Misoomawwan haaraaf wajjummaan dhaabachuu

Biyyi keenya yeroo kamuurra daandii jijjiiramaa abdachiisaarra arreedaa jirti. Erga Jijjiiramni sirnaa biyya keenyatti adeemsifamee as dameelee hundaan milkaa’inoonniifi jijjiiramoonni lakkaa’aman dameelee hundaan galmaa’aniiru; galmaa’aas jiru.

Jijjiiramoonni kunneen damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi kkf jedhamee sammuu qulqulluufi loogmaleessaan kan sirnoota darban wajjin walbira qabamanii yoo ilaalaman lafaafi samiidha.

Kanas fakkeenyuma muraasaan ilaaluun nidanda’ama. Duraan yeroo filannoon ga’u dhagaa bu’uuraa ijaaranii mitii funaananii fixuunuu hindanda’amne kaa’amaa turan har’a garuu dhagaa bu’uuraa kaa’uu otoo hintaane kallattii ijaarsa pirojektii wayii jalqabsiisanii xumuruutu muuxaneeffamaa jira.

Muuxannoo milkaa’aa kanaanis pirojektota buleeyyii akka hidha Abbayyaarraa kaasee hanga misooma koriidarii bardheengaddaa yoona kana eegalameetti qabatamaan fixuun danda’ameera. Gama mirga namoomaa, dameelee hawaasummaa kanneen akka barnootaafi dinagdee, qonna fa’irrattis jijjiiramoonni galmaa’aniiru.

Kamisa darbe gaaffiilee miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateefiif deebiifi ibsa bal’aa; kallattii biyyattiin gama hundaan irra deemaa jirtu haala gaariidhaan kan agarsiisan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) biyyattiin guddina dinagdee rageeffame 8.4 galmeessisuu, qaala’iinsi gatii %29 irraa gara %15tti gadi bu’uu, lammiilee miliyoona 2.8f carraa hojii uumamuufi kaan eeraniiru.

Hidha Haaromsaa ilaalchisee hidhichi pirojektii gatii hedduun itti kanfalameedha. Ijaarsa hidhichaatiif gargaarsaanis ta’e liqiidhaan waanti alaa argame hinjiru jedhu.

Hirmaannaa lammiilee Itoophiyaatiin kan ijaarame hidhi Haaromsaa dhibbaa dhibbatti bishaan guuttateera. Waadaan galamees dhugoomeera. Waanti haalame hinjiru.

Hidhi guddichi hidha Afrikaanonni itti boonan, bishaan meetir kiyubii biliyoona 74 ittiqabanneefi anniisaa olaanaa irraa omishnuudha. Milkaa’inni Hidha guddicharratti galmaa’e Afrikaanonni yoo liqii dhorkaman, dhiibbaa diippiloomaasii irratti taasifame qabeenyasaanii lammiileedhuamsaaniitiin misoomsuufi jijjiiruu akka danda’an qabatamaan kan agarsiiseedha.

Biyya waa’ee ulaa galaanaa kaasuun akka cubbuufi yakkaatti lakkaa’amaa turetti gaaffiin Itoophiyaa ammaan tana kaasaa jirtu sirrii ta’uu hawaasni addunyaa amanuun milkaa’inuma yeroo dhiyoo as galmaa’an keessatti kan eeramuudha.

Kun Itoophiyaaf injifannoo guddaadha. Har’a waa’ee Abbayyaas ta’e Galaana Diimaa haasa’uun danda’ameera. Fedhiin galaana Diimaarratti qabnu qabeenya waloo waan ta’eef Somaaliyaa, Jibuutii, Ertiraafi Keeniyaa wajjin kan walitti nu buusu ta’uu hinqabu. Waan hunda keenyaaf ga’uuf mari’annee, waliigallee kan hunda keenya fayyadu gochuun nidanda’ama.

Nuti warra abjuuti; abjuun keenya garuu badhaadhina; misooma, guddachuudha. Guddinni kun qofaa keenya otoo hintaane akka Afrikaatti. Guddina kanaaf obboleen keenya Afrikaa wajjin dhimmoota Abbayyaa, qamadii, xaa’oo, gaazii, warqiis ta’a kaanirratti wajjummaan hojjechuun barbaachisaadha.

Akka Ministrri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jedhanittis, imalli badhaadhinaa ittifufa, nageenya keenyas caalaatti guddataa deema. Matayyoonniifi garewwan nageenyaafi guddina Itoophiyaatiif hawwii qaban mootummaan mariif qophii ta’uu hubatanii dhimmasaanii mariidhaan furuuf of qopheessuu qabu.

Kanaafis jijjiramoonniifi milkaa’inoonni galmaa’an dachaawwan hedduun babal’atanii akka ittifufaniif otoo madaalliirraa hinmaqiin misoomawwaniifi maniiwwan haaraaf haaraaf wajjummaan hiriiruun barbaachisaadha.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

Recommended For You