
Finfinnee: Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaatiin waggaa waggaan kan gaggeeffamu shaampiyoonaan Liigii Olaanaa Itoophiyaa xumuramuuf taphawwan afur qofatu isa hafa. Shaampiyoonichi adeemsifamaa kan jiru ramaddii lamaan yoo ta’u ramaddii tokkoffaa keessatti kan argamu kilabni Shaggar Siitii taphni afur isa hafus qabxii 45niin ramaddiisaa dursaa jira.
Ramaddii kana keessatti kilaboonni 12 hirmaachaa kan jiran yoo ta’u sadarkaa lammaffaarratti kan argamu Kilabni Beenchi Maajii akkuma Shaggar taphawwan afur isa hafus qabxii 34n itti aanaa jira.
Haaluma kanaan taphawwan arfaffaa hafanitti Beenchi Maajiin hundattuu yoo mo’ate qabxii 44 irra waan qubatuuf Shaggar ammoo taphawwan isa hafan mara mo’amus qabxii 45 waan kuufateef shaampiyoonaa ta’uun gara liigii piriimeerii Itoophiyaa bara 2018 gala jedhamee eegama.
Ramaddii lammaffaa keessattis kilaboonni 12 kan argaman yoo ta’u Oromiyaa bakka bu’uun hirmaachaa kan jiru kilabni Nageellee Arsii taphawwan shan isa hafe ramaddii kana qabxii 36n dursaa jira. Kilabni Halaabaa ammoo haaluma wal fakkaatuun taphawwan shan isa hafe qabxii 33n itti aanaa jira.
Ramaddii kanarraa kilaboonni lamaanuu akkuma amma walduraa duuba jiranitti taphawwan isaan hafanitti yoo mo’atan Nageellee Arsii ramaddii kanarraa tokkoffaa waan ta’uuf Shaggar Siitii wajjin gara liigii piriimeerii Itoophiyaatti ce’uuf carraan isaa bal’aa ta’uun himameera.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017