Kilaastarri Qonna Qindaa’aa Dongoraa aannan liitira kuma 88 ol omishe

Finfinnee: Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee, Aanaa Tulluu Diimtuutti kan argamu Kilaastarri Qonna Qindaa’aa Dongoraa bara bajataa 2017 hanga ammatti aannan liitira kuma 88 ol omishe.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonna Aanichaa Obbo Nugusee Shuumii ibsa Wixata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, aanichi misooma inisheetivii Maaddii Guutuutifis ta’e, misooma qonnaa waliigalaatiif haalota mijatoo hedduu qaba.

Ijaaramee tajaajila jalqabuun kilaastarichaa badhaadhina maatii mirkanessuuf shoora guddaa taphachaa jira jedhanii, kilaastaricha keessatti horsiisni loon aannanii, furdisni loonii, omishni lukkuufi killee, omishni dammaa, qurxummiifi booyyee hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Kilaastarichi Sheediiwwan gurguddaa 229 kan qabu yoommuu ta’u, qonnaan bultoota zoonii baadiyyaarra jiraniif leenjii kennuu dabalatee haalota mijatoo uumuun sheedicha keessatti hojii garaagaraarratti akka bobba’an taasifameera.

Kilaastarichatti loon aannanii 1,320 galchuuf karoorfamee hanga ammaatti loon aannanii 859 galchuun danda’ameera jedhanii; loon galan kunneenirraa bara bajataa kana keessa aannan liitirri kuma 88 ol oomishuun akka danda’ame ibsaniiru.

Bara baajatichaa keessa lukkuuwwan kuma 73fi 500 galchuun danda’ameera jedhanii; kanarraas killeen kuma 500fi 28 oomishameeras jedhaniiru.

Akka haasaa isaaniitti, qurxummiin 1000 ol Poondii (haroo namtolchee lama) kilaastarichatti qophaa’etti galaniiru; booyyeen 470 ta’anis galchuun danda’ameera.

Kilaastarichi kilaastara qindaa’aa waan ta’eef, nyaatni beeyladaa waldaaleedhaan achuma keessatti omishama, lukkuu horsiisuufis maashiniin cuucii guyyaa tokkoo omishu achuma kilaastaricha keessa jira. Maashiniin cuucii guyyaa tokkoo oomishu maashiniin tokko cuucii oomishuudhaan dhiyeessaa jira. Mashinootni lamammoo bittaansaanii xumuramee hojii jalqabuutti jiru.

Aanichatti hojiin misooma Inisheetivii Maaddii Guutuu sadarkaa badhaadhina maatiitirraa eegalee hojjetamaa jira jedhanii; qaamota gurmaa’anis ta’ee qe’eesaanii keessatti omishaa jiraniif deeggarsi leenjii, teknikaafi liqii taasifamaa akka jirus himaniiru.

Bara baajatichaa keessatti hanga ammaatti kilaastara Qonna Qindaa’aa Dongoraarratti waldaalee gurmaa’an waldaalee 14f liqiin qarshii miliyoona 56 kennameera. Torbee kana keessas waldaaleen adeemsa jiru xumuranii liqii argatan akka jiranis dubbataniiru.

Deeggarsi addaa qaamota taasifamuufii qabuuf deeggarsa taasisuuf qonnaan bultoota, ijoollee qonnaan bultootaafi jiraattota jechuun adda baasuudhaan waldaadhaan namootni gurmaa’anii innisheetiivicha keessa galanii akka fayyadaman taasifamaa jira.

Aanichi hojiilee misooma qonnaaf potenshaala guddaa waan qabuuf Inisheetivota Biiroon Qonna Oromiyaa gadi buuse keessaa 12 aanichatti hojiitti hiikamaa jirus jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

Recommended For You