Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa kaleessa jalqabame

Finfinnee: Qopheessummaa Waldaa Federeeshinii Atileetiksii Addunyaa “IAAF” waggaa waggaan kan adeemsifamu Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa mana keessaa barana yeroo 20ffaaf kaleessa Chaayinaa magaalaa Naanijiingitti jalqabameera.

Guyyoota sadiif kan adeemsifamu shaampiyoonaa baranaa kanarratti Itoophiyaan akaakuuwwan ispoortii atileetiksii sadiin atileetoota 12n akka hirmaattus beekameera.

Itoophiyaan dorgommii kanarratti dubaraan fiigicha meetira 800 Atileet Tsigee Dhugumaa, Habtaam Alamuufi Nigisti Geetaachawu, fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n Gudaaf Tsaggaayee, Dirribee Waltajjiifi Warqinash Mallasaa, Fiigicha meetira kuma sadiin Fireewayinii Hayiluufi Birqee Hayyalom ni hirmaatu.

Dhiiraan ammoo fiigicha meetira kuma sadiin Barrihuu Aragaawwii, Biiniyaam Mahaariifi Geetinnat Waalee, meetira kuma tokkoofi 500niin Atileet Mallasaa Nibrat akka hirmaatan beekameera.

Atileet Saamu’eel Tafarraa fiigicha meetira kuma tokkoofi 500nin ni hirmaata jedhame maqaan isaa Waldaa Atileetiksii Addunyaaf darbus sababii dhukubaatiin jilicha waliin deemu hindandeenye.

Fiigicha gulaalaa kaleessa meetira 800n dubartoota gidduutti adeemsifameen atileetonni Itoophiyaa Tsiggee Dhugumaa 1ffaa, Nigist Getaachoo 2ffaa, Habtaam Alamuu 3ffaa bahuudhaan dorgommii itti aanuuf darbaniiru.

Qabxiin isaanii maxxansaaf nu dhaqqabuu baatus fiigicha meetira 1500 dhiirota gidduutti adeemsifameera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa mana keessaa kanarratti biyyoota 127 irraa atileetonni 570tti ta’an hirmaachaa akka jiranis sagantaa waldichaarraa beekuun danda’ameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

Recommended For You