
Finfinnee: Dhagaan bu’uraa Hidha Guddichaa Haaromsa Itoophiyaa Bitootessa 24 bara 2003 kaa’amuun ijaarsisaa ifatti eegalame. Barana waggaa 14ffaa hidhichi ittijalqabame sababeeffachuudhaan jala buultiisaarraa kaasee sochiileen adda addaa taasifamaa jiru.
Haaluma kanaan Oromiyaatti har’a magaalota guguddootti fiigichi kiiloo meetira shanii nigaggeeffama.
Daarektarri Kominikeeshinii Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Rabbiyyuu Tamaam ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, fiigichi baranaa godinaaleetti har’a haa gaggeeffamu malee akka Oromiyaatti Bitootessa 24 bara 2017 adeemsifama.
Har’a magaalota Jimmaa, Naqamtee, Amboo, Asallaa, Ciroo, Fiichee, Beddelleefi Adaamaafa’itti koorniyaawwan lameeniinuu hawaasa magaalota kanneenii hirmaachisuun akka adeemsifamu eeraniiru.
Keessumaa Magaalaa Shagaritti bakka keessummoonni adda addaa argamanitti ganama sa’aatii 12:00 irraa kaasee dorgommiin kiiloo meetira shanii dhiiraafi dubaraan akka adeemsifamus addeessaniiru.
Fiigicha kanarratti atileetonni kilaboota adda addaa kan hirmaatan yoo ta’u, mo’attootaaf badhaasni waancaa meedaaliyaafi qarshii qophaa’uus ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017