
Yunivarsitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran keessaa barnoota Sirna Gadaatiin digrii tokkoffaa hanga sadaffaatti barsiisuu kan jalqabe Yunivarsitii Bulee Horaati. Yunivarsitiin kun bara 2012 Inistiitiyuutii Gadaafi Beekumsa Aadaa (Inistitute of Gada and Indigenous knowledge) hundeessuudhaan akkaataa Baalliin Gadaa itti darburratti akkasumas Sirna Gadaafi qorichoota aadaarratti qorannoowwan garagaraa adeemsiseera. Yunivarsitichi Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa akka galu taasisuu keessattis gumaacha olaanaa taasiseera.
Qorannoowwaniifi hojiilee guguddoo Yunivarsitiin Bulee Horaa raawwateefi raawwachaa jirurratti xiyyeeffachuun gaafdeebii dhiyeenya kana yunivarsitichatti Daariktara Qorannoofi Qo’annoo Doktar Abinnat Baqqalaa waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Hojiilee guguddoo Yunivarsitiin Bulee Horaa raawwachaa jiru akkamitti ibsama?
Doktar Abinnat: Yunivarsitiin Bulee Horaa erga hundaa’ee kaasee hojiilee baruu barsiisuu, qorannoofi qo’annoofi tajaajila ummataa kennuurratti xiyyeeffatan hojjechaa jira. Yunivarsitiin keenya qabeenyawwan Godina Booranaa keessa jiran adda baasuudhaan dhimmoota sadii (Albuuda, beekumsa aadaa (Indigenous knowledge)fi qonna) irratti xiyyeeffatee qorannoofi qo’annoo bal’aa adeemsisaa ture. Godinni Booranaa qabeenya albuudota garagaraatiin kan badhaadheedha.
Yunivarsitiin keenya erga hundaa’ee kaasee hanga bara 2016tti barsiisota 856 hirmaachisuudhaan qorannoowwan 408 hojjeteera. Yunivarsitichi bajata mootummaan ramadeefi deeggarsa dhaabbilee garagaraarraa argateen qorannoowwan, pirojektotaafi hojiilee guguddoo hojjetaa tureera.
Yunivarsitiin Bulee Horaa Godinaalee Gujii Lixaa, Gujii, Booranaafi Boorana Bahaa, Burjiifi Koonsootti hojiilee qorannoo adda addaa hojjetaa ture. Yunivarsitiin keenya walittibu’iinsa Godina Geede’oofi Gujii furuuf hojii bal’aa hojjechaa ture. Horsiisee bulaarratti xiyyeeffachuudhaanis qorannoowwan hojiilee guguddoo hojjechuun imaammata mootummaaf gumaacha guddaa taasiseera. Qorattoonni keenya rakkoolee Godina Gujii keessa jiranirratti qorannoo taasisuun furuudhaaf hojiilee guguddoo raawwataniiru. Qorattoonni keenya rakkoolee godinichi adda baasee dhiyeesserrattis qorannoo adeemsisaa jiru.
Gara fuulduraatti ammoo kallattii mootummaan kaa’e hordofuudhaan qorannoowwan bu’aa argamsiisan hojjechuuf karoorfanneera. Qorannoowwan gara fuulduraatti adeemsifaman rakkoo tokko gama adda addaatiin furuurratti xiyyeeffatu. Barattoonnis qorannoowwan kuneenirratti akka hirmaatan taasisuudhaan muuxannoo akka horatuufi beekumsa qaban akka gabbifatan ni taasifama. Qorannoowwan barana adeemsifamuuf karoorfamanis piroppoozaaliinsaanii bifa haaraan qophaa’anii sirriitti xiinxalamanii darbanii booda gara qorannoo adeemsisuutti kan seenamu ta’a.
Bariisaa: Bu’aaleen qorannoowwan yunivarsitichi kanaan dura hojjeteen argaman akkamitti ibsamu?
Doktar Abinnat: Yunivarsitiin keenya bara 2012 Inistiitiyuutii Gadaafi Beekumsa Aadaa (‘Inistitute of Gada and Indigenous Knowledge) hundeessuudhaan qorannoowwan baay’ee adeemsisuun hojiilee guguddoo raawwataa ture. Akkaataa Baalliin Gadaa itti darburrattis hojiilee garagaraa hojjenneerra; hojjechaas jirra. Qorichoota aadaarrattis bifa addaatiin hojjechaa jirra.
Ummanni godinichaa harki caalu horsiisee bulaa waan ta’eef rakkoo marga horiifi bishaaniif saaxilamaadha. Qorannoowwan rakkoolee kunneen furuu danda’an adda baafnee irratti hojjechuuf karoorfanneerra. Sanyii margaa naannawaa horsiisee bulaatti ta’u adda baasuufis hojiin jalqabne jira. Sanyiin margaa kun giddugala qorannoo keenyatti qorattootaan qoratamanii erga adda bahanii bu’aqabeessummaansaanii mirkanaa’ee booda qonnaan bultootaaf kan raabsaman ta’u.
Godinni Gujii bunaanis waan beekamuuf Giddugala Qorannoo keenya Aanaa Qarcaatti argamutti sanyiiwwan bunaa omisha fooyya’aa kennan addaan baafnee ummataaf dabarsuuf hojjechaa jirra.
Mooraa yuunivarsitiitti ammoo sanyii qamadiifi boqqolloo naannawa kanaaf ta’aniifi omisha fooyya’aa kennan addaan baasuudhaan ummataaf raabsuuf hojjechaa jirra. Mooraa yunivarsitichaatti lafa qorichoota aadaa garagaraa irra dhaabuudhaan Muummee Faarmaasii keenyaan misoomaa, eegamaafi kunuunfamaa jiru. Lafti biqiloonni qorichaa aadaaf oolan irra dhaabaman eegamaafi kunuunfamaa jiru. Kun barattoonni qorannoowwan garagaraa akka irratti hojjetaniifi muummeen faarmaasii qorichoota akka omishaniif ni gargaara.
Bariisaa: Yunivarsitiin Bulee Horaa Barnoota Sirna Gadaa hanga digrii sadaffaatti kennuudhaan yunivarsitoota Itoophiyaa keessa jiran keessaa isa jalqabaati. Hojiin yunivarsitichi gama kanaan hanga ammaatti raawwate akkamitti ibsama?
Doktar Abinnat: Yunivarsitoota Itoophiyaatti argaman keessaa barnoota Sirna Gadaa digrii tokkoffaa hanga digrii sadaffaatti barsiisuu kan jalqabe Yunivarsitii Bulee Horaati. Hawaasni naannawa kanaa Gujii, Booranaafi Gabraa dabalatee aadaa ofiisaa qaba. Yunivarsitiin keenya sirna Gondoroo (Walitti bu’insa furuurratti) hojii guddaa hojjeteera. Gondoroon sirna araaraati. Sirni kun namoota walitti bu’an araarsuu qofa utuu hintaane akka maatii tokkootti waliin jiraatu. Yunivarsitiin keenya sirni kun cimee akka ittifufuuf bal’inaan hojjechaa jira.
Yunivarsitiin keenya Sirna Gondoroo kana ‘Dokmanti’ taasisee sadarkaa biyyaatti beeksisuuf dhiyeenyatti ‘Eksipoo’ niqopheessa. Eksipoo kanarratti albuudonni, sanyiiwwan bunaa qorannoon adda ba’an, maashiinonni kalaqamaniifi qorannoowwan yunivarsitiin keenya erga hundaa’ee as raawwate poostarii irratti ni dhiyaatu. Waltajjicharratti aadaa hawaasni naannawichaa haala qilleensaa raagu kan saayinsii waliin walitti fidnee hangam akka walitti dhiyaatuufi walirraa fagaaturrattis marii ni adeemsifna. Marichaan booda beekumsi aadaa sirna barnootaa keessa akka galu taasisuuf irratti hojjechaa jirra.
Eksipoo qophaa’urratti qorattoonni, hayyoonni, invastaroonnifi qaamoleen mootummaa sadarkaa muutummaa federaalaatii kaasanii jiran ni argamu. Saganticharratti barreeffamoonni ka’umsa marii ni dhiyaatu. Suuraawwan garagaraas agarsiisaaf ni dhiyaatu. Barreeffamoota ka’umsa marii dhiyaatanirrattis marii bal’aan ni adeemsifama.Waltajjii kanarratti qorannoowwan keessumaa beekumsa aadaa, qorichoota aadaa, horsiisee bultootaafi albuudaa baasuurratti taasise ni dhiyeessina. Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa akka galu kan ta’e bu’aa yunivarsitii keenyarraa argameeni.
Kanaan dura Yunivarsitii Bulee Horaatti barnoonni Horsiisee Bulaa akka koorsii tokkootti kennamaa ture. Barnoonni Sirna Gadaas sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga yunivarsitiitti kennamaa jira. Yunivarsitiin keenya beekumsi aadaa sirna barnootaa keessa galee akka koorsii tokkootti akka kennamuuf irratti hojjechaa jira.
Bariisaa: Qorannoo Yunivarsitii Bulee Horaa adeemsiseen qabeenyi albuudaa naannawichaa adda baafaman hangam ta’u?
Doktar Abinnat: Hayyoonni godinaalee Gujii lamaaniifi Boorana lamaanii bakka albuudonni itti argaman qoratanii adda baasaniiru. Yeroo baay’ee bakki albuudni bahu waan sigigaataniifi naannawaas faaluu danda’aniif asirrattis hojii bal’aa hojjechaa jirra. Bulchiinsa Godina Gujii Lixaa waliin ta’uun albuudota 26 addaan baafneerra. Hojii qorannoo albuudaa kana Yunivarsitii Afrikaa Kibbaafi Ministeera Albuudaa waliin hojjechaa jirra. Qorannoon kun qabeenyawwan albuudaa kunneen haala kamiin baafnee ittifayyadamuu dandeenya kan jedhurratti xiyyeeffata.
Bariisaa: Hojiilee yunivarsitichi tajaajila hawaasaa mirkaneessuuf raawwate akkamitti ibsamu?
Doktar Abinnat: Yunivarsitiin keenya maashinoota garagaraa kalaquudhaan qonnaan bultootaaf dhiyeesseera. Bunni miiccamee qooruuf sa’aatii 72 ykn guyyaa sadii fudhata. Maashiiniin kalaqamee qonnaan bultootaaf dhiyaate garuu buna miiccame gara gaggalchee sa’aatii 72:00 akka hinturre taasiseera.
Kalaqaaleen garagaraa gama injineeriingiin qorannoon adda bahanii hojjetamaniifi gara ummataatti darbuu qaban kanneen akka mana fincaanii socho’aniis ni jiru. Keemikaala farra ilbiisota bunaas omishneerra. Qorannoowwan adeemsifaman gara ummataatti dabarsuurratti garuu hanga barbaadamu itti hindeemamne.
Kaayyoon yunivarsitii inni guddaan qabeenya dabarsuu utuu hintaane beekumsa ceesisuudha. Beekumsa ceesisuuf ammoo hojii baruufi barsiisuufi leenjiiwwan garagaraa dargaggoota, dubartootaafi lammiilee hongeen miidhamaniif kennuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Hojii kana Godinaalee Gujii lamaaniifi Booranaa lamaan irra darbee Godinaalee Naannoo Kibbaa, Geede’oo, Burjii, Koonsoo, Kooriyaa bira gahee hojjetaa jira. Hojii daagaafi biqiltuuwwan dhaabuurrattis ummata waliin ta’uun hojii bal’aa hojjechuun ummata fayyadamaa taasisaa jirra.
Bariisaa: Hariiroo Yunivarsitiin Bulee Horaa yunivarsitiiwwan biyyattiifi biyyoota alaa biroo waliin qabu maal fakkaata?
Doktar Abinnat: Yunivarsitiin keenya yunivarsitiiwwan biyya keessaa waliin hariiroo cimaa qaba. Qorattoonni keenya qorattoota Yunivarsitiiwwan Jimmaa, Finfinnee, Haramaayaa, Diillaa, Saayinsiifi Teknolojii Adaamaafi kanneen biroo muuxannoo cimaa qaban waliin akka hojjetaniif haala ni mijeessina. Yunivarsitiin Booranaa waliinis keessumaa rakkoo horsiisee bulaa furuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Simpooziyeemii qorannoo dhiyaatu garagaraa irrattis wal affeerree waliin hojjechaa jirra.
Yunivarsitiin Bulee Horaafi Yunivarsitiin Booranaa waliin ta’uun qorannoo beekumsa aadaarratti xiyyeeffatu hojjechaa jirra. Qorannoo kana Godinaalee Gujii lamaan, Godinaalee Booranaa lamaan Godinaalee Baalee lamaan, Godinaalee Arsii lamaan, Godinaalee Harar lamaan keessatti adeemsisaa jirra.
Yunivarsitiin Bulee Horaa yunivarsitoota biyya alaa garagaraa waliinis hariiroo gaarii qaba. Yunivarsitii ‘Taafti’ Ameerkaatti argamu waliin horsiisee bultootarratti qorannoo tokko hojjenneerra. Yunivarsitii ‘Bendaa’ jedhamu kan Afrikaa Kibbaatti argamu waliin hojii qorannoo bal’aa hojjechaa jirra.
Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa yoo qabaattan?
Doktar Abinnat: Ummata utuu hinbaratiin nu barsiise caalaatti tajaajiluuf kaka’umsa guddaa qabna. Rakkoolee ummataa qorannoofi qo’annuudhaan furuuf yoomiyyuu caalaatti cimnee ni hojjenna. Hanqina humna namaa qabnu utuu dafee nuu furamee kana caalaa hojjennee ummata keenya bira hingeenye bira gahuu dandeenya.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017