“Barnootni meeshaa nageenyaafi tokkummaan ummataa ittiin cimsamuudha” -Doktar Tolaa Bariisoo

Finfinnee: Tokkummaafi nageenya ummataa waliin cimsuuf mootummaan naannichaa manneen barnootaa naannolee gara garaatti ijaaraa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo beeksisan.

Doktar Tolaan ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf waajjirasaaniitti kennaniin akka jedhanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannichatti nageenyaafi tokkummaa sabootaa, sablammootaafi ummattoota naannolee ollaa waliin jiru caalaatti akka cimuuf manneen barnootaa naannolee gara garaatti ijaaraa jira.

Naannoo Tigraayi (Tambeenitti), Amaaraa (Saqoxaatti), Beenishaangul Gumuz, Affaar, Gaambeellaa, Itoophiyaa Giddugaleessaafi Sumaaleen naannolee manneen barnootaa ifa boruu itti ijaaraman keessaa akka fakkeenyaatti ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, manneen barnootaa kunneen naannolee ollaa naannichaa kaayyoon isaan ijaaramaniif motummaan jijjiiramaa erga hojii eegalee booda istaandardii barnootaa cimaa bakkawwan hundatti akka mul’atu taasisuufi.

Ta’us waan qaburraa namaaf qooduun duudhaa ummata Oromoo ta’uus ibsaniiru. Sababa manneen barnootaa ijaaramaniin daangaa bulchiinsaa naannolee manneen barnootaa kunneen ijaaramanitti nagaan bu’ee waldhabdeen duraan ture hafuudhaan waliin jireenyi hawasaa cimaa jira.

Ijaarsi manneen barnootaa kunneenii istaandardii barnootaa mul’isuurra darbee waliin jireenya hawaasaa cimsuun barnootni meeshaa nageenyaafi tokkummaa ittiin tikfamu ta’uu qabatamaatti mul’isaa jira jedhan.

Rakkoo nageenyaan rakkoon hojii baruu barsiisuu naannicha keessaa bakkeewwan muraasatti mudatee turus kan naannoo Amaaraatti mul’aturraa adda ta’uu ibsaniiru. Ta’us bakkeewwan walitti bu’iinsi jirutti miidhaan manneen barnootaarra ga’e hinjiru jechuu akka hintaanes eeraniiru.

Yoo jiraates, manneen barnootaa baay’een naannicha keessa waan jiraniif yoo bakka tokkotti rakkoon nageenyaa mudate manneen barnootaa ollaa jiran deemuun akka baratan taasifamaa jira jechuun eeraniiru.

Bakkeewwan rakkoon nageenyaa ittifooyya’ettis manneen barnootaa cufamanii turan banamanii hojii baruuf barsiisuutti deebi’an keessaa Godina Shawaa Kaabaafi Gujii akka fakkeenyaatti kaasuun ibsaniiru.

Hojii hanga ammaatti hojjetameen rakkoon hir’ina kitaabilee barnootaa jiraatus manneen barnootaa sadarkaa lammaffaaf bal’inaan qaqqabeera. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa kitaabilee baay’een raabsamanis hir’inni jira. Kitaabileen miliyoona ja’atti shallagaman gargaarsaan maxxanfamaa jiran hir’ina mul’ataa jiru nifooyyessu jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 20 Bara 2017

Recommended For You