
Bu’uuraalee misoomaa hawaasaaf murteessaa ta’an keessaa daandiin isa tokko ta’uun ni beekama. Ta’us, akkaataa barbaadameen misoomuu dhabuurraa kan ka’e hawaasni baasii hinmalleef, gaaga’ama dinagdeef, tajaajila hawaasummaa garagaraaf akka saaxilamuufi omishasaa gatii gadaanaan akka gurguru kan dirqisiisudha.
Fedhiin misooma daandii akka biyyaattis ta’e akka Oromiyaatti hawaasarraa ka’u hedduu ta’us, gaaffii ummataa kanaaf deebii quubsaa laachuuf mootummaan humna qabuun socho’aa jira. Gama kanaan carraaqqii kanaan dura taasifamaa tureenis milkaa’inoonni jiran kan abdii namatti horan yoo ta’u, daandiin saffisaa Baatuu – Nageellee Arsii isa tokko.
Daandiin saffisaa kun erga eegalee waggaa torbaa lakkoofsisus dhaabbileen ijaarsicha fudhatan sababa garagaraa uumuun xiyyeeffannoo kennuu dhabuun madda komii hawaasaa ta’ee tureera.
Dheebuu misooma daandii kana furuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjetaa kan ture yoo ta’u, liqaa baankii addunyaarraa argame qarshii biliyoona 4.689n ijaarsa daandii saffisaa kanatti seenuun yeroo ammaa dhibbantaa 85 qaqqabuu danda’eera.
Misoomni daandii saffisaa Baatuu-Nageellee Arsii fageenya kiiloo meetira 57.1 kan haguugu yoo ta’u, bajata ramadame, qulqullinaafi yeroo qabame keessatti xumuruuf humna guutuun hojjetaa jiraachuu Bulchiinsa Daandiwwanii Itoophiyaatti Ittigaafatamaan Sagantaa Ijaarsa Daandii Saffisaa Pirojektii Bulchiinsa Daarektoreetii Hawaasaa Injinar Addis Hiwoot Taaddasaa nidubbatu.
Xiyyeeffannoo mootummaan kenneen dhaabbanni ijaarsaa biyyaalessaa (CCCC) (Kaampaanii Ijaarsaafi Kominkeeshinii Chaayinaa) abbummaan fudhachuun hojjetaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaatti dhibbantaan 85 xumuramuu eeranii, dheebuun misooma daandii hawaasichaa hammam hammaataa akka ta’e keessa turanii arguufi hawaasni omishasaa gatii madaalawaan gurgurachuu dhabuun dhamaatii isaanii gatii dhabsiisaa turuu kaasu.
Haata’u garuu, kutannoo siyaasaan hordoffiifi deeggarsa mootummaan taasisaa jiruun yeroo ammaa daandiin saffisaa Baatuu-Nageellee Arsii fageenya kiiloo meetira 57.1 qabu kun gara xumuraarra jiraachuu kaasu.
Akka ibsasaaniitti, liqii baankii addunyaarraa argame qarshii biliyoona 4.689 saffisaafi qulqullinaan xumuraaf dhiyaachaa jira. Akkaataan amma itti ijaaramaa jiru kanaan daandiin saffisaa kun ittifufnaan hanga Hagayyaatti ni xumurama jedhamee eegama. Tarii jijjiirama seera bulchiinsa lafaan walqabatee dhimmoonni beenyaan walqabatan yoo hudhaa ta’aniin alatti yeroo qabame keessatti xumuruun tajaajila hawaasaaf banaa taasisuuf humna guutuun hojjetamaa jira.
Hudhaaleen beenyaan walqabatanii ka’an kunniin sadarkaa aanaarra kaasee hanga naannootti waldubbisuun osoo hojjetame yeroo qabameefii keessatti xumura kan argatu ta’u himanii, harkifannaa gama kanaan mudatuun waggaa tokko fudhachuu akka dandahu akka tilmaamamu dubbatu.
Pirojektiin daandii saffisaa Baatuu -Arsii Nageellee kun qaama misooma daandii saffisaa Moojoo Hawaasaa boqonnaa lammaffaa kutaa 3ffaa ta’u kan himan Injinar Addis Hiwoot godina Shawaa Bahaafi Arsii Lixaa kan walquunnamsiisu daandii saffisaa biyyaalessaa Finfinneerraa ka’ee Mojoo-Mooyyalee-Laamuu Mombaasaa walquunnamsiisuudha.
Ijaarsi daandii kanaa hawaasa omishaafi omishtummaa fuduraafi muduraalee garagaraan badhaadhe fayyadamummaasaa akka mirkaneessu kan godhu, kana malees Baatuun giddugala hawwata turistii taatee osoo jirtuu rakkoo daandiin galiin damee turizimiirraa eegamu akka hindaballe hudhaa ta’aa turuu komii ummataarraa ka’aa turerraa hubadheera jedhu ittigaafatamichi.
Yeroo ammaatti hudhaa hawaasa kana furuurra darbee omishaasaanii gabaa Arsiittis ta’e Finfinneetti yeroo barbaadame keessatti dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuurra darbanii dinagdeen akka of ijaaran akka isaan taasisu himanii, miirri gammachuu hawaasa naannichaarra dubbifamu kan nama onnachiisu ta’uufi yeroo dheeraaf misoomuu dhabuusaarraa kan ka’e dinagdeensaanii hubamuu akkasumas, gaaga’amni balaa tiraafikaa hedduullee isaan miidhuu ibsu.
Godina Shawaa Bahaatti jiraataa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa Ganda Dastaa Abijaataa kan ta’an Obbo Durree Roobaa, umrii har’a ga’anii misooma kanarraa qooddachuun isaanii daran isaan carroomsuu kaasanii, kanaan dura qonnuma qotuurra kan darbe bu’aa omisha isaaniirraa galii gahaa argachaa akka hintuurre himu.
Kanaaf sababa kan ta’e immoo mijachuu dhabuu daandiirraa kan ka’e rakkoon geejibaa waan tureef gatii gadibu’aan ganduma keessatti gurguraa turuu eeranii, naannawichi omisha fuduraafi muduraan kan guutame ta’us saffisaan gabaaf dhiyeessuu waan hindandeenyeef isaan harkatti tajaajilaa ala ta’aa, baasii hinmalleef isaan saaxilaa turuu ibsu.
“Daandiin dur ture kun dhiphaafi caccabaa waan tureef Finifinnee gahuuf sa’atii torba nutti fudhata ture. Kanarraa kan ka’e tajaajila saffisaa argachuu dhabuun haadholiin da’umsaaf yoo geejibsifaman lubbuusaanii dhabaa turan. Kana malees rakkoo geejibaarraa kan ka’e bajaajiitti fayyadamuuf dirqamaa turre. Kanaan walqabatee balaa konkolaataa qaqqabaa tureen lubbuun namoota hedduu gaaga’ameera” jedhu.
Gaaga’umsi dinagdees ta’e miidhaan qaamaafi lubbuu balaa tiraafikaan qaqqabaa ture kun yeroo dheeraaf waan tureef oliif gadi socho’anii of jijjiiruurratti akka harkifatan isaan taasisuu dubbatu.
Amma garuu isa du’etu bade malee yoo Rabbi jedhe iji keenyi raajii, gurri keenya aaga dhagahuutti jira. Ijaarsi daandii saffisaa Baatuu- Nageellee Arsii abdii dinagdeen namaa itti bayyanatu ta’ee mul’ata. Misoomni daandii kun dinagdee keenya laamsha’ee ture bayyanachiisuun alatti qonnaan bulaan ooyruunsaa daandiirra oole beenyaa gahaa argatee dinagdeen isaa akka cimu taasiseera” jedhu.
Ilmaan keenya abbaa konkolaataa abbaa bajaajii, abbaa mana jireenyaa gaarii ta’aniiru kan jedhan qonnaan bulaan kun kana dura kan namaa ilaaluun alatti waa of harkaa akka hin qabne kaasu.
Kan mana citaa keessa jiraachaa ture gamoo ijaarrateera,kan maallaqa geejibaa of harkaa hinqabne ture abbaa konkolaataafi bajaajii ta’eera kun hundi eebba rabbi nubadhaase waan ta’eef mootummaa jijjiiramaa kana galateeffanna jedhu.
Sosochiin misoomaa garagaraa daandii dabalatee gaggeeffamaa jiru akka naannoottis ta’e akka biyyaatti jiruuf jireenya qotee bulaa jijjiiruu keessatti bakka olaanaa kan qabu akka tae ibsanii misoomichi cimee akka itti fufuuf hawaasnis mootummaa duukaa bu’ee hojjechuun yeroosaatti fayyadamuu akka qabu kaasaniiru.
Daragaggoo Fayyisaa Dastaa konkolaachisaa yoo ta’u, yeroo dheeraaf Finfinneefi Saashamannee gidduu hojjetaa turuu kaasa. Turtii waggaa dheeraa daandii kanarratti dabarseen qonnaan bulaan dinagdeenis ta’e hawaasummaaan rakkoof saaxilamaa akka ta’e dubbata.
Daandiin qalloo magaalota garagaraa Baatuu hanga Shaashamanneetti walquunnamsiisu tajaajila geejibaa hedduu keessumsiisuu dadhabuun omishawwan yeroon gabaatti akka hinbaane taasisuun qonnaan bulaan kufaatii dinagdee keessa akka seenu taasisuu hima.
Kana malees balaa tiraafikiin nama dabalatee beeladoonni qonnaan bulaa dhuma turuufi tajaajilli hawaasummaa si’ataa ta’uu dhabuun haadholiin karaatti du’an hedduu ta’uu kaasee, gama nageenya konkolaataatiinis karaan dur ture caccabaa waan ta’eef konkolaataan tajaajila ala ta’aa turuu hima.
Konkolaataa daandicharratti tajaajila ala ta’e kana suphisiisuuf wayita deemanis qarshii kuma dhibbaan lakkaa’amu akka gaafataman ibsee, rakkoo kana jalaa dheessuuf ammoo abbootiin qabeenyaa hojii biraatti bobbahuun hawaasni naannawichaa tajaajila barbaachisu akka hinarganne sababa ta’aa turuu dubbata.
Kanamalees, daandii caccabaa ta’uun walqabatee yeroo dheeraa bu’aa ba’iif saaxilamoo waan ta’aniif boba’aa hanga qarshii kuma afurii akka isaan gaafatu eera.
Yeroo ammaatti garuu ijaaramuun daandii saffisaa Baatuu- Nageellee Arsii karaa sadarkaasaa eeggateen dhibbantaa 85 qaqqabuunsaa abbootiin qabeenyaa konkolaattotasaanii magaalaa biroorraa akka as deebisan gochaa jiraachuu ibsa.
Baasiin boba’aaf ba’ufi yeroon dheeraa daandii kanarratti dur dhumaa ture fooyya’insa addaa kan agarsiisu waan ta’eef abdii hawaasaa ta’aa jira jedha.
Walumaagalatti misoomni daandii saffisaa Baatuu -Nageellee Arsii yeroo ammaa dibbantaa 85 qaqqabe kun dinagdee lammiilee kan bayyanachiisu, tajaajila hawaasummaa kan si’eessu bittootaafi gurgurtoota kan walquunnamsiisu utubaa dinagdee ta’ee kan tajaajiludha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017