
Jechi Ramadaana jedhu jecha Ramida ykn ar-ramadaa’a jedhu irraa kan dhufe yemmuu ta’u, jechoonni kunniin immoo hiikkaa “jabeenya hoo’aa” agarsiisu jedhu kan of keessaa qabuudha.
Kanaafuu, Ramadaanni Ramadaana kan jedhameef dheebu irraa kan ka’e hoo’a garaa keessatti namatti dhagahamu agarsiisuufi. Akka lugaatti sooma jechuun wanta tokkorraa of qabuudha. Akka Shari’aatti immoo Rabbiif jedhanii wantoota sooma cabsan kanneen akka nyaataa, dhugaatii, qunnamtii saalaafi kanneen biroorraa of qabuudha.
Bismillah! Ramadaanni yommuu xumurarra gahu dhimmoota barbaachisoo keessaa tokko zakaatul fixriidha. Barreeffama kana keessatti haala gabaabaan waa’ee zakaatul fixriis ni ilaalla.
Faayidaafi mindaa soomanaa
Namni yommuu hojii tokko hojjatu wantoonni isa kakaasaniifi dhiibbaan waan sana akka raawwataniif isaan kakaase tokko jiraachuu qaba. Keessattuu hojichi hojii lubbuusaa beelessuu, dheebochuufi kanneen biroo raawwachuuf kaka’umsa cimaa barbaachisa. Islaama keessatti wanti nama ajaa’ibu guddaan hojii tokkotti yommuu nama qajeelchu mindaa (ajrii) guddaan nama abdachiisa.
Ammas hojii badaarraa yommuu nama dhoowwu, adabbii badaan nama sodaachisa. Kunniin hundi lubbuun nama kanaa akka qulqullooftuufi sadarkaa ol’aana irra geessu taasisa. Soomni hojiiwwan lubbuu irratti ulfaatan keessaa tokko waan ta’eef, Islaamni faayidaafi mindaa sooma irraa argamuun nama abdachiisun kaka’umsa, injifannoofi humna namaa dabala.
Namoonni faayidaafi mindaa soomaa yoo beekan kaayyoo soomaa galmaan gahu. Ta’uu baannaan, aadaa godhachuun faayidaa homaayyuu osoo irraa hinargatiin dabarsu. Qur’aanaafi Hadiisa keessatti gabaabinaanis ta’e dheerinaan faayidaaleefi mindaan soomaa dhufaniiru; soomaafi Ramadaana
Iid Alfixir
Muslimoonni ji’a kabajamaa Ramadaanaa ayyaana kabajamaa Iid Alfixir jedhamu ayyaaneffachuun xumuru.
Guyyaa Iidaa maatiin walitti dhufa, uffata haaraafi hunda caalaa filatan uffachuun dabarsu.
Ayyaana guddaa addunyaa kana garuu yeroonsaa kana jedhanii murteessuun nama dhiba.
Humnaafi ga’ee Addeessaa/Baatii
Ji’i Ramadaanaa gara xumuraatti wayita dhiyaatu, Musliimoonni addunyaa biliyoona lamatti siqan samiin qulqullaa’ee ji’a arguuf si’oominaan eegu.
Hordoftoonni amantii Islaamaa lakkoofsa baraa Addeessarratti hundaa’een taliigamu.yookiin immoo hoogganamu. Akkaataa laakkofsa baraa kanaan Ramadaanni ji’a saglaffaadha.
Akkaataa lakkoofsa baraa Addeessarratti hundaa’ee kanaan waggaa waggaan ji’i waggaa haaraa kan waggaa darbee guyyoota 11n dursee seena.
Soomni Ramadaanaa Muslimoota addunyaarra jiran hunda biratti yeroo walfakkaataa eegalee yeroo walfakkaataa xumurama jechuudha.
Kanaafuu biyyoota garii yookiin muraasa ta’an keessatti waqtii bonaa kan guyyaa dheeratu yoo sooman, biyyoota kaan keessatti ammoo waqtii gannaa kan guyyaan gabaabbatu keessa ta’a.
Ji’i Ramadaanaa maaliif adda ta’e, Musliimonni akkamiin dabarsu?
Ayyaanni Iid Alfixir guyyaa jalqabaa ji’a 10ffaa- ji’a Ramadaanaatti aanee jiru, ji’a Shawwaal irra kabajama.
Garuu guyyaan kun yoom akka ta’e dursee sirritti dhibbaa dhibba hin beekamu.
Kanarratti yaadni bifa garagaraatiin ka’u jira. Gariin akkaataa lakkoofsa baraa Addeessarratti hundaa’een ji’a guutuu eeganii akka kabajamuu qabu yaada jedhu yemmuu dhiheessan, Muslimoota biratti daran kan beekamu garuu ji’a ilaalanii erga arganii booda kan kabajamuudha.
Kana jechuun ji’i haaraa eegaluun kan ittiin beekamu yoo Addeessi ji’a duraa keessa goobantee turte deebitee baate qofaa ta’a jechuudha.
Addeessi haaraan mul’achuufi dhiisuu kan ilaalan beektota amantii Islaamaa dhimma kanarratti muuxannoofi hubannoo yeroo dheeraa qabaniidha malee, muslimni hundi samii keessa ilaaleef qofa waan adda baasu danda’uu miti.
Haaluma kanaan guyyaan Iidaa baranaa yookiin guyyaan sooma hiikkaa ramadaana baranaaf Muslimoonni hedduun teleskoppii fayyadamuun addeessi mul’achuu adda baasanii guyyaa Iidii murteessu. Kanaaf Musliimonni hedduun teleskoppii fayyadamuun addeessi mul’achuu erga adda baasanii booda guyyaa Iidii murteessu jechuudha.
Addeessa ilaaluun warreen Iidii baranaa murteessaniif biyya addunyaa keessa jiraatan hundatti guyyaa soomana hiikkaa ta’a jechuudha. Muslimoonni addeessa ilaalanii Ramadaanni guyyaa 29 yookiin 30tti xumuramuu adda baasuuf galgala eeganii Addeessa ilaaluu qabu.
Lakkoofsi baay’ina guyyaa kun, guyyaa ji’a duraa keessa addeessi irratti argamte irratti hundaa’a. Kanaafuu Addeessa ilaaluun Ramadaanni bultiin 29 xumuramee galgala keessa eegalama. Addeessi mul’annaan garuu borumtaansaa Iidii yookiin guyyaa hiikkaa soomaa ta’a jechuudha.
Yoo hin mul’anne ta’e ammoo guyyaa ittaanu soomanii Ramadaana guyyaa 30n xumuramuusaatiin guyyichi guyyaa hiikkaa soomanaa isa xumuraa ta’a jechuudha.
Guyyaan jalqabbiifi xumuraa ji’a Ramadaanaa Muslimoota hunda biratti walfakkaataa ta’us, akkaataa dheerina guyyaafi halkanii, akkasumas garaagarummaa yeroo biyyoota addunyaa gidduu jiruun walirraa jala ta’uunsaa waan hin oolleedha.
Yeroo baayyee Addeessa ilaalanii guyyaa jalqabaafi xumuraa Ramadaanaa kan ibsan biyyoota Arabaati, irra-jireessaan immoo biyya Sa’uudiiti.
Biyyoonni Ardiiwwan hafan kanneen akka Afrikaa, Awurooppaafi Ameerikaa hedduun waan achirraa labsame kana hordofu.
“Namni Rabbiin qabeenya isaaf kenninaan zakaa isaa kennuun dirqama itti ta’a.
Zakaan waa afur keessatti dirqama taati. Kan duraa midhaaniifi fuduraa dachii irraa bahu. Lammaffaan beelladoota tikfamtu. Sadaffaan warqeefi meetiidha. Kan dhumaa qabeenya daldalaati.
Maallaqni waraqaa yeroo ammaa ittiin hojjatamus murtiin isaa kanuma warqiifi fiddaati. Maallaqni kun dirhaama, diinaara, doolaara yookiin kan biroos haa moggaafamuu yeroo hangisaa nisaaba fiddaatiin yookiin warqeetiin walqixxaatee waggaan irra naanna’e zakaan ishee keessatti dirqama ta’a. Maallaqatti kan dhaqqabsiifamee zakaan keessa jiraatu faaya dubartootaa kan nisaaba guutee waggaan irra naanna’eedha.
Oggas yoo itti fayyadamuu yookiin ergisaaf qophaa’es jechoota lamaan beektotaa keessaa isa irra sirriidhaan zakaan ishee keessa jira. Sababni isaa jechi Ergamaa Rabbii (SAW) inni “abbaan qabeenya warqee yookiin meetii kan zakaa ishee hinkennine yeroo guyyaan qiyaamaa gahe maadii ibiddaa irraa taattee isaaf afamtee ibidda jahannamaa keessatti ishee irratti gubamee gurracheffamu malee hin hafu” jedhu hunduma of keessatti qabata waan ta’eefi.
Akkasumas ergamaan Rabbii (SAW) harka dubartii tokkootti gumee/qubeellaa/warqee irraa ta’e lama arganii “sila zakaa isa kanaa ni kennitaa?” jedhaniin. Hin kennu jette. “Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan lamaaniin gumee ibidda irraa ta’e lama sitti kaa’uu ni jaallattaa?” jedhaniin. Isaan lamaan baaftee “isaan lamaan Rabbiifi Ergamaa isaatiif (arjoomeera)” jette. Abuu Daawudiifi Nasaa’iitu sanada Hasaniin gabaasan.
Ergamaa Rabbiitiin (SAW) ‘isheen Kuusaa namni ittiin adabamu Qur’aana keessatti dubbatameedhaa?’ jette. Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhan: “waan zakaan irraa kennamuu gahee zakaa isaa kennite isa keessa hin seenu.” Hadiisaaleen biraa hiika kana qabanis baay’eedha.
Meeshaa daldalaa kan jedhame immoo meeshaa gurgurtaadhaaf qophoofteedha. Isheen dhuma waggaatti tilmaamamtee tokko afurtammaffaan ishee zakaa kennama. Ragaan hadiisa Samuraa kan “Ergamaan Rabbii (SAW) waan gurgurtaadhaaf qopheessinu irraa sadaqaa baasuu nu ajaju turan” jedhuudha.
Ji’a ramadaanaa keessatti guyyaa jalqabaa soomanni irraa eegalee kaasee hanga guyyaa hiikkaa soomaa/Iidaatti aadaan walgargaaruufi waliif yaaduu bifa ji’oottan isaan kaan keessatti hin baramneen kan itti miidhagee adeemsifamuudha.
Walumaagalatti; Aadaan beela’aa nyaachisuu, dheebotaa obaasuufi rakkataa deeggaruu jiini ramadaanaa ittiin beekkamu kun ji’oottan waggaa hafanittis osoo ittifufee rakkoon hawaasummaa yeroo ammaa mul’achaa jiru kun hamma tokko akka furamuu danda’u shakkiin hin jiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017