
Moyyalee: Magaalaan Mooyyalee bara 2015 erga ittiwaamamnishee naannoof ta’ee as sochii misoomaa gaariirra jiraachuufi kanarraa ka’uun hundeeffamni waggaa 100ffaashee barana hojii misoomaatiin walqabatee kan kabajame ta’uu himu ittigaafatamaan waajjira kantiibaa magaalattii Obbo Huseen Gamaa.
Mooyyaleen magaalaa daangaa Itoophiyaafi Keeniyaa gidduutti kan argamtu ta’uusheen walqabatee tuttuqqaan diinaa kan mul’atu ta’uu himanii, dhimmi daangaa nageenyaan waan walqabatuuf xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjetamaa jira. Hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya daangaafi naannawaa mirkaneessuuf halkanii guyyaa kutannoo cimaan hojjechaa waan jiraniif haalli nageenyaafi misooma magaalattii yeroo ammaa kan duraaniirra fooyya’aa ta’uu Obbo Huseen dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.
Barana magaalattiitti pirojektota buleeyyii sadiifi haaraan 14 hojjetamaa jiraachuu himanii, pirojektota buleeyyii keessaa lama xumuramaniiru. Ijaarsi pirojektota hafaniis sadarkaa xumuraarra jiraachuufi kurmaana sadaffaa kanatti ijaarsa pirojektota hundaa xumuruuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Bu’uuraalee misoomaatiin walqabatee netwoorkiin magaalattii daran dadhabaafi addaan ciccitaa ta’uu himanii, gandootni tajaajila neetwoorkii tasumaa hinqabne waan jiraniif qaamaan deemanii walarguun dirqama ta’eera. Rakkoo neetwoorkii magaalattii kana furuuf Itiyoo Telekoom telee taaworii ja’a bakkoota gara garaatti dhaabuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Inisheetiviiwwan sadarkaa naannootti qabaman 28 keessaa 20 Magaalaa Moyyaleetti hojiirra oolaa jiraachuu kan himan Obbo Huseen, inishetiiviwwan hojiirra oolaa jiran horsiisa beelladaa, lukkuu, qurxummii, gabbisa beelladaafi omisha kuduraa, muduraafi dammaa of keessatti kan hammatan ta’uufi carraan hojii bal’aan uumamuu eeru.
Gamoo bulchiinsa magaalattii abbaa darbii shanii bajata miliyoona 565 oliin ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’amee caalbaasiin sadarkaa naannootti erga ba’ee booda sababa siyaasaan hojiin ijaarsaa kan hinjalqabamne ta’uu dubbatanii, ijaarsa waajjirichaa jalqabuuf mariin adeemsifamaa jiraachuus himaniiru.
Dhaabbilee fayyaan walqabatee magaalattiin keellaawwan fayyaa saddeet, buufata fayyaa lama, hospitaala giddugaleessaa tokkoofi faarmaasii hawaasaa tokko kan qabdu ta’uu himanii, hospitaalichi jiraattota magaalattiifi naannawaashee dabalatee dhukkubsattoota biyyoota ollaa Keeniyaafi Somaaliyaarraa dhufaniif tajaajila kennaa waan jiruuf hospitaalicha gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf mootummaa naannoo Oromiyaa xalayaan kan gaafatan ta’uu himu.
Gurmaa’insi caasaa gandaa haaraan hojiirra oole sirna ummataa cimaa ijaaruun nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuufi rakkoo kenniinsa tajaajilaa furuufi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiru. Caasaa gandaa kanarratti namoonni sadarkaa barnootaa digiriifi isaa ol qaban 60 ramadamanii tajaajila kennaa jiraachuu eeraniiru.
Dhiyeessini bishaan dhugaatii qulqulluufi fedhiin jiru walsimuu dhabuusaatiin rakkoo bishaanii mudatee jiru furuuf boonoon bishaanii ummataa 29 hojjetamuu himanii, magaalattiin waliigalaan boonoo bishaanii 47, kuusaa bishaanii 10fi haroo ummataa ja’a kan qabdu ta’uu ibsaniiru.
Sochiin daldalaa magaalattii gaarii ta’us rakkoo daldala seeraan alaa mul’atu furuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu qabu ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017