“Itoophiyaan ulaa galaanaa karaa nagaa akka argattuuf hawaasni addunyaa tumsuu qaba”- Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: “Itoophiyaan ummata miliyoona 130 ol qabatteefi Galaana Dimaatti dhihoo taatee sararri naannawaashee cufamee mana hidhaa keessa jiraachuu hinqabdu, barri gaaffiin ulaa galaanaa cubbuu ittita’e darbeera. Ta’us Itoophiyaan Galaana Diimaaf jecha fedhii Eertiraa weeraruu hinqabdu” jechuun Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) walga’ii idilee 21ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti gaaffiifi yaada miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebiifi ibsa dheengadda kennaniin ibsaniiru.

Dhimma kanarratti biyyoota addunyaa waliin wayita mari’atamu dhimmichi sirrii ta’uu kaasanii, biyyi baay’ina ummataa akka Itoophiyaa qabaatee ulaa galaanaa hinfayyadamne garuu akka hinjirre himu. Dhimmichi garuu qabamuu kanqabu marii, haasaafi qajeelfama kennanii fudhachuun ta’uu akka qabuufi akka waldhabdee keessa hingalamneef ofeeggannoo barbaachisa jechuunis ni eeru. “Itoophiyaan Galaana Diimaaf jettee biyya

kamuu weeraruuf fedha hinqabdu. Ertiraan walqabatee dhimmoota afarfamaa jiraniin ummanni Ertiraa ummata nagaafi misooma barbaaduufi obbolaa ummata Itoophiyaati. Nagaafi misooma waloo ummattoota lamaaniif mootummaan fedhii guddaa qaba. Nuti biyyi kamuu waraana nurratti bana jennee hineegnu. Qophii gahaa waan gooneef waraana nurratti banamuuf yaaddoo hinqabnu” jedhaniiru.

Dhimmi Galaana Diimaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uu kan eeran Doktar Abiyyi, qaamni nagaa barbaaduufi hawaasni addunyaas mirga biyyattiin seeraan qabdu akka fayyadamuu dandeessuuf tumsuu akka qabus gaafataniiru.

Kanneen dhimmi Galaana Diimaa abjuu bira hinga’amnedha jedhan jiraachuu kaasanii, abjuu guddinaafi badhaadhina dhugoomsuuf karri galaanaa murteessaa ta’uusaatiin hunduu tumsuu qaba jedhu.

Ijaarsa Hidha Guddichaa ilaalchisuun akka ibsanitti, daa’ima gadameessa keessa tureefi, nama awwaala keessa turerraa kan hafe lammiin Itoophiyaa hundi umrii, korniyaa, sabummaa, aadaafi addaddummaan kamuu osoo adda isaan hinqoodiin tokkummana kan irratti hirmaatan, Itoophiyaarra darbee biyyoonni Afrikaaf illee kan ittiin dhaadatan galmeen xiiqii hidha haaromsaa seenaa ta’ee dhaabachuufi jiraachuusaa labsuuf guyyoonni 180 qofti akka hafe dubbatu.

“Hidhi haaromsaa Afrikaanonni kan ittiin boonan, waldanda’uun Afrikaanootaa kan ittimul’ate, dogoggorri kan ittisirreeffame, kufaatiin keessoos kan ittisirreeffame, bishaan meetiriik kiyuubii biliyoonni 74 kan ittiinqabameefi maddi humnaa olaanaa kan itti omishamudha. Afrikaanoonni liqaa yoo dhowwataman, dhiibbaan dippilomaasii yoo irra ga’e, qabeenya ofiisaanii ofiisaaniitiin misoomsuufi jijjiiruu akka danda’an gochaadhaan kan itti agarsiisaniidhas” jedhaniiru.

Eebba pirojektichaaf ji’oonni ja’a kan barbaachisaniif qophiin waan barbaachisuufi, naannawaan isaa ho’aa ta’uusaatiin bokkaan gannaa waan barbaachisuuf ta’uu eeranii, hidhichi jalqaba waggaa dhufuurratti seenaa ta’ee kan darbu ta’uu himu. Hidhichi gargaarsi ykn liqiin qarshii tokkollee biyyoota alaarraa osoo hinargamiin kan ijaarame, ijaarsisaas qormaatiwwan hedduun kan ittimul’ate ta’uu ibsu. Waa’een maallaqaafi dhiibbaa biyya alaa akka jiruutti ta’ee meeshaaleen ijaarsaaf barbaachisan bitamanii erga biyya seenanii geejjibsiisuun ulfaataa turuu kaasanii, meeshaalee kanneen Buufata Galaanaa Jibuutiirraa hanga bakka hidhichaatti geessuuf yeroo hanga ji’oota lamaafi walakkaa qaamolee nageenyaan eegamee geejjibsiifamaa turuu himu.

Ministira Dhimma Alaa duraaniifi Shuumii Nageenyaa Misir waliin yeroo lama mariin taasifamuu kan eeran Doktar Abiyyi, marii kanaanis kaayyoon Itoophiyaa inarjii omishuu ta’uufi Misiriin miidhuu akka hinbarbaanne jechuusaanii ibsu.

“Abdulaaziz Alsiisiif, yommuu hidhi haaromsaa guutu hidhi Asuwaan liitirii tokkollee akka hinhir’ifne ibsuufii himanii, amma hidhi Abbayyaa guutee yeroo jirutti Asuwaanis guutee jiraachuufi wanti hir’ate tokkollee akka hinjirree eeru.

Misir waliin mariidhaan waliin hojjechuu akka barbaachisu amantaasaanii ta’uu kan himan ministirri muummichaa, yommuu waliin hojjetan biyyoonni lamaan fayyadamoo akka ta’an kaasu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

Recommended For You