
Magaalaan Gindhiir magaalaa guddattuu Godina Baalee Bahaa kan teessumnishee jireenyaaf hawwataa taatedha. Magaalaan kun godina omishtummaa olaanaa qabuufi haala qilleensaan mijataa ta’e keessatti argamtus rakkoo bu’uuraalee misoomaarraa kan ka’e guddina umuriishee giturra hinjirtu.
Rakkoon dhiyeessii bishaan dhugaatii, humna ibsaafi daandii rakkoolee guddina magaalattii hudhan ta’uu nutis qaamaan achitti argamuun taajjabneerra. Haa ta’u malee, pirojektiin bishaan dhugaatii humni ibsaafi daandiin keessa keessaa eegalamee waan jiruuf egeree magaalattii ifa ta’uu hubachuun barbaachisaadha.
Gaazexaan Barisaa tibba darbe haala sochii Magaalaa Gindhiir rakkoo bu’uuraalee misoomaan walqabataniifi kallattii furmaataa jiru ilaalchisee gaafdeebii Kantiibaa magaalattii Obbo Mahaammad Abdulqaadir waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.
Bariisaa: Haalli hundeeffama Magaalaa Gindhiir maal fakkaata?
Obbo Mahaammad: Magaalaan kun bara 1878 kan hundoofte yoo ta’u, bara 1942tti mana qopheessaa argatte. Bara 1964tti caasaa pilaanii/Structure plan argachuun caaseffamni mootummaa dhawataan guutaa dhufeera.
Yeroo ammaa kana ummata kuma 110 ol kan qabdu yoo ta’u, caasaa haaraan ammaatiin ammoo gandoota afuriifi sektaroota 11 qabaachuun irradeebiin hundoofteetti. Yoo rakkoon daandii furame hanga Somaaliyaatti deemuuf fageenya xiqqaafi koriidarii daldalaa filatamaadha. Osoo Adaamaa hindhaqiin kallattii gabaabaan Harargee Lixaa dhaquuf ulaa filatamaadha.
Bariisaa: Guddina magaalattiif wantoota akka rakkootti ka’an otoo nuu ertanii?.
Obbo Mahammad: Gaariidha. Magaalaan kun yeroo ammaa guddina umuriishee gitu keessa hinjirtu. Kanaaf ammoo rakkooleen bu’uuraalee misoomaa hudhaa guddaa ta’eera. Hanqinni humna ibsaa, rakkoon dhiyeessii bishaaniifi daandii rakkoo hamaafi madda komii ta’eera.
Magaalattiitti hanqinni bishaan dhugaatii hundaa ol rakkoo hamaa yeroo hunda komii jiraattotaati. Daandiin magaalattii qaxxaamuru jiraatus waan asfaaltii hintaaneef ganna dhoqqee, bona dhukkeen jiraattota dararaa jira. Abbootiin qabeenyaa magaalaa kanatti misoomsuuf fedhii olaanaa qabaatanis rakkoo bu’uuraalee misoomaatiin boodatti deebi’aa jiru.
Bariisaa: Haalli kenna tajaajilaa sektarootaa maal fakkaata?
Bariisaa: Sadarkaa bulchiinsa magaalaatti rakkoolee bu’uuraalee misoomaan walqabatan furuuf maalfaatu hojjetame?
Obbo Mahaammad: Rakkoo bishaan dhugaatii kana furuuf gabaasa Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaaf taasifame hordofee boolli bishaan dhugaatii tokko qotamee yeroo ammaa boba’aa fayyadamuun yaaliin sarara diriirsuu taasifamaa jira.
Garuu bishaan boolla keessaa harkisuun gara magaalaatti geejibsiisuuf yoo humna ibsaa ta’e malee boba’aa hedduu waan gaafatuuf dadhabsiisaadha. Haa ta’u malee, humna ibsaa dabalataan dhiyeessuuf sochiin taasifamaa waan jiruuf rakkoon kun fuulduratti ni hiikama jedhamee abdatama. Sadarkaa federaalaatti magaalota humna ibsaa utubaa konkiriitiin akka argatan karoorri qabameef keessaa Magaalaan Gindhiir ishee tokko. Rakkoo daandii furuufis sochii taasifamaa jira.
Rakkoon bu’uuraalee misoomaa akkuma jirutti ta’ee, sektaroota hunda keessatti kenna tajaajilaa ammayyeessuuf hojii bal’aan hojjetameera. Hordoffii taasifameenis namoota rakkoo qabanirratti tarkaanfiin barsiisaan fudhatameera. Dabalataanis bu’aa teknolojii kan ta’e kutaa hunda keessatti kaameraa fayyadamuun haalli kenniinsa tajaajilaa hordofamaa jira. Haa ta’u malee, tarkaanfiin fudhatame hundi quufsaa waan hintaaneef fuulduratti dhimma xiyyeeffannaan itti adeemamuudha.
Bariisaa: Inisheetiivoonni sadarkaa magaalaatti bocamanii akka guutuu biyyaatti diriirfaman isin biratti haala kamiin hojiirra oolaa jiru?
Obbo Mahaammad: Qaala’iinsa gatii maqsuufi carraa hojii uumuurratti kan xiyyeeffatan gara innisheetiivoota 21 hojiitti hiikuuf hojjetamaa jira. Isaan keessaa horsiisa loon aannanii, furdisa loonii, horsiisa lukkuufi kanniisaa, qonna manduubee kuduraafi mudurarratti xiyyeeffatan sadarkaa muuxannoon irraa qoodamuun hojjetamaa jira.
Jiraattonni magaalattii, keessattuu dargaggootni akka dhuunfaattis ta’e waldaatti hojii kanarratti bobba’an fayyadamoo ta’aa jiru. Gama kanaan deeggarsa bulchaan godinichaa kallattiin taasisu cinatti namoota waldaan gurmaa’aniif bakki omishaafi gurgurtaa akka mijatu shoorri taphatan olaanaadha.
Bariisaa: Dargaggootni dhuunfaanis ta’e waldaan gurmaa’anii hojjechuurratti aadaan hojiisaanii akkamiin ibsama?
Obbo Mahaammad: Dargaggootni hedduun hojiitti seenanii jijjiirama qabatamaa fidan akkuma jiran kanneen hojii tuffatanii taa’anis jiru. Magaalaa kana keessa dargaggeessi hoji dhabaa ta’ee osoo jiruu dargaggootni hedduun Naannoo Kibbaarraa dhufanii hojjetanii jijjiiramaa jiru. Rakkoo kun hubannoo dhabuurraa kan maddu waan ta’eef hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa jira.
Bariisaa: Turtii nu waliin taasistaniif galatoomaa.
Obbo Mahaammad: Isinillee turtii nu waliin taasiftaniif galatoomaa.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017