
Finfinnee: Bara hoggansa Doktar Abiyyi Ahmadiifi Wiiliyaam Ruutootti aadaasaanii kabajachuuf haalli mijataan uumamuufii gareen hirmaattoota Marsaabiit Kaawontii Keeniyaa sirna walharkaafuudhiinsa Baallii 72ffaa Booranaa haaromsaan boodaa irratti hirmaatan beeksisan.
Garicha dursanii kan dhufan bulchaan Marsaabiit Kaawontii Keeniyaa Muhammad Alii sirnicha ilaalchisuun, nuti Marsaabiit Kaawontii Keeniyaa ummata Booranaa waliin garaagarummaa daangaa malee garaagarummaa aadaa hinqabnu jedhu.
Sirnoota darban keessa rakkoo daangaa irra tureen walitti dhufnee aadaa keenya kabajachuu akka hindandeenye taasifamaa turre jechuun ibsu. Har’a garuu haala maijaawaa argameen sirna Baallii 72ffaa Booranaa haaromsaan boodaa hirmaachuu isaaniif gammachuu ittidhaga’ame ibsaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, walittidhufeenyi waloo gama aadaa qofa osoo hintaane gama dinagdeefi hawaasummaan cimaa deemuu qaba. Kanaaf, ammoo daangaa biyyoota lameeniitti nageenyi mirkanaahuu akka qabu himanii; aadaa waloo akka cimsannuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Obbo Mahaammad Gollichaa yaada kennaniin nuti hawaasi Marsaabiit Kaawontii Keeniyaa lafa fageenya garba Indiyaatti dhiyaaturraa kaanee kiloomeetira fagoo deemnee rakkoo tokko malee sirna walharkaafuudhiinsa Baallii hirmaachuuf dhufne. Sirni Gadaa nuufis aadaadha. Abbaan Gadaa Booranaa Baallii 72ffaa fuudhan nuufis Abbaa Gadaati jedhu. Kan walitti nufidus aadaa waloosaanii waan ta’eef guddaa gammaduu ibsu. Kanaaf, immoo haalli biyyoota lamaan gidduu jiru bara Doktar Abiyyifi Wiiliyaam Ruutootti fooyya’uu isaatiin akka aadaa keenya kabajannu nutaasise jechuun motummoota lameeniif galata galchaniiru.
Hirmaattoti Marsaabiit Moombaasaa, Esiyoloo, Tanaariivaafi Naayiroobii kanneen biroo taateewwan aadaa sirna Gadaa daawwachuuf dhufaniifi hawaasa Booranaa daangaa Keeniyaa jiraatan aadichi tokkummaafi nageenya cimsa jedhu.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa biyyoota lameen gidduutti gaggeeffamaa jiru akka dabalu taasisuu himanii; bu’aan hidha laga Abbayyaa irraa Keeniyaaf dhufu dabalatee hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Obbo Jamaal Abdul Keeniyaa taa’ee waa’ee Booranaa yeroon dhaga’u akkas hin seene jedhu. Boorana keessa socho’uun akka hindanda’amne dhaga’aa turre amma garuu sirna Baallii nagaa walitti dabarfameefi aadaa bareedaafi aadaa Booranaa qabaachuu isaatti gammachuun ittidhaga’ame olaanaa ta’uu kaasu.
Ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa irraa dhufan sabaafi sablammoota ollaa Oromoo jiraatan sirnicharratti argeen jira jedhanii kun ammoo hunduma keenya walitti fidee tokkummaan keenya akka cimu waan taasisuuf bay’ee namatti tola jedhu.
Sirnichi haala kanaan akka raawwatuuf haaromsa aadaa mootummaa naannoon gaggeeffamaa jiru nutis bakka jirrutti aadaa keenya haareffachuun akka hammatamnu tasiseera. Aadaa irraanfannee turre haaressinee dhalootatti akka dabrsinu nutaasiseera.
Marsaabiit Kaawontii Keeniyaa jiran Baallii ittaanu dhufanii akka hirmaataniif waan arge kana dhaqee akka isaan beeksisu waadaan gala jechuun hawwii qaban ibsaniiru.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017