Naannoo Amaaraatti namootni kuma afurii ol marii ajandaa walitti qabuurratti nihirmaatu

Finfinnee: Naannoo Amaaraatti namootni kuma afurii ol marii ajandaa biyyaalessaa walitti qabuurratti nihirmaatu jedhamee akka eeagamu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Marichis dhuma ji’a Bitootessaatti eegalama jedhamee akka eegamu ibsaniiru.

Dubbi Himaan Komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa kaleessa Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, marii ajandaa walitti qabuu komishinichi naannoo Amaaraatti gaggeessurratti namoota kuma afurii ol hirmaachisuuf hojjetmaa jira. Dhuma ji’a

Bitootessaatti magaalaa Baahirdaaritti marichi eegaluuf yaadamee jiraachuus ibsaniiru.

Hojii hanga ammaatti naannichatti hojjetameen sadarkaa aanaatti namoota marii biyyaalessaatti hirmaatan adda baasuun danda’ameera. Kutaalee hawaasaa garaagaraa, paartilee siyaasaa sadarkaan naannoofi biyyaalessaatti hirmaatan, waldaaleefi dhaabbilee garaagaraafi namoota dhiibbaa uuman dabalatee akka maricharratti hirmaataniif komishinichi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojii bal’aa hojjechaa jiras jedhaniiru.

Mariin naannichatti gaggeeffamu waldhabdee murnoota siyaasaa gidduu jiruun rakkoon nageenyaa jiraachuu himanii; komishinichis kana ilaalcha keessa galchuudhaan gara mariitti akka dhufaniif hojjetaa jira. Haala kanaan walqabatee yaaddoon jiraatus aanaaleefi magaalota baay’ee keessatti qaamoleen hawaasa bakka bu’an adda ba’aniiru. Kun ammo hawaasni naanichaa mariif qophii ta’u akka mul’isu ibsaniiru.

Mariidhaan waldhabdeen furamuu dhabuun rakkoo garaagaraaf isaan saaxiluu eeruun mariin komishinichaan gaggeeffamu furmaata nifida jedhanii abdachaa jiraachuu dubdeebiin hawaasarraa argame mul’iseera jedhaniiru.

Waltajjiin marii naannichatti gaggeeffamu akkuma naannolee biroo akka milkaa’uuf hawaasniifi qaamoleen dhimmichi ilaallatu hunduu deeggarsa barbaachisaa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Itti aansuudhaan waltajjii ajandaa walitti qabuu Naannoo Tigiraay akkuma haalotni rakkisoo ta’an fooyya’anitti kan ittifufu ta’a jedhaniiru. Komishinichis rakkoo nageenyaa naannicha keessa tureen naanichatti hojii bal’aan kanhafu ta’us, haalotni kunneen gara mariitti akka dhufaniif waanirraa eegamu hundaa raawwataa jira.

Mariin sadarkaa biyyaalessaa ajandaafi hirmaattotni naannolee hundaarraa erga adda ba’anii booda akka gaggeeffamu himanii; komishinichi hojii ajandaa bocuu haala mijeessuu, afaanota garaagaraatti hiikuufi qindeessuun walqabatee hojii bal’aa hojjechaa jira. Hojiin ajandaa bocuu erga naannolee hundarraa ajandaan walittiqabamee booda akka gaggeeffamus himaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

Recommended For You