“Godinichi bonaafi gannaan qamadii biyyaafuu ga’u omishaa jira”- Obbo Hirphaa Dhaabaa, Bulchaa Ittaanaa Godina Arsii “Godinichi bonaafi gannaan qamadii biyyaafuu ga’u omishaa jira”- Obbo Hirphaa Dhaabaa, Bulchaa Ittaanaa Godina Arsii

Jijjiiramaa as wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun dhimmoota ijoo keessaa isa tokkoofi xiyyeeffannoo mootummaa jijjiiramaati. Sirnoota darban keessatti biyyi seenaa dheeraa, ummata guddaafi lafa bal’aa qabdu Itoophiyaan addunyaa biratti fakkeenya beelaafi hiyyummaan eeramaa turte.

Biyyi kun birmadummaashee kabachiisuun ummata gurraachaaf mallattoo birmadummaa taatus hiyyummaa injifachuun garuu yeroo dheeraa itti fudhateera. Mootummaan jijjiiramaa biyyattii birmadummaa rogaawwan maraa akka gonfattuuf omishtummaa dabaluurratti hojii bal’aa hojjeteera, hojjetaas jira. Waggoota muraasa keessattis qamadii alaa galchuurraa gara alatti eerguutti ce’uun danda’ameera.

Omisha qamadiin godinaalee Oromiyaa potenshaala olaanaa qaban keessaa Godinni Arsii isa tokko. Godinni kun bara darbe qamadii kuntaala 700 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuu danda’eera. Gaazexaan Bariisaas sochii misoomaa qonnaafi kenna tajaajilaa ilaalchisee turtii Bulchaa Ittaanaa Godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseeraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Godinni Arsii bulchiinsota magaalaa, aanaaleefi gandoota meeqa qaba?

Obbo Hirphaa: Godinni Arsii aanaalee 25, bulchiinsota magaalaa sadiifi gandoota 584 qaba.

Bariisaa: Hojiin misooma qonnaa 2017 maal fakkaata?

Obbo Hirphaa: Galatoomaa, barana waliigalaan lafa hektaara kuma 930 ol qotamerraa akaakuuwwan midhaan garagaraarraa callaa kuntaalli miliyoona 30 ol argameera. Lafa hektaara kuma 930 ol qotame keessaa qamadii qofti lafa hektaara kuma 452 yoo ta’u; callaan argames kuntaala miliyoona 16.2 oli. Godinni kun potenshaala akaakuuwwan midhaan garagaraa omishuu olaanaafi haala qilleensa mijataa qaba.

Bariisaa: Sochiin qamadii jallisii godinichaa maal fakkaata?

Obbo Hirphaa: Barana aanaa tokkorraa kan hafee aanaalee godinichaa 24 keessatti qamadiin jallisii bonaa qotameera. Godinni kun bishaan lafa jalaa heddumminaan qabaachuu cinatti lafa mijataa waan qabuuf keessattuu omisha qamadii bonaaf daran kennataadha. Haaluma kanaan lafa hektaara kuma 236 ol sanyii qamadii bonaatiin uwwifamerraa callaan kuntaalli miliyoona 10.6 argachuuf karoorfamee bakkawwa tokko tokkotti sassaabbiinsaas eegalameera.

Omishaafi omishtummaa dabaluuf aadaan makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuu qonnaan bultootaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira. Qonnaan bultootaaf haalli mijatee callaan kombaayinaraan sassaabamaa waan jiruuf qisaasamni callaa ture daran hir’ateera. Omishtummaa olaanaa jiruun walqabatee jireenyi qonnaan bultootaa fooyya’uu qofa osoo hintaane qonnaan bultoonni hedduun gara invastimantiitti ce’aa jiru.

Qamadii alatti ergame keessattis ta’e qamadii gabaa giddugaleessaaf dhiyaataa tureen qoodni Godina Arsii daran olaanaadha. Bara darbe dhiyeessiin xaa’oo hanga tokko hanqina qabaatus barana xaa’oon dursee biyya galaa waan jiruuf hanqinichi furamuu mala.

Bariisaa: Gatii qamadiin walqabatee yeroo baay’ee qonnaan bultoota godinichaa biraa komii ka’aa ture akkamiin furuu yaaddan?

Obbo Hirphaa: Omishtummaa olaanaan jiraatus gatiidhaan walqabatee komiin qonnaan bultoota biraa ka’aa jiraachuun sirriidha. Bara darbe qamadiin kuntaalli tokko hanga qarshii 6000tti gurguramaa ture. Barana ammoo qamadii gaariin yoo guddate hanga qarshii 5100tti gurguramaa jira.

Gama tokkoon qaala’iinsa gatii hir’isuuf omishtummaa dabaluun furmaata ta’uun itti amanamee hojjechuun gatiin akka qamadii akka gad bu’u ta’eera. Qamadiin alattis gatii xaafii godinichatti qaala’ee ture waan omishtummaan dabaleef yeroo ammaa gatii xaafii kuntaalatti hanga qarshii 8000 hanga 9000tti gadibuusuun danda’ameera.

Gama kaaniin gatii hanga tokko fooyyessuuf walitti hidhamiinsa gabaarratti hojjetamaa jira. Kanaaf walitti hidhamiinsa gabaafi sona dabaluun gatii gaarii akka argatan irratti hojjetamaa jira. Fedhiifi deeggarsi mootummaas gama kanaan olaanaadha. Komiin qonnaan bulaa biraa gatiin walqabatee ka’u hundeerraa furamuu baatus sochii taasifameen jijjiiramni jira.

Bariisaa: Rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuun kenna tajaajilaa ammayyeessuurratti hojiin hojjetame maal fa’i?

Obbo Hirphaa: Akkuma godinaalee Oromiyaa biroo godina keenya keessattis rakkoon bulchiinsa gaarii ni jira. Keessattuu sektaroota akka geejibaafi waajjira lafaatti rakkoon bulchiinsa gaarii kenna tajaajilaan walqabatu jiraachuu qorannoo taasisaniin adda baasuun tarkaanfii seeraa fudhataniiru.

Tarkaanfiin fudhatame kunis of eeggannoo afaan, barreeffamaa, bakkarraa gadibuusuufi hojiirraa gaggeessuuti. Ulfaatina badii dalaganiirratti hundaa’ee kanneen mana amala sirreessaa galanis ni jiru. Kana malees, buusii Buusaa Gonofaan walqabatee namootni maallaqa dabalanii qonnaan bulaarraa maallaqa dabalataan sassaaban akka jiran bira ga’amee akka sirratu taasifameera. Tarkaanfii fudhatameen walqabatee komiin maamiltootaa hir’achaa dhufus ammayyuu hojii bal’aatu hafa.

Bariisaa: Namootni rakkoo bulchiinsa gaarii uuman kunneen sababnisaanii haqina hubannootiin moo rakkoo ilaalchaatiin walqabata?

Obbo Hirphaa: Gaariidha, namootni rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irrajireessaan rakkoo ilaalchaan dhiibamanii yommuu ta’u, kanneen hanqina hubannoo qabanis jiru. Rakkoon ilaalchaa akka godinaafi naannootti qofa osoo hintaane akka biyyaattuu qormaata hamaadha.

Rakkoon nageenyaafi hanni biyya qoraa jiru baay’eensaa rakkoo ilaalchaa badaa biyyaaf jirurraa madda. Rakkoo uumamaanis ta’e namtolcheen mudatu hunda mootummaa qofatti maxxansuun hojii kuffisuun bal’inaan mul’ata. Gama tokkoon ilaalcha biyyaalessaa gonfatanii ittigaafatamummaa ummataafi mootummaa ba’achuu dhabuunis bal’inaan calaqqisa.

Walumaagalatti, namootni baay’een sirni itti gaafatamummaa akka hin jirretti lakkaa’uun abbaa dhimmaa deddeebisuufi qajeelfama hordofuu dhiisuun to’annoofi hordoffii taasifameen erga adda ba’anii booda tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatameera. Gama kaaniin ammoo namoota hanqina hubannoon walqabatee rakkoo bulchiinsa gaarii uumaniif leenjiilee gaggabaabaafi dheeraan hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kennameera, kennamaa jiras.

Bariisaa: Akka godina keessaniitti hojiirra oolmaan caasaa gandaa haaraan akkamiin ibsama?

Obbo Hirphaa: Gandoota muraasarraa kan hafe gandoota godinichaa baay’eetti caasaan gandaa gadibu’ee guutummaatti hojiirra ooleera. Ijaarsi waajjira gandaafi manneen jireenyaa hoggantoota gandoota baay’eetti raawwatameera, kanneen ijaaramaa jiranis jiru.

Bariisaa: Jijjiirama sirni caasaa gandaa akka godinichaatti qabatamaan fure maal fa’i?

Obbo Hirphaa: Kanaan dura ummatni godinichaa, keessattuu kan baadiyyaa tajaajila si’ataafi ittiquufiinsa qabu argachaa hinturre. Imaammataafi tarsiimoo mootummaa qixa sirriin hubatanii ummata hubachiisuufi hojii qabatamaatti hiikuurratti qaawwa guddaatu ture. Gama biraatiin gandi caasaa mootummaa ummata tajaajilu ta’uunsaa sadarkaa irraanfatamutti mooraa dhabuun ala bakka hojiif mijatu hinturre. Ummatni dhimmasaa furachuuf yeroofi maallaqasaa qisaasessee kan daandii fagoo imaluuf dirqamaa tureera.

Har’a garuu waajjirri gandaa haala hawwataa ta’eefi bakka hojii mijataa ta’een ijaaramuu qofa osoo hintaane hoggansi ga’umsaan hawaasatti dhiyaatee gaaffii hawaasarraa ka’aa tureef deebii hatattamaa kennaa jira.

Ijaarsi bu’uuralee misoomaa kanneen akka daandiiwwaniifi riqaalee hirmaannaa hawaasaatiin raawwatamaa jira. Komiifi gaaffiin ummataa sadarkaa gandaatti waan furamuuf dhimmi gara godinaa dhaqu daran xiqqaachaa dhufeera.

Hoggansi naannoo sadarkaa godinaatti, hoggansi godinaa sadarkaa aanaatti, kan aanaa ammoo gandatti galee deeggaruusaatiin haalli kenniinsa tajaajilaa yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa argamsiiseera. Haa ta’u malee, kenna tajaajilaa ittiquufiinsi ummataa mirkanaa’e hundeen lafa qabsiisuuf fuuldurratti hojii bal’aan kan hojjetamu ta’a.

Bariisaa: Rakkoo meeshaalee sadarkaa gandaatti jiru furuuf sochiin taasifame akkamiin ibsama?

Obbo Hirphaa: Godinni meeshaalee barbaachisoo hunda hanga humni eeyyametti walitti qabuun gandootaaf gumaachuu danda’eera. Haaluma kanaan kompiiyutaroota adda addaa, teessoo, doqdoqqeefi meeshaalee biroo sektaroota godinaarraa walitti qabuun gara gandaatti akka bu’an taasifameera.

Bariisaa: Rakkoon nageenyaa darbee darbee godinichatti bakka tokko tokkotti mul’atu qolachuuf hoo maalfaatu hojjetame?

Obbo Hirphaa: Kana duraa sababa rakkoo nageenyaatiin walqabatee ummatni karaarraa waan butamuuf Asallaa ka’anii Adaamaa galuun waan yaadamu hinturre. Amma garuu ummatni godinichaa sadarkaan jiru gurmaa’uun akkasumas gaachana sirnaan ijaaramuun waan nageenyasaa tikfateef jijjiiramni guddaan argameera. Abbootiin Gadaafi haadholiin Siinqees ijoollee dogoggoraan bosonatti galan hedduu aanaalee kanneen akka Dugdaafi Zuwaay’faa keessaa gara hawaasaatti akka deebi’an taasisaniiru.

Bariisaa: Haalli nageenya godinichaa sadarkaa gaariirratti akka argamu ibsitaniittu. Amma hoo bakki rakkoo nageenyaa qabu jiraa?

Obbo Hirphaa: Akkuma olitti ibsame nageenyi Godina Arsii haalaa gaariirra jira. Haa ta’u malee, aanaalee tokko tokko bakkeewwan muraasatti sochiin diinaa ni mul’ata. Haaluma kanaan aanaa sirnaa ganda lamatti, aanaa Roobee bakka gammoojjii tokko tokkotti, aanaalee Martiifi Asakoo keessa darbee darbee sochiin diinaa ni mul’ata. Godinicha sochii diinaarraa bilisa taasisuuf ummataafi qaamolee nageenyaa waliin hojiin qindoominaa eegalame cimee akka ittifufuuf kutannoon hojjetama.

Bariisaa: Gaafdeebii nu waliin taasistaniif guddaa galatoomaa.

Obbo Hirphaa: Isinis gara godina keenyaa dhufuun gaafdeebii nu waliin taasisuu keessaniif galatoomaa.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

Recommended For You