
Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddistuu callaa bara omishaa 2017f qarshii biliyoona 32 olhirphuu Ejansiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa beeksise. Bara kana guddistuu callaa kuntaala miliyoona 10fi kuma 500 dhiyeessuuf naannichatti hojjetamaa akka jirus ibsameera.
Ittigaafatamaan Ejansichaa Obbo Jamaal Kadir dhiyeessiifi raabsa guddistuu callaa bara 2017 ilaalchisuudhaan ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin, sababa rakkoo nageenya biyyoota addunyaa keessa jirurraa kan ka’ee gatiin guddistuu callaa dabaleera. Daballii gatii mul’ate hir’isuuf mootummaan hirpha qarshii biliyoona 32 ol taasiseera. Hirphi taasifames hojii qonnaa jal’isii, arfaasaafi gannaaaf yaadamee akka ta’es ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, dhiyeessiin guddistuu callaa bara 2017 kan bara darbee waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu kuntaala miliyoona lamaafi kuma 300 caalmaa qaba. Kan bara darbe bule dabalatee waliigalaan guddistuun callaa kuntaala miliyoona 11fi kuma 453 ol qonnaan bulaaf nidhiyaata.
Hirpha mootummaan taasifameenis akaakuu ‘DAP’ kuntaala tokkotti qarshii kuma sadiifi 779, ‘URA’f qarshii kuma lamaafi 16 gatii waliigala qonnaan bulaarratti dabalamee kaffalamu akka hindabalamne taasifameera. Hojii dhiyeessuufi raabsuu hanga ammaatti hojjetameen guddistuun callaa kuntaalli miliyoonni afuriifi kuma 100 naannicha dhaqqabe keessaa kuntaalli kuma 310 ol ta’u qonnaan bulaa akka qaqqabu ta’eera.
Gaaffilee gatii guddistuu callaan walqabatanii ka’aniif ibsi kennamu murteessaa ta’uu himanii; giddugala guddistuun callaa raabsamurraa kaasee wantota hubatamuu qabanirratti ibsa kennaniiru. Guddistuun callaa kuntaalli tokko giddugala raabsamurraa ka’ee baasii geejjibaa, dhala baankiifi fageenya godinaaleefi aanaalee waldaaleen bu’uuraa itti argman bu’uura godhachuudhan gatiin garaagarummaa qabaachuu danda’a. Godinoota naannichaa hundatti daballii gatii haala qabatamaa jiru bu’ura godhachuun dabalamu Ejensicha biratti beekamaa waan ta’eef seeraan ala gatii dabaluun hindanda’amu jedhaniiru.
Guddistuun callaa mootummaa qofaan akka dhiyaatu himanii; hawaasi nama dhuunfaa irraa bituu hinqabu. Qaamni dhiyeessu kan biraa yoo jiraate eeruu kennuun saaxilamuu qaba. Miidiyaaleenis alseerummaa gama kanaan mul’atu ittisuufi saaxiluu keessatti shoora isaanirraa eegamu akka ba’aniif waamicha dhiyeessaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017