“Yunivarsitiin keenya hojii ummachuufi intarpirinarshiippiirratti dargaggootaaf leenjiiwwan garagaraa nikenna” -Doktar Galmoo Bonayyaa

Yunivarsitiin Booranaa Yunivarsitiiwwan Itoophiyaa keessa jiran keessaa dhumarratti kan hojii jalqabeedha. Yunivarsitichi hojii baruufi barsiisuu erga jalqabee bara darbe yeroo jalqabaaf barattoota marsaa duraa eebbisiiseera.

Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa dhiyeenya kana yunivarsitichatti, Pirezidaantii Ittaanaa Dhimma Barnootaa, Qo’annoofi Qorannoo Doktar Galmoo Bonayyaa waliin dhimmoota baruu barsiisuufi kaanirratti taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Yunivarsitiin Booranaa yoom akka hundaa’eefi sadarkaa yunivarsitichi yeroo ammaa irra jiru gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Doktar Galmoo: Yunivarsitiin Booranaa Yunivarsitoota Itoophiyaa keessa jiran keessaa dhumarratti hojii jalqabe ykn isa quxisuudha. Yunivarsitichi gaaffii ummataatiin bara 2010 eeyyamamee 2011 ijaarsisaa jalqabame. Yunivarsitichi bara 2011fi 12 ijaaramee bara 2013tti hojii baruu barsiisuu jalqabe. Yunivarsitichi barattoota marsaa jalqabaa eebbisiiseera.

Yunivarsitichi yeroo ammaa barnoota idilee digrii tokkoffaatiin muummeewwan barnootaa 23 qaba. Magaalota Yaaballoofi Moyyaaleetti barattoota guyyoota boqonnaa (Sanbata) baratan ammoo muummeewwan barnootaa saddeetiin barsiisaa jira. Barnoota digrii lammaffaatiin sagantaa (Program) tokko qabna. Yunivarsitichi bara 2016 marsaa jalqabaatiin barattoota 135 eebbisiiseera.

Bariisaa: Bu’uuraaleen misoomaa yunivarsitichaa sadarkaa maaliirratti argamu?

Doktar Galmoo: Bu’uuraalee misoomaan walqabatee yunivarsitichi bakka bultii barsiisotaa sagal, mana kitaabaa (Library) tokko, laaboraatoorii tokko, bakka nyaatni itti qophaa’uufi barattoonni itti nyaatan, gamoowwan barattoonni ittibaratan lama, biirolee, bishaan dhugaatii qulqulluufi ibsaa ni qaba. Kana malees gamoowwan doormii barattootaa shan, gamoon bakka bultii barsiisotaa sadiifi laaboraatoorii tokko ijaaramaa jiru.

Hojiin ijaarsa daandii kiiloomeetira torba ta’u bara 2013 mooraa yunivarsitichaatti jalqabame sababoota garagaraatiin harkifateera. Hojiin ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu, ibsaafi bakka balfi dhangala’aan itti dhabamsiifamu ijaaruus hinxumuramne. Ijaarsawwan kunneen dhiyeenyatti ni xumuramu jennee yaadna.

Laaboraatoorii barana hojii jalqabsiisuuf wantoonni barbaachisan guutamaa jiru. Manni kitaabaas kitaabota barbaachisan ni qaba. Yunivarsitichi barsiisota 230 oliifi galteewwan hojii baruu barsiisuuf barbaachisan ni qaba.

Bariisaa: Seensa (Karra guddaa yunivarsitichaa) haala aadaafi duudhaa naannawichaa eegeen ijaaruuf waanti yaadame yoo jiraate?

Doktar Galmoo: Balballi guddaa (Seensa) yunivarsitichaa haala aadaafi duudhaa naannichaa eegeen ijaaruuf dizaayiniinsaa hojjetamaa jira. Gamoon bulchiinsa yunivarsitichaas ijaaramaa jira. Bu’uraaleen misoomaa biroonis walfaana hojjetamaa jiru.

Bariisaa: Yunivarsitichi yeroo ammaa barattoota meeqa barsiisaa jira?

Doktar Galmoo: Yunivarsitiin keenya yeroo ammaa barattoota idileefi guyyoota boqonnaa baratan kuma lamaafi 800 barsiisaa jira. Kana keessaa barattoonni idilee kuma lamaafi 100 ta’u. Barattoota barana riimeediyaalii akka barataniif ramadaman dabalatee yunivarsitichi barattoota kuma sadii ta’an barsiisaa jira.

Yunivarsitichi humna barattoota kuma shan simatee barsiisuu qabaatus humnaa gad simatee barsiisaa jira. Barattoonni yunivarsitichatti ramadaman baay’een dhufuu dhabuun rakkoo yunivarsitoota biyyattii biroottis mul’atuudha.

Bariisaa: Yunivarsitiin Booranaa yunivarsitii dhiyeenya hojii jalqabe ta’uun walqabatee maal maal guuttachuu qaba?

Doktar Galmoo: Yunivarsitiin Booranaa erga hojii jalqabee waggaa afur ta’eera. Yunivarsitichi umuriidhaan baay’ee xiqqaa waan ta’eef wantoota guuttachuu qabu baay’eetu isa hafa.

Laaboraatooriin keenya qo’annoofi qorannoo qulqullina sadarkaa biyyaafi addunyaa eegee hojjechuuf akka gargaaruuf irratti hojjechaa jirra. Giddugaloonni qo’annoofi qorannoo garagaraas wantoota guutachuu qaban akka guuttataniif irratti hojjechaa jirra. Giddugaloonni yeroo dhiyootti hojii jalqabanis ni jiru.

Mana kitaabaa keenyas wantoota barbaachisaniin guutuudhaan sadarkaa kamittuu barattootaafi namoota qo’annoofi qorannoo hojjetaniif haala mijaa’aa uumuuf hojjechaa jirra. Umuriin yunivarsitichaa xiqqaa ta’us yaadni, mul’atniifi fedhiin isaa guddaadha. Yunivarsitiin Booranaa akka Gaanfa Afrikaatti keessumaa waa’ee horsiisee bulaa, lafa dheedinsaafi qorannoo aadaarratti yunivarsitii duraa ta’uuf mul’ata qaba. Mul’ata kana bira ga’uuf cimnee itti deemaa jirra.

Bariisaa: Yunivarsitiin Booranaa rakkoolee horsiisee bulaa Godina Booranaa furuuf qo’annoofi qorannoo akkamii taasiseera ykn ammoo taasisaa jira?

Doktar Galmoo: Yunivarsitiin keenya umuriin xiqqaa ta’uun walqabatee hanga ammaatti qo’annoofi qorannoo rakkoolee horsiisee bulaa furuuf hojjetee ifa taasise hinqabu. Yunivarsitichi qo’annoowwaniifi qorannoowwan rakkoolee qonnaan bultootaafi hawaasaa furan baay’ee adeemsisaa jira.

Qorannoowwan haalota sadiin adeemsifamu. Qorannoo tokkoffaan damee qorannoo yunivarsitichi qopheesserratti hundaa’uun piroppozaalii qopheeffatee kan mo’ateef qarshiin ramadamee qorannichi akka adeemsifamu ta’a. Qorannoowwan nama dhuunfaan hojjetamanis adda baafamanii damee qorannoo barbaachisurratti akka hojjetamu taasisuudha. Yeroo ammaa qorannoowwan 30 ta’an adeemsifamaa jiru.

Lammaffaan qorannoo fedhii ummataarratti xiyyeeffachuun adeemsifamuudha. Seenaa naannawa kanaatiin walqabatee qorannoowwan lama adeemsifamaa jiru.

Sadaffaan ammoo qorannoowwan gaggabaaboo fakkeenyaaf hongee yeroo darbe mudatee tureen walqabatee qorannoo gabaabaa taasisuudhaan akka ummanni fayyadamu taasifneerra. Yeroo ammaa ammoo waa’ee ittifayyadama lafaafi qulqullina barnootaatiin walqabatee qorannoowwan gaggabaaboon lama adeemsifamaa jiru.

Yunivarsitiin Booranaa qorannoo Yunivarsitiiwwan Finfinneefi Jarman ‘Kassil’ jedhamu waliin sadarkaa addunyaatti hojjechaa jira. Qorannoon kun waa’ee gaalaarratti xiyyeeffata.

Yunivarsitiin Booranaa Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaafi Yunivarsitii Bulee Horaa waliin ta’uun qorannoo tokko hojjechaa jira. Qorannoon kun yoo hongeen mudate qonnaan bulaa akkamitti danndammachiisuun akka danda’amurratti xiyyeeffata.

Bariisaa: Ummanni Booranaa aadaa Oromoo ganamaa eegee tursiisee har’aan gahuudhaan beekama. Aadaa kana eeguufi kunuunsuutiin yunivarsitichi maal hojjechaa jira?

Doktar Galmoo: Yunivarsitichi Dhaabbata ykn Inistiitiyuutii ‘Indigenes Democracy and Cultural Study’ jedhamu qaba. Dhaabbatichi aadaafi duudhaa Oromoorratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Dhaabbatichi walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa 72ffaa ilaalchisees qorannoo gabaabaa adeemsiseera. Oromoof Gadaan waan cufa. Gadaan mallattoo tokkummaafi eenyummaa Oromooti. Gadaan Oromoofi Gadaa gargar baasuun hindanda’amu.

Inistiitiyuutiin hundaa’es aadaafi duudhaa Oromoo qorachuurratti fuulleffatee hojjechaa jira. Aadaafi duudhaa Oromoo dhokate ifatti baasuun dhalootaaf dabarsuufis qorannoowwan hedduu adeemsisaa jira.

Bariisaa: Yunivarsitichi gama tajaajiloota hawaasummaa mirkaneessuutiin, leenjiiwwan gaggabaaboo kennuufi hojiilee misoomaa deeggaruutiin maal hojjetaa jira?

Doktar Galmoo: Yunivarsitiin Booranaa hojii kan jalqabe yeroo hongeen Godina Booranaa mudatee turetti. Yunivarsitichi lammiilee yeroo sana hongeef saaxilamaniif gargaarsa guddaa taasisaa ture. Yunivarsitichi yeroo hongee sanatti barattootaafis deeggarsa meeshaalee barnootaafi nyaataa taasiseera.

Yunivarsitiin keenya hojii ummachuufi intarpirinarshiippiirratti dargaggootaaf leenjiiwwan garagaraa kennaa tureera. Horsiisa looniirrattis leenjii kenneera. Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan qopheessuuf waggaa keessatti yeroo sadii manneen barnootaatti leenjii kennaa jira.

Barattoota maatiinsaanii harkaqal’eeyyii ta’aniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisaa jira. Yunivarsitichi barana barattoota manneen barnootaa saddeet baay’innisaanii 600 ta’aniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.

Yunivarsitichi hojiilee misoomaa hirmaannaa ummataafi mootummaatiin raawwatamaa jiran deeggaruufis lojistiksiidhaan, leenjii kennuufi humna namaa erguunis utubaa jira.

Bariisaa: Yunivarsitiin Booranaa yunivarsitoota biyya keessaafi alaa waliin hojjechuurratti maal fakkaata?

Doktar Galmoo: Yunivarsitiin Booranaa yunivarsitoota hedduu waliin hariiroo cimaa qaba. Yunivarsitiin keenya Yunivarsitiiwwan Bulee Horaafi Arbaa Minci waliin hojjetaa jira. Barattoota keenya gara Laaboraatoorii Yunivarsitii Arba Mincitti erginee hojjechiifna. Barsiisonnisaaniis dhufanii barattoota keenya digrii lammaffaa barsiisaa jiru.

Yunivarsitiiwwan Amboo, Hawaasaa, Haramaayaafaa wajjinis hariiroo cimaa qabna. Yunivarsitiin Booranaafi Yunivarsitiin Bulee Horaa ammoo baay’ee waan walitti dhiyootti argamaniif waliin hojjechuurattis ta’e qorannoowwan hojjechuurratti hariiroo cimaa qabu.

Bariisaa: Dhumarratti yaada dabalataa ykn ergaa yoo qabaattan?

Doktar Galmoo: Yunivarsitiin Booranaa waan dhiyeenya hojii jalqabeef wantoota hinguutamneef hedduu qaba. Yunivarsitichi ijaarsarra jira. Ijaarsarra jira yoo jennu gamoowwaniifi bu’uraalee misoomaa qofa utuu hintaane caasaan yunivarsitichaallee ijaarsarra jira.

Humni namaas akkasuma sadarkaa sadarkaan ijaaramaa jira. Humni yeroo ammaa yunivarsitichi qabuufi fedhiin ummataa walsimuu dhabuu danda’a. Yunivarsitichi sadarkaa ummatni itti isa eeguufi mul’atasaa bira gahuuf cimee hojjechaa jira.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 6 Bara 2017

 

Recommended For You