
Finfinnee: Rakkoon hojii dhabdummaa rakkoo biyyoota guddataniifi biyyoota guddachaa jiranii yoo ta’u dhiibbaa addaddaaf kan namaa saaxiludha. Keessumaa hojidhabdummaan dubartootaa, dubartoonni hirkattoota akka ta’an, rakkoo xinsammuutiif akka saaxilamaniifi jireenya maatii keessattis ta’ee hawaasaa keessatti murtoo akka hinmurteessine isaan taasisa.
Qorannoon dhimma kanarratti dhiyeenya taaasifame akka mul’isutti, hoji qabaachuun dubartootaa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin faayidaan inniqabu olaanaa ta’us, Itoophiyaa keessatti lakkoofsi dubartoota hojii qabanii kan warra dhiiraatii gadi.
Akka qorannoo kanaatti Itoophiyaa keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojmaata mootummaan diriirsee hojjechaa jiruun baay’inni dubartoota qacaramanii hojjetanii ykn hojii mataasaanii uummatanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira.
Guyyaa Ayyaana Dubartoota Addunyaa (March 8) baranaa sababeeffachuun hoggantootni mootummaa olaanoo Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee, Aanaa Waddeessaa, dubartoota Giddugala Buddeenaa Koyyeetti gurmaa’anii hojjechaa jiran daawwataniiru.
Walitti qabduun giddugalichaa Aadde Tigisti Boggaalaa yaada Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, dubartootni gurmaa’anii giddugalicha keessatti hojjechaa jiran kunneen dubartoota kanaan dura hojii hinqabne, gariinsaanii warra mana namaarra deemuun uffata miiccaa turaniifi gariinsaaniimmoo qorqalbiisaanitii jecha hojiin qaba jedhanii manaa bahuu warra dheebochaa turaniidha.
Giddugalichatti dubartoota kanneen hojii jalqabsiisuuf qaamotni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran yaada hojichaa fiduurraa kaasee baay’ee dhama’uusaanii himu.
“Sheedii keessatti hojiin kun jalqabamee kan ijaare bulchinsa aanaati, yeroo hojicha jalqabnu sararri ibsaa duraan ture humnisaa humna nuti fayyadamnuu gadi waan ta’eef nujalaa gubatee bulchiinsi aanichaa qarshii kuma 650 baasii godhee nuuf jijjiirsise. Haaluma walfakkaatuun hojii keenyaaf tiraanisfoormarii humna qabu waan nu barbaachisuuf mootummaan qarshii miliyoona 1.8n tiraanisfoormarii haaraa nuuf dhaabe” jedhu.
Eelee ammayyaafi maashina bukoo bukeessus mootummaan bitee leenjii barbaachisuuf isaanii kennee hojiitti isaan galchuu eeranii, seenaan seenaadhaan jijjiiramee yeroo ammaa waliigalatti guyyaatti buddeena kuma shanii ol raabsuun galii qarshii kuma 125 ol argachaa jiraachuu himu.
Adeemsa gurmaa’inaa Waxabajjii bara 2016rraa jalqabuun ji’oota jaha keessatti haaldureewwan barbaachisan hunda xumuruun erga hojii eegalanii ji’a lama qofa ta’uu kaasanii, ji’oota muraasa keessatti hanga kana hojjechuun yoo danda’ame waggaa tokko yommuu guutan hagam hojjechuun akka danda’amu tilmaamuu akka nama dhibu dubbatu.
Giddugalicha keessa waldaalee 72 tokkoon tokkoosaanii kan namoota shan ofkeessatti hammatan walumaagalatti, dubartoota 360 gurmaa’anii hojjechaa jiraachuu kan himan Aadde Tigisti, giddugalichi guyyaatti buddeena kuma 20 omishanii rabsuuf karoorfatanii ji’oottan lamaan darban keessatti guyyaatti buddeena kuma shan raabsaa jiraachuu kaasu.
Dhiyeenya hojiitti galuurraan kan ka’e gabaa hanga barbaadamu argachuu waan hindandeenyef hammi buddena giddugalichi guyyaadhaan omishee raabsuu karoorasaanii ta’uu yaadachiisanii, qaamotni mootummaa waldicha hojiitti galchan akkuma kanaan duraa ammas giddugalichaaf walitti hidhamiinsa gabaa uumuun deeggarsa akka taasisan gaafatu.
Kaayyoo gooroon giddugalichaa buddeena qulqulluu lammiileedhaaf dhiyeessuu ta’uu eeranii, dabalataanis buddeena gara alaatti erguuf qophiilee barbaachisan taasisaa jiraachuu kaasu. Giddugalichi humna namaa guutuu, bu’uuraalee misoomaafi galteewwan barbaachisoo kana gochuufis isa dandeessisu guuttachuufi teknolojiiwwan dabalataa barbaachisanis bitatee guuttachuuf humna waan qabuuf giddugalicha gara aksiyoonaatti guddisuufis qooda fudhattoota waliin mari’atamaa jiraachuu himu.
Barreessituun giddugalichaa Aadde Leensaa Xibabuu gamasaanitiin akka jedhanitti, giddugalichi bajata gaggeessituu hojiif kan oolu karaa Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii, dhaabbata mitimootummaarraa qarshii miliyoona 2.8 argateera. Giddugalichi humna elektirikii guddaa waan fayyadamuuf sheedicha keessattis ta’ee naannawaa sanatti ho’i guddaan uumamaa waan jiruuf ventileetara dhiyeessuun ammallee deeggarsi taasifamuu qaba.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017