
Finfinnee: Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaafi Biiroon Maallaqaa Oromiyaa dhaabbata ‘Italian Agency for Development Corporation (IACS)’ jedhamuun hojjetamaa turan qooda fudhattoota waliin raawwii hanga ammaatti jiru gamaggamuun dheengadda kallattii fuula duraa kaa’an.
Sagantaan kun pirojektota bishaanii Godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaalee sadii (Wancii, Gooroofi Qarsaa Maallimaa)tti hojjetaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti: Aanaa Goorootti boollawwan gabaabaa 10 qotuun ijaarsisaanii xumuramee walharkaa fuudhiinsi gaggeeffameera. Kanarraa ummanni 5995 fayyadamaa bishaan dhugaatii ta’eera.
Aanaa Wanciitti pirojektiin bishaan dhugaatii tamsaasa qabu Abbaa Maadaraafi Magaalaa Liiban (Cittuu) kan humna soolaariitiin hojjetu guutummaatti xumuramee ummanni 7500 ta’u fayyadamaa bishaan dhugaatii ta’eera.
Aanaa Qarsaa Maallimaatti Pirojeektii “Kersa Mallima Multi Village water supply” ijaarsisaa dhibbantaa 87 irra ga’uufi yeroo ji’a tokko keessatti xumuramee ummata 17,742 oliif tajaajila akka kennus ibsameera.
Karoora ittaanu ilaalchisee Aanaalee Gooroofi Wancii keessatti Pirojeektoota bishaan dhugaatii olguddisuu tokkoofi haaraan tokko akka ijaaramuufi bajanni Yuuroo 74 0,243 murtaa’eera. Gaabasa Raawwii kan dhiyeessan Obbo Lijaalam Waggaarii, Biiroo Maallaqaatti Daayireektara Dhaabbilee deeggarsaafi qooda fudhattootaa hojichi milkaa’aa ta’uu himan.
Kana malees manneen fincaanii manneen barnootaa aanaa wanciifi Gooroo keessatti lama lama akka ijaaramanis karaa Focal Person Sagantichaa Injiinar Caalaa Yaadataatiin karoorri ittaanu dhiyaatee mirkanaa’eera.
Hoggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa Dhaabbatichi hojii qabatamaan ummanni irraa fayyadame kan hojjiechaa jiru ta’uu galateeffachuun gara fuula duraatti rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu hiikuufi baballina Inarjii Haaromfamaa “clean Energy” irrattis ballinaan akka hirmaataniif waamicha taasisaniiru.
Biiroonis Milkaa’ina hojiisaanitiif tumsa barbaachisu hunda akka godhus eeraniiru. Hogganaan Biiroo Maallaqaa Obbo Tolosaa Gaddafaa waltajjii kanarratti argamuun hojii dhaabbatichi hojjechaa jiruufi faayidaa inni ummataaf kennaa jiru dinqisiifatanii Biiroonsaanii fuula durattis karoora qabame milkeessuu keessatti gaheesaa akka bahatu mirkaneessan. Gamaaggama kanarratti hojjettoota Embaasii Xaaliyaanii dabalatee qoodafudhattoonni garaagraa hirmaataniiru jechuun biirichi odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017