Aadde Misraaq Abbabaa: Dubartii Masjiidaafi Bataskaana gamoo tokkorratti ijaaranii gaaddisa amantiilee ta’an

Finfinneetti mana nama guddaa tokkoo kan haala ijaarsa manneen biyya kanaatiin hinbaramneen ijaarame tokkotti torbee darbe Ifxaara Ramadaanaatiif affeeramnee turre. Ani mana kanaaf keessummaa ta’uu baadhus muuxannoo tanaan dura qabuun wanti ani kanaan dura hinbarre tokko kan naaf ife Ifxaara tibbanaa kanarraatti.

Innis gamoon mana jireenyaa nama dhuunfaa kun akka mana jireenyaa dhuunfaa qofaatti osoo hintaane, darbiiwwan gamoo kanarra jiran tajaajila mana amantii garagaraa lama akka kennu kanin bare sagantaa Ifxaaraa torbee darbee kanaan ture.

Ofiisaaniitiif sooma amantii Ortodoksii hudaadee soomaa, Musliimotaaf immoo waggaa waggaan ifxaara qopheessuun kan beekaman Aadde Misraaq Abbabaa, osoo garaagarummaa amantiitiin hindaangeeffamne hordoftoota amantii musliimaa waliin hariiroo dheeraafi adda cituu hin dandeenye uummatanii ittiin jiraachaa akka turan duruu beekan ture.

Sagantaa Ifxaara bara darbeetiin affeerraa dubartiin hordoftuu amantii Ortodoksii tun nuuf taasisaniin yeroo gara mana saaniitti dhufnu, iddoon Ifxaarri itti qophaa’ee ture darbii jalqabaa gamoosaanii irratti kan gaggeeffame waan tureef, darbiiwwan gamoo sanaa ol jiran akkuma kutaalee mana jireenyaatti fudhannee turre. Boodarratti garuu darbiin afraffaa bakka Ifxaaraafi masjiida, darbiin lammataa immoo iddoo hordoftootni amantii kiristaanaa itti Waaqasaanii kadhatan ta’anii adda bahuusaanii sagantaa Ifxaaraa isa tibbanaa kanarratti bare.

 

Aadde Misraaq Abbabaa dhalatanii kan guddatan urjii Itoophiyaa bahaa kan taate magaalaa Dirre Dhawaatti yemmuu ta’u, iddoon itti dhalatan kun immoo irra jireessaan kan hordoftootni amantii musliimaa itti baay’atan ta’uunsaa hordoftoota amantii muslimaa waliin hariiroo jabaa akka ijaarratan isaan taasisuu himu.

Kana qofaas osoo hintaane gara Sa’ud Arabiyyaatti imaluun waggoota kurnan sadiif kan jiraatan Aadde Misraaq, kunis hariiroo musliimota waliin qabaniifi Dirre Dhawatti isaan waliin jirtu cimsee gara jaalala guutuutti isaan geessuu dubbatu.

Tibbanas akkuma kanaan dura barametti wayitii sooma Ramadaanaatti harka qalleeyyii hordoftoota muslimaa ta’aniif gargaarsa garaagaraa gochurraa hanga affeerraa Ifxaaraa guguddaa qopheessuun jaalalaafi kabajaa hordoftoota amantichaaf qaban irra deebi’uudhaan mirkaneeffannee, “Namoota birootiif ergaa maalii qabaata?” kan jedhu ofii keenyaaf walgaaffanne.

Ifxaara Ramadaanaa bara darbeerratti namootni akka argaman barbaadaman hedduu ta’us, guyyaa sagantaa Ifxaaraa sana baay’inni namootaa argamanii hanga barbaadamuu sana ta’uu dhabuusaatiin Aadde Misraaq namoota saganticharratti argamaniifi namoota beekan hunda akka affeeraniif warroota itti himame komatanii turan.

Baay’inni namoota bara darbe sagantaa Ifxaaraarratti argamanii hanga isaan yaadanii gadi ta’uun kan isaan yaachise, dubartiin ‘Masqalii’ mormatti godhatanii Musliimaaf Ifxaara qopheessan tun, sagantaa Ifxaara baranaarrattis namoonni hedduu affeeramanii saganticharratti akka argamaniif ergaafi dhaamsa karaa namoota beekanii hundaan dabarsaniin, hanga isaan barbaadan ta’uu baatus, baay’inni namaa kan bara darbee caalu sagantaa Ifxaaraa tibbanaarratti argameera.

Waanti sagantaa Ifxaara baranaa adda taasisu kan biraa, guyyaa saganticharratti intala obboleettiisaaniitiif ‘Nikaa’ hidhuudhaan baay’inni namaa akka dabalu ‘Dhagaa tokkoon simbira lama’ rukutuudhaan milkaa’aniiru.

Guyyaa Ifxaaraa hordoftoota amantii Musliimaa soomana Ramadaanaa qabaniif qophaa’e kanatti intala obboleettiisaanii namaa kennuu qofa osoo hintaane, intalti obboleettiisaanii tun amantiin ishii Musliima, kan gurbaa intala kaadhimatee ammoo Kiristaana Ortodoksiidha.

“Ani gaafa yaaddoo garagaraa keessa galee haalotni natti toluu dhaban Musliimotaafi sheekkota barbaadee rakkoo wayii keessa galee jiraa koottaa du’aayii naa godhaa! jedhee waammadha. Isaanis guyyaa tokko yommuun rakkadhee isaan waametti narraa hafanii hinbeekan.

Yeroma ani waammadhetti dhufanii du’aayii naa gochuudhaan akkan yaaddoofi miira gaarii hintaane sanarraa dandamadhuuf waan danda’an hundaan nagargaaru. Akkasumas, Musliimootni yeroo rakkoowwan garagaraa isaan qunnametti dhufanii “Tsalootii nuu godhi !” naan jedhanii anis haala amantii kootiin Waaqan kadhadhaaf. Kanaaf jaalalli dhugaa hordoftoota amantii musliimaafi kiristaanaa jidduu jiru kun isa kana malee, isa marsariitii hawaasaarratti namootni dhuunfaa ajandaa jibbiinsaa facaasuuf dhoobanii miti” jedhu.

Mana jireenyaa kanarratti darbii lammaffaa kan hordoftootni amantii kiristaanaa Waaqasaanii itti kadhatan, darbii afraffaan immoo bakka waggaa waggaan sagantaa Ifxaaraa itti adeemsifamuufi iddoo salaataa akka masjiidaatti tajaajiluudha. Kun immoo manichi bal’atee wanti itti hojjatamu dhabamee osoo hintaane, hariiroo obbolummaafi waliin jireenya amantiilee qabatamaan mul’isuuf yaadameeti.

Yeroo ammaa biyyattiin qormaatawwan garagaraa keessa jirtu kanatti qaamolee walitti bu’iinsa amantii uumuuf tattaafatanirratti hawaasni amantiilee lachuu dammaquudhaan ololi qilleensarratti uumame kun osoo lafa hingeenye qilleensumarratti hafuu akka qabu kan dhaaman Aadde Misraaq, keessattuu abbootiin amantii gama lachuu jiran olola sobaa akkasii gatii dhabsiisuufi hordoftoota amantiilee walitti hidhuu keessatti shoora dachaa bahachuu akka qaban dhaamu.

Dubartiin tun dhala namaa hunda ija tokkoon ilaaluun isaanii hordofaa amantii muslimaa kan firoomsatan ta’uu, ollaafi hordofaa amantii Musliimaa kan ta’an Obbo Fadluu Afran ragaa bahu.

Akka yaadasaniitti, Aadde Misraaq biratti madaalli namummaadha malee amantii namni hordoftuu miti. Kana bira darbees, waan ofiisaaniitii amanan qofaa osoo hintaane, waan namni biraa amanus akkuma kan isaaniitti namaaf kabaju. Sagantaan Ifxaaraa akka guyyaa har’aa kun yeroo Ramadaanni dhufutti isa waggaa waggaan guyyaa tokko tokko qofaa qophaa’u osoo hintaane, dubartiin tun ji’a gannaa kana guutuu hordoftoota amantii islaamaa harka qalleeyyii ta’an karaa garagaraatiin gargaaru.

“Gargaarsa Aadde Misraaq immoo wanti adda isa taasisu, waan nama tokkoof godhan nama biraatti hinhiman. Kanaaf namni hundi akkuma isa qofaaf waa kennaniitti ilaala malee namoota hedduu akka deeggaranitti hinbeeku jechuudha.

Kanaaf gaarummaafi fakkeenyummaan nama kanaa afaaniin dubbachurra hojiisaanii itti dhiheenyaan barutu namaaf salphata. Yeroo namootni tokko tokko maqaa amantii dhahachaa karaa miidiyaalee hawaasaa burjaajii uumuuf wixxirfatan kanatti gocha jaalalaafi tokkummaa ibsu akkanaa namoonni akka Aadde Misraaqfaan ilaalaa isa faallaa kanaan jiru tuffatanii bira darbuun gahaadha” jedhu.

Hawaasa naannawa ollaasaanii jiru kanaaf deeggarsiifi tajaajilli tola ooltummaa isaan maanguddootaafi namoota harka qalleeyyiif taasisan, amantiisaanii bira ce’anii hordoftoota amantii biraa gargaaran, yeroo bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojiiwwan misoomaa garagaraatiif isaan barbaadu dursanii argaman nama dhugummaadhaan jaalala biyyaa gadi fagoo ta’e qaban ta’us ni kaasu.

Kana qofaas osoo hintaane, Raayyaa Ittisa Biyyaa daangaa Itoophiyaa kabachiisuuf kallattii biyyattii garaagaraatti bittinnaa’ee jiru yeroo darbe garbuu kuntaala kuma 200 daaksisuudhaan gumaacha kan taasisan Aadde Misraaq dubartii hanga hojiisaanii hinhimamneef ta’uu himu.

Walumaagalatti, ololli jibbiinsaa namoota dhuunfaatiin akka waan hordoftootni amantii tokkoo isa biraa jibbaniitti hafarfamu kijiba qilleensarratti malee lafarratti hinmul’anne ta’uusaatiif ragaan dubartii tana caalu hinjiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 13 Bara 2017

 

 

 

 

Recommended For You