“Seenessi qeenxee seenessa walootiin bakka bu’uu qaba” – Doktar Dheeressaa Dheebuu

Doktar Dheeressaa Dheebuu Yunivarsitii Jimmaatti, Barsiisaafi Qorataa Seenaafi Daarktara Dhaabbata Qo’annoo Oromooti. Hayyuun kun akka jedhanitti, seenaa qo’achuun dhugaa barbaaduudha. “Dhugaan ni qal’atti malee hincittu, dhugaan ilmoo Waaqaati, Waaqaan duuba karaan nama hinbaasu!”

Seenaan hariiroo dhalli namaa uumamaa wajjin qabu qo’ata. Seenaa qo’achuun ammoo ta’eewwan raawwatamanii darbanirraa muuxannoo argachuuf, milkaa’inoota gabbisuufi dogoggorota hambisuun amma sirritti hubachuuf kan fuulduraa qiyyaafachuuf gargaara. “Namni seenaa hinbeekne bishaan gabateeti gara argetti jallata” jedhu.

Ta’eewwan darban maddoota fayyadamuun fagoorraa gara dhiihootti seeneffamu: Maddoonni seenaa sadarkaa tokkoffaa kan hinboroofneefi odeeffannoo caalaatti amansiisaa ta’an kanneen akka gamoowwan, meeshaalee, xalayoota, seerota, suursagaleefi kan kana fakkaataniidha. Maddoonni sadarkaa 2ffaa ammoo maxxansaalee, barreeffamoota hinmaxxanfamne, oduu duriifi kanneen kana fakkaataniidha jedhu.

Qo’annoon Seenaa Itoophiyaa rakkooleefi hanqinoota baay’ee qaba. Maddoonni sadarkaa 1ffaa kanneen arkiyooloojiin qo’atamuu qaban keessattuu kan Dhowaa/Cillaanqoo Sulula Qinxamaa Baha Afrikaa ykn maddi uumamaafi qaroominaa hinqo’atamne. Kanneen argaa-dhageettiin dhalootaa dhaloottatti darbanis gingilfamanii faayidarra hinoolle; kanneen qo’atamanis haala sirnaa’aan hinqindoofne.

Qo’annoon seenaa Kaaba Itoophiyaayyuu jireenya ummataa hincalaqqisiisan. Barreefamoonni baay’een jireenya qabatamaan kan walfaallessan; waliiwaanitiinis waldhahan; waa’ee gita bittootaa faarsaa loogiin amantiifi siyaasaa bal’inaan kan keessatti calaqqisuudha jedhu.

Itoophiyaan biyya sabootaafi sablammoota hedduu qabduudha. Qo’attootni Afaanii akka tilamaamanitti, Afaanota kuma tokko ol Afrikaakeessa jiran keessaa gara dhibbaatti kan dhihaatan Itoophiyaatti argau. Ummattoonni afaanota adda addaa dubbatan kunneen baroota hedduuf ollaa walii jiraachaa waan turaniif waljijjirraafi waldhaaluun aadaafi afaanii gaggeeffamaa ture. Sababa kanaan afaan tokkoo keessa jechoonni afaan biraa baldhinaan nimuldhatu. Afaan Oromoofi Koonsoo %60 oliin, Walaayittaa, Gaamoo-Goofaafi Daawuroo- Kontaan %90 oliin walittidhufeenya qabu. Kunis kan ta’eef ummattoonni firummaa cimaa jidduusaaniitti waan uumaniifi jedhu.

Seenessi qeenxee seenessa walootiin bakka bu’uu qaba. Seenessi waloo hunda hammataa, haqa qabeessa, madaalawaafi kan hinbaabsine ykn hinloogne, tokkummaa heddummina yaada, aadaafi afaanii kan keessummeessu, saboonni hundinuu kan keessatti ofarguu danda’an, sirnoota walqixxummaafi hirmaachisummaa uummattootaa kan dagaagsan kanneeni akka Baahtoo Tigraay, Baallee Geedi’oo, Gadaa Oromoo, Luwaa Sidaamaa, Makabantoo Affaar, Shir Sumaalee, Tsalta Koonsoo, Yajoka Qicaafi Samugniti Sabaat Beetiifi Gordannaa Seeraa Kistaanee fa’aaf xiyyeeffannaa kan kennuu ta’uu himu.

Seenessi waloo tooftaalee nagaan walittibu’iinsa furuu kan akka Diya ykn Jilib Sumaaleefi Gumaa Oromoo akkasumas kanneen obbolummaa cimsan kan akka Guddifachaafi Moggaasaa fa’aafis xiyyeeffannaa ni kenna. Akkasumas adeemsa dinagdee walittidhufeenya ummataa cimsaa turan kanneen akka daldala sarara dheeraa kan jaarraa 19ffaa fa’iifii dhangaalee aadaaf xiyyeeffannaa ni kenna jedhu.

Seenessi waloo seenaa gitabittootaarra seenaa saba bal’aafi ogeessotarratti xiyyeeffachuun seenaa goototaa haala madaalawaan qaaccessuu, injifannoowwan waloo kan akka Adwaa fa’iif xiyyeeffannaa kennuu; dhugaa darbe yaraas ta’ee gaariif beekamtii kennuurratti xiyyeeffata. Seenessi waloo seenessa qeenxee gara heddumminaatti jijjiruu keessatti gahee cimaa qaba jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

 

Recommended For You