
Ispoortiin kubbaa miilaa gosoota ispoortii qalbii hawaasa addunyaa harkisaniifi hordoftoota baay’ee horachuun beekaman jalatti ramadama.Wayita dorgommiin ispoortii kun dirreewwan adda addaatti adeemsifamu ummanni addunyaa ispoorticha jaalatan biliyoonaan lakkaawwaman qaamanis ta’ee karaa miidiyaalee adda addaatiin saganticha ni hordofu.
Akaakuun ispoortii kun eessaafi akkamitti akka jalqabame beekamuu baatus, Ardii Awurooppaa biyya Ingiliziitti akka jalqabame ni himama. Haata’u malee taphni ispoortii qalbii ummata hedduu harkisuun fudhatama olaanaa argachaa kan dhufe Olompikiin Ateens kan ALA bara 1896 adeemsifameedha jedhama.
Adeemsa keessa taphichi guutummaa addunyaarratti babal’achuu danda’eera. Kanumarraa ka’uun ALA bara 1930tti waancaan kubbaa miilaa addunyaa yeroo jalqabaaf biyya Uraagaayitti jalqabe. Biyyattiinis Waancaa ofii qopheessitte achumatti hambifachuun seenaa haarawaa galmeessisuu dandeesseetti.
Waancaan kun erga jalqabamee waggoota 95n kan lakkoofsise yoo ta’u, kan ALA bara 2026 dabalatee yeroo 23ffaaf qophaa’a jedhameetti eegama.
Waancaan kun kanaan dura Ardii Ameerkaa Kibbaa, Awurooppaa, Ameerkaa, Eshiyaafi Afrikaatti qophaa’uunsaa kan yaadatamuudha.
Seenaasaa keessattis biyyoonni Eeshiyaa Jaappaaniifi Kooriyaan kibbaa tokkummaadhaan yoo keesummeessan, addunyaarraa biyyoota jalqabaati jedhameefii ture.
Haata’u malee seenaa kana kan haaromsu waancaa kubbaa miilaa addunyaa 23ffaa ALA bara 2026tti biyyoonni guguddoonni sadan, Ameerkaan, Kaanaadaafi Meeksikoon tokko ta’uudhaan magaaloota isaanii 16tti keesummeessuuf qophirratti argamu.
Waldaan kubbaa miilaa addunyaa “FIFA”n sagantaa baaseen Waancaa kanarratti biyyoonni ardiiwwan jahaa baay’innisaanii 48 ni hirmaatu jedhameeti eegama. Afrikaarraa biyyoonni sagal hirmaachuuf carraa argatus jedhameera.
Seenaa hirmaannaa biyyoota Afrikaa keessatti carraan kun yoo argamu kan jalqabaa ta’usaati.
Waancaa kanarratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa 54 ramaddii sagalitti adda qoodamuudhaan tapha gulaalaa godhachaa jiru.
Qabxiin isaa maxxansaaf nudhaqqabuu baatus ramaddii tokkoffaa keessatti kan argamu gareen Itoophiyaa Waaliyaan kaleessa Morookoo magaalaa Kaassaabilaankaatti garee Misir wajjiin taphateera.
Ramaddii kana keessatti biyyoonni jaha kan argaman yoo ta’u, Misir taphawwan taasifatte saditti mo’attee tokkotti walqixa baatee qabxii 10niin dursaa jirti. Giinii Bisaawu qabxii jahaan, Burkinaafaasoofi Seeraaliyoon garaagarummaa galchiitiin wal caalanii walqixa qabxii shan, shaniin sadaffaafi arfaffaa, Itoophiyaan ammoo qabxii sadiin sadarkaa shanaffaa, Jibuutiin qabxi takkaan sadarkaa dhumaa jahaffaarratti argamu.
Waancaa kubbaa miilaa Adunyaa 23ffaa ALA Waxabajjii 11 hanga Ebla 19 bara 2026 adeemsifamu kanarratti Afrikaa bakka bu’uun biyyoota sagal qofa kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa Waaliyaan tokko ta’uuf carraan isaa taphawwan isa hafan hundattuu mo’achuudhaan kan murtaa’uudha. Kun kan ta’u ramaddicha dursaa kan jirtu Misir dabalatee biyyoonni kunneen yoo qabxiisaanii gatan qofa.Kun ta’aaree laata?
Leenjisaan Waaliyaa Masaay Tafarii osoo gara Morookootti hin qajeeliin ibsa keennaniin akka mul’isanitti, garee cimaa gurmeesineerra. Taphattoota ciccimoo kilaboota liigii biyya keessaafi piroofeeshinaalotaa biyyoota alaatiif taphataniif waamicha gochuun iddo tokkotti shaakala gaarii gochaa tureera. Kanaafuu tapha kanatti waan nurraa eegamu maraa guutuudhaan guyyaa dorgomichaa kanaaf haala gaariidhaan qophofneerra jedhu.
Ijoolleen filataman kunneen waggaa guutuu tapha kubbaa miilaarra waan turanif hundisaanii wal beeku. Wal morkii duraa Misir wajjin taasisneetti dogoggora mataa keenyaatiin 1-0n mo’amnus cinaacha dadhabaa keenya foyyeesuudhaan kan ammaa kanatti ni mo’anna jechuun ibsu.
Akkasumas taphatoonni Waaliyaa qaamaafi sammuunis fayyaa qabeessootaafi qophaa’ota ta’usaanii leenjisaan kun tuqanii, qabxii ummanni keenya nurraa eegu galmeessuuf qophofneerra jedhu.
Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa ALA bara 2029 qopheessuuf Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gaaffii dhiheessuun deebii eeggachaa wayita jiru kana Waaliyaan tapha gulaalaa waancaa Addunyaa kanarratti hirmaachuunsaa carraa guddaadha. Carraa argame kanatti fayyadamuudhaan qabxii nurraa eggamu galmeessuuf qophofneerra jechuun onnee guutuudhaan dubataniiru.
Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afrikaa ”CAF” gaaffii kana fudhachuudhaan mariirratti waan argamuuf Itoophiyaan Istaadiyeemii Adey Ababaa dabalatee kan Baahir Daar, Dirree Dhawaa, Finfinnee, Aqaaqii, Hawaasaafi kanneen biroo hatattamaan akka xumuraman taasisaa jiraachusaas leenjisaan kun ibsanii, Waaliyaans kanuma hubannoo keessa galchuudhaan waancaa kanarratti hirmaachuuf seenaa guddaa hojjechuuf qophaa’usaa addeessaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017