“Jireenyi Dubaay akkuma gamoowwanii ishee mimmiidhaga jechuu miti” – Moodeel Saamu’eel Baay’isaa

Yeroo tokko tokko carraan dhala nama waan hin yaadamneen gara hin yaadamnetti deema. Kan hinjirretu jiraata, kan jirutu dhabama. Namoonni baay’een abjuufi hawwii isaanii milkeeffachuuf waggootaaf dhama’u, muraasni ammoo carraadhumatu isaan barbaadee isaanitti dhufa.

Dhiheenya kana miidiyaa hawaasummaarratti dargaggeessa Oromoo damee ijaarsaarratti bobba’uun hojii guyyuu hojjetu tokko viidiyoo akka tasaa waraabameen yeroo muraasa keessatti seenaansaa jijjiiramee moodeela idiladdunyaa ta’uu danda’eera. Hawwiinsaa fagootti yaadaa ture guyyaa tokko balbaluma mana hojiisaa fuulduratti ofiin deemte. Dargaggeessa kana mudannoofi muuxannoosaa akka qarreefi qeerroodhaaf qooduuf Dubaayirraa bilbilaan dubbisneerra; dubbisa gaarii!

Dargaggoo Saamu’eel Baay’isaa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Abuunaa Gindabaratitti dhalatee guddate. Maatiisaaf ilma sadafaa yoo tahu, quxisuuwwan sadiis niqaba. Barnootasaa kutaa tokkoffaafi lammaffaa naannawuma dhalootasaatti barate. Bara 2004 ammoo gara Magaalaa Buraayyuu dhufuun kutaa sadaffaa eegalee hanga sadarkaa lammaffaatti barate. Barnoota sadarkaa olaanaas Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Muummee Manaajimantii barataa kan ture yoo ta’u, barnootasaa garuu osoo hinxumuriin waggaa afraffaarratti gara Dubaay deeme.

Yeroo ijoollummaasaatti hojiiwwan addaddaa hojjechuun of gargaaraa kan barate Saamu’eel, hojiiwwan kanneen akka kophee qulqulleessuu (liistiroo), gargaaraa konkolaachisaa, ba’aa baachuufi kkfillee hojjetaa akka ture ibsa.

Dhiibbaan jireenyaa kunis barnootasaa sadarkaa olaanaa adda kutee gara Dubaay akka deemuuf sababa akka ta’an kaasa. Kana malees yeroo hiriyootasaa baay’ee ilaalu erga baratee xumuree booda carraan hojii argachuu dhiphaa ta’ee waan itti mul’ateef umuriisaa dargaggummaa kanatti hojjetee ofiifi maatiisaa jijjiiruuf jecha namootarraa qarshii liqeeffatee gara biyya Emereetoota Araba Gamtoomanii, Dubaay deemuu dubbata.

Keessumaa haalli jireenyaa irra ture, of harkaa dhabuun akka biyya fagoo hawwu isa taasiseera. Hawwii qofa osoo hintaane guyyaa namoonni baay’ee hawwiin eeggatan, guyyaa eebbaasaallee osoo bira hinga’iin dhiisee deemeera. Kanaanis keessumaa hiriyoonni isaa inni waliin barataa turaniifi namoonni itti dhihoo isaan qeeqaa turuu kaasee, inni garuu umurii dargaggummaasaa kanaan waan na jijjira jedhee yaade hojjechuuf murteeffatee karaa hiriyaasaa, Dubaay jiruun gara sana deemuu hima.

“Dubaay fagootti irri isheefi keessi gaafa ilaalamtu gamoowwan mimmiidhagoo hedduu kan qabdu, gamoo guddichi akka addunyaatti beekamu kan keessa jiru, bakkeewwan bashannanaa hedduu kan qabdu, daandiiwwan ajaa’ibsiisoon kan keessatti hojjetaman, konkolaataawwan qaalii magaalittii keessa akka bishaanii kan yaa’anidha. Wanti achi erga ga’anii argan garuu ulfaataadha. Aduun isaa illee garmalee cimaadha” jedha.

Akka carraa ta’ee jiini inni gara sana deeme yeroo ho’i aduu cimaa ta’e keessa turuu kaasee, hojiitti bobba’uufis carraadhaan kan murtaa’u yoo ta’u isas kaampaanii ijaarsaa ‘Tiger’ jedhamutti ramadamuu hima. Hojii ijaarsaa kanas aduu cimaa namni danda’ee keessa hindeemne keessatti haala ulfaataa ta’een hojjetaa turuu eeree, ji’atti mindaansaa diraama 900 ta’us, sababa waraqaa eeyyama jiraattummaa hinqabneef diraamni 800 isaaf kaffalamaa akka ture dubbata.

Hojiin hojjetamu isuma akka biyyaa hojii guyyuudhaan hojjetamee namaa kaffalamuun adda akka hinjirre kan himu Dargaggoo Saamu’eel, erga barnootasaa adda kutee achi deemee garuu sababa kamiinuu boodatti deebi’uu waan hinbarbaanneef ciniinnateedhuma hojicha hojjechuu ittifufuu ibsa.

“Waan ta’e hunduma keessatti kanin baradhe, jireenyi biyya ofis ta’e biyya ormaa kaayyoo ofiif of kennaniin, uumaa ofii yaadachaa yoo hojjetan jijjiiramuun akka jirudha. Jireenya Dubaayirraa ammoo biyyattii akkuma gamoowwan, konkolaatawwaniifi daandiiwwan mimmiidhagoo jiran waa hundi akkuma sana ta’uu dhabuudha. Hojiiwwan daran ulfaatoof gatii nama kanfalchiisan jiraachuusaanii hubadheera” jedha.

Dargaggoonni jireenyasaarraa haala kam keessatti, gadi bu’uufi ol ka’uu keessatti uumaa ofii galateeffachuufi obsuu akka baratan kan himu Dargaggoo Saamu’eel, inni gaafa namarraa qarshii guddaa liqeeffate gara sana deeme karoorawwan guguddaa qabatee ta’uu kaasa. Bor milkaa’ee jireenya gaarii akka jiraatuufi deebi’eellee harka qalleeyyii akka gargaaru amantaa qabaachuu hima.

Kanaaf akkuma “Erga mana eeganii sareef qoricha qotu” jedhamu waan ni ta’a jedhanii godhaniif hamma dhumaatti cimanii dhaabachuu akka barbaachisuufi keessumaa araada kamirraallee bilisa ta’anii kaayoo ofii ilaalaa jiruu ofii gaggeeffachuu akka barbaachisu gorsa.

Yeroo baay’ee ulfaataa Dubaayitti dabarse keessaa kan yaadatu yommuu nutti himus, yeroon ho’i Magaalaa Dubaay digrii seelsheesii 48 qaqqabee ture haalli itti hojjetaa turan daran dadhabsiisaa turuu kaasa. Garmalee dafqaa, huccuusaanii ofittii baasanii cuunfaa hojjechaa kan turan yoo ta’u, akkasaan hojii adda hinkunneefillee hoggantoonnisaanii qaamaan dhabatanii akkasumas kaameeraadhaan isaan hordofaa turan sana yoomillee akka hindaganne kaasa.

Egaan haala kanaan osoo jiruusaa gaggeessaa jiruu guyyaa tokko wanti abjuusaa bara dheeraa milkeessuuf isa mudachuu kan himu Dargaggoo Saamu’eel waan mudates akka carraatti osoo hintaane, yaadnisaa guyyaa itti milkaa’e ta’uu kaasa.

Guyyicha yommuu hojiidhaa ba’anii bakka bultiisaanii deeman konkolaataan daran ammayyaawaa ta’e balbala bakka hojiisaanii dhaabachuu ibsee, innis dinqisiifannaadhaan dhaabatee ilaaluu hima.

Konkolaachisaanis keessaan waan isa argaa tureef karaa foddaa of ilaalee gad buusee maal akka ilaalu gaafannaan konkolaataa biyyasaatti argee hinbeekne waan argeef dinqisiifannaadhaan ilaalaa jiraachuu itti himuu ibsa. Konkolaachisichis keessa seenuu yoo barbaade akka seenu affeerraan huccuunsaa waan qulqulluu hinturreef seenuu didu kan himu dargaggeessi kun, konkolaachisichi garuu “Konkolaataan namarra hincaalu seeni” jechuun keessa seenuu ibsa.

“Yeroo sanatti kabaja inni namaaf qabu baay’ee na ajaa’ibe. Yommuun seenee inni ariitiidhaan oofu nan sodaadhe; nan gammades. Baay’ee kolfeen akka na buusu gaafadhe. Innis dhaabee nagaa na gaafate na buuse. Gaafan bu’us gaaf tokko konkolaataa akkanaa akkan bitadhu itti himeen abdii horadhee bu’e. Hamma kana keessatti viidiyoo waraabaa jiraachuusaa homaa quba hinqabuun ture. Innis isa waraabe inistaagiraamisaarratti gad lakkisee namoonni miliyoona tokko caalan ilaalaniiru” jedha.

Guyyoota shan booda namni lammii Kaameeruun Iriiki jedhamuufi hojii moodeelingii Dubaayitti hojjetaa jiru, namicha viidiyoo sana maxxanse akka isa wal agarsiisuuf gaafachuu kan himu Saamu’eel, nama sanaan garuu akkanumaan adda ba’uu malee teessoollee akka walhinjijjirre hima. Lammiin Kaameeruun kunis bakka hojiisaa iyyaafate dhufuun viidiyoo waraabame itti agarsiisuun bilbila waljijjiiranii, guyyaa biraaf wal beellamanii adda ba’uu ibsa.

Guyyaa beellamasaas walarganii beeksisa hojjechuufi suurawwan modeeliingii ka’uusaanii eeree, suura inniifi Iriiki ka’aniis inaastigiraami irratti maxxanfamee jaalattoota hedduu argachuusaafi tarree suura modeelistoota biyya Dubaayitti makamuu ibsa. Sana booda waadaawwan hojii baay’inaan kan seenameef ta’us hanga yoonaa beeksisawwan lama hojjechuu, carraa barnootaa, eeyyama waraqaa jireenyaaf kanfalachuu danda’uusaa hima.

Fuuldurattis hojiiwwan hedduu hojjechuuf karoora kan qabu Dargaggoo Saamu’eel ammallee deeggarsi namootaa akka isa barbaachisu kaasa.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

 

 

 

Recommended For You