
Finfinnee: Festivaalli Artiifi Aadaa lammaffaan Afrikaa Bahaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru tokkummaafi walittidhufeenyaa biyyoota Afrikaa Bahaa kan cimsu ta’uu Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Obbo Tamasgeen Kamisa darbe sagantaa baniinsa festivaalichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti; hedduminni bifaafi calaqqee Afrikaati. Qabeenya aadaa misoomsuuniifi madda dinagdee gochuudhaan ummata Afrikaa ittiin fayyadamaa taasisuutu barbaachisa.
Itoophiyaan ummata biyyoota ollaashee keessa jiraatan waliin hariiroo gaarii qabdi jedhanii; ummatni biyyattii biyyoota naannawaashee waliin qaroomina, seenaa, aadaa, duudhaalee garagaraafi amantii walfakkaataa akka qooddattu himaniiru.
Festivaalichi hariiroo biyyoota kunneenii cimsuu bira darbee qabeenya artiifi aadaa biyyootni Afrikaa Bahaa qaban beeksisuuf carraa guddaa kan uumedhas jedhanii, hariiroo dippilomaasiifi hidhata dinagdee biyyootaas kan jabeessudha jedhaniiru. Damee artiifi Aadaarraa galii argamuu qabu argachuuf biyyootni Afrikaa Bahaa hojjechuu akka qaban eeraniiru. Biyyootni Afrikaa akka hawaasa tokkootti hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.
Ministirri Aadaafi Ispoortii Aadde Showit Shaankaa gamasaanitiin akka jedhanitti, festivaalichi waltajjii waloo biyyoota Afrikaa Bahaaf faayidaa dinagdee olaanaa kanqabuudha.
Festivaalicharratti artiiwwan, aadaan, muuziqaawwaniifi fiilmiiwwan biyyoota Afrikaa Bahaa agarsiifamaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017