphanne, itti hinsaalfanne, Hidha boonsaa qabsaa’oota hoggantoota biyyattii kanaa ciminasaanii agarsiise, kan mataa ol nu fudhachiiseefi hiriyyoota keenya biyya alaallee kan boonsedha.
Dhiheenya kabajamoon Minisitirri Muummichaa akka paarlaamaarratti ibsanitti eebbisuuf ji’oota muraasa qofatu hafe. Nuti gaafa duraas humna keenya osoo hinqusatiin deeggaraa turre; amma bu’aasaa agarreerra. Ammallee Rabbiin achiin nu ga’ee warra riivaanii kutu nu haa taasisu. Amma waan nurraa eegamu eeggachuudha. Omishne mitiiree? Omishnee xumurree, mataa hiine. Ammammoo itti fayyadamuudha. Qabeenya keenya eeggachuu, kabajuufi waliin itti fayyadamuudha.
Bariisaa: Dhumarratti ayyaana Id Alfaxirii 1446ffaa bor ykn iftaan kabajamuuf ergaa waliigalaa akka nuuf dhaamtan carraa isinii laanna.
Sheeh Hajii: Egaa Ayyaanni Id Alfaxir yoo jiini har’a galgala biyya keessaafi alatti mul’atte bor, yoo mul’achuu baattemmoo Wiixata kabajama. Alhaamdulillaahi Rabbii baatii Ramadaanaatiin nu ga’e galateeffachaa, hawaasa Islaamaa maraan baga jala bultii Ramadaana, Id Alfaxirii kan bara 1446ffaa isin ga’e jechuun barbaada. Iida barakaa, Ida Raahamataa, Iida araaraamaa, Iida jaalalaa, Iida tokkummaa Rabbi akka nuu godhu maqaakoofi maqaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin nan hawwa. Warra baranaa, warra bara dhufu dachaa dachaan itti deebinu Rabbi nu haa taasisu.
Ramadaana barana osoo amantiin walhinqoodiin waliin nyaataa turre, waliin afaxxaraa turre, waliin maaddii qooddachaa turre. Alhaamdilullaahi kan jaalalaa ta’uu qabatamaan mul’iseera. Inni kun cimee ittifufuu qaba, hawaasni keenya harkaqal’eeyyii keessumaa warra qe’eefi qabeenyasaanii irraa buqqa’anii har’a da’oo dhabanii jiran yaadachaa kabajuu barbaachisaadha.
Kanaaf fixiriin keessan harkaqal’eeyyii kana akka gahu, fixiriillee baafattanii utuu Ida hinsalaatiin dura, akkuma Nabiyyuu Mohaammad jedhan sana ummanni harkaqalleeyyii akka hinkadhanne, mana ofiitti maatii ofii waliin akka itti gammadanii oolan waan qabdan akka qooddaniif isin gaafadha.
Gargaarsi guyyaa kabajamaa kana taasifamummoo kan addaati. Kanuma bu’uura godhatee hawaasni keenya walgargaarsaa aadaa godhachuun ollaa keessan, rakkataa keessan yaadattanii waliin gammachuu akka qoodattan jedhee dhaamuun barbaada.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017