Naannoo Itoophiyaa giddugaleessaatti lafti hektaarri kuma 120 omisha jallisii bonaatiin misoomaa jira

Finfinnee: Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti lafti hektaarri kuma 120 oomisha jallisii bonaatiin misoomaa kan jiru ta’uu biiroon qonna naannichaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Usmaan Suruur ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti; bara bajataa kana sagantaa omisha bonaatiin lafa hektaara kuma 146 omishawwan garagaraatiin uwwisuun kuntaala miliyoona 35.5 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti lafa hektaara kuma 120 misoomsuun danda’ameera, hammi lafa misoomuus hamma ji’a dhufuutti ittifufa.

Lafa misoome keessaayis hektaara kuma 38rraa omishni kuntaala miliyoona 12 ta’u walitti qabameera jedhanii; lafa omishni irraa sassaabame keessaammoo lafti hektaarri kuma 25 ta’u misooma jal’isii bonaa marsaa lammaffaaf qopheessuun danda’ameera jedhaniiru.

Qonnaan bulaan filannoosaatiin omishaalee gabaarratti barbadamaniifi nyaataaf oolan kanneen akka kuduraafi muduraa bal’inaan akka omishu taasifameera jedhanii; bara bajatichaatti sagantaa omisha jallisii bonaatiin lafa hektaara 4400 sanyii qamadiitiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri 1000 sanyii qamadiitiin uwwifamuu eeraniiru.

Biirichi potenshaala bishaanii naannicha keessa jiru adda baasuufi qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaadhaan jiran waliin mariin bal’aan mari’atee gara hojii misooma qonna bonaatti galuu eeranii; omshawwan omishaman keessaa dhibbantaan 95 qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf kan gargaraniidha jedhaniiru.

Naannichatti baay’inniifi omishtummaan misooma qonna bonaa yeroodhaa gara yerootti guddachaa jiraachuufi bishaan akkasumaan qisaasa’us kan hinjirre ta’uu ibsanii; baay’inni lafa barana jal’isiidhaan misoomsuuf karoorfamee hektara kuma 10nin kan bara darbee akka caalu himaniiru.

Bara 2014rraa eegalee naannichi humnasaa guutuudhaan hojii misooma jallisii bonaa hojjechaa jira jedhanii, inisheetiviin misooma qamadii akka biyyaattiitti erga jalqabamee; naannichatti omishtummaan qamadii dabalaa jiraachuu dubbataniiru. Qisaasamni yeroo sassaabbii omishaafi sassaabbii boodaas hir’achaa jiraachuu dubbataniiru.

Karoora misooma jallisii milkeessuu keessatti dhiyeessiin paampii murteessaa ta’uu yaadachiisanii; sagantaalee qonnaa garaagaraatiin, dhaabbilee mitimootummaatinifi deeggarsa abbootii qabeenyaatiin qonnaan bultootaf paampiin dhiyaachaa jira jedhaniiru.

Paampiiwwan boba’aadhaan hojjetan qofa osoo hintaane ittifayyadamni paampiiwwan soolaariidhaan hojjetanii baratamaa dhufuus Obbo Usmaan eraniiru.

Gatiin boba’aa dabaluunifi, fedhiin qonnaaan bulaan paampii fayyadamuuf qabu humna dhiyeessii caalaa dabalaa dhufuun hudhaalee misooma qonna jallisii ta’uu himanii; paampiwwan miidhaman suphuudhaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017

Recommended For You